< 1 Wakorintho 15 >

1 Basi ndugu zangu nataka niwakumbushe kuhusu Injili niliyowahubiria, mkaipokea na ambayo katika hiyo mmesimama.
Ammas yaa obboloota, ani waaʼee wangeela ani isinitti lallabe, kan isin fudhattanii ittiin dhaabatan sanaa isin yaadachiisuu nan barbaada.
2 Kwa Injili hii mnaokolewa mkishikilia kwa uthabiti neno nililowahubiria ninyi. La sivyo, mmeamini katika ubatili.
Isin yoo dubbii ani isinitti lallabe sana jabeessitanii qabattan wangeeluma kanaan ni fayyitu. Yoo kanaa achii akkasumaan amantan jechuu dha.
3 Kwa maana yale niliyopokea ndiyo niliyowapa ninyi, kama yenye umuhimu wa kwanza: Kwamba Kristo alikufa kwa ajili ya dhambi zetu, kama yasemavyo Maandiko,
Anis waanan fudhadhe duraan dursee dabarseen isinitti kenneeraatii; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf jedhee duʼe;
4 ya kuwa alizikwa na alifufuliwa siku ya tatu, kama yasemavyo Maandiko,
ni awwaalames; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti guyyaa sadaffaatti duʼaa kaafame.
5 na kwamba alimtokea Kefa, kisha akawatokea wale kumi na wawili.
Inni duraan dursee Keefaatti, ergasiis warra Kudha Lamaanitti mulʼate.
6 Baadaye akawatokea wale ndugu waumini zaidi ya 500 kwa pamoja, ambao wengi wao bado wako hai, ingawa wengine wamelala.
Sana booddee yeroo tokkotti obboloota dhibba shanii ol taʼanitti mulʼate; isaan keessaas yoo muraasni boqotan iyyuu hedduun isaanii hamma ammaatti ni jiru.
7 Ndipo akamtokea Yakobo na kisha mitume wote.
Ergasiis Yaaqoobitti, itti aansee ergamoota hundatti mulʼate;
8 Mwisho wa wote, akanitokea mimi pia, ambaye ni kama aliyezaliwa si kwa wakati wake.
dhuma irratti immoo ana kan akka gatataatti dhalateetti lakkaaʼamutti mulʼate.
9 Kwa maana mimi ndiye mdogo kuliko mitume wote, nisiyestahili kuitwa mtume, kwa sababu nililitesa kanisa la Mungu.
Ani ergamoota hundaa gadi; ergamaa jedhamee waamamuun iyyuu naaf hin malu; ani waldaa kiristaanaa Waaqaa ariʼachaan tureetii.
10 Lakini kwa neema ya Mungu nimekuwa hivi nilivyo na neema yake kwangu haikuwa kitu bure. Bali nilizidi sana kufanya kazi kuliko mitume wote, lakini haikuwa mimi, bali ni ile neema ya Mungu iliyokuwa pamoja nami.
Garuu ani ayyaana Waaqaatiin akkuman jiru kana jira; ayyaanni isaa kan naa kennames akkasumaan hin hafne. Ani hunduma isaanii caalaa jabaadhee hojjedheera; kanas utuu ana hin taʼin ayyaana Waaqaa kan na wajjin jirutu hojjete.
11 Hivyo basi, kama ilikuwa mimi au wao, hili ndilo tunalohubiri, na hili ndilo mliloamini.
Egaa anas taʼu yookaan isaan, wanni nu lallabnu, wanni isin amantanis kanuma.
12 Basi kama tumehubiri ya kwamba Kristo alifufuliwa kutoka kwa wafu, mbona baadhi yenu mnasema hakuna ufufuo wa wafu?
Kiristoos warra duʼan keessaa akka kaafame erga lallabamee, isin keessaa namoonni tokko tokko akkamitti duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jiru jechuu dandaʼu ree?
13 Lakini kama hakuna ufufuo wa wafu, basi hata Kristo hakufufuliwa.
Erga duʼaa kaʼuun warra duʼanii hin jirre, Kiristoos iyyuu duʼaa hin kaafamne jechuudha kaa!
14 Tena ikiwa Kristo hakufufuliwa kutoka kwa wafu, kuhubiri kwetu kumekuwa ni bure na imani yenu ni batili.
Erga Kiristoos duʼaa hin kaafamin immoo lallabni keenya faayidaa hin qabu; amantiin keessanis faayidaa hin qabu.
15 Zaidi ya hayo, twaonekana kuwa mashahidi wa uongo kuhusu Mungu, kwa sababu tumeshuhudia kumhusu Mungu kwamba alimfufua Kristo kutoka kwa wafu, lakini hilo haliwezi kuwa kweli kama wafu hawafufuliwi.
Kana malees Waaqni Kiristoosin duʼaa kaaseera jennee waaʼee Waaqaa waan dhugaa baaneef, nu waaʼee Waaqaa dhuga baatota sobaa taanee argamneerra. Garuu erga warri duʼan hin kaafamin inni Kiristoosin hin kaafne jechuu dha.
16 Kwa kuwa kama wafu hawafufuliwi, basi hata Kristo hajafufuka.
Yoo warri duʼan kaafamuu baatan, Kiristoosis duʼaa hin kaafamneetii.
17 Tena kama Kristo hajafufuliwa, imani yenu ni batili; nanyi bado mko katika dhambi zenu.
Erga Kiristoos duʼaa hin kaafamin amantiin keessan faayidaa hin qabu; isinis ammuma iyyuu cubbuu keessa jirtu.
18 Hivyo basi, wote waliolala katika Kristo wamepotea.
Yoos warri utuu Kiristoositti jiranuu boqotan baduu isaanii ti.
19 Ikiwa tumaini letu ndani ya Kristo ni kwa ajili ya maisha haya tu, sisi tunastahili kuhurumiwa kuliko watu wote.
Yoo jireenya ammaa qofaaf Kiristoosin abdanne nu warra namni hundi naʼuuf taʼuu keenya.
20 Lakini kweli Kristo amefufuliwa kutoka kwa wafu, tunda la kwanza la wale wote waliolala.
Amma garuu Kiristoos warra boqotaniif hangafa taʼee dhugumaan warra duʼan keessaa kaafameera.
21 Kwa maana kama vile mauti ilivyokuja kwa njia ya mtu mmoja, vivyo hivyo, ufufuo wa wafu umekuja kwa njia ya mtu mmoja.
Akkuma duuti karaa nama tokkootiin dhufe, akkasuma immoo duʼaa kaʼuun warra duʼanii karaa nama tokkootiin dhufeetii.
22 Kwa maana kama vile katika Adamu watu wote wanakufa, vivyo hivyo katika Kristo wote watafanywa hai.
Akkuma hundinuu Addaamiin duʼan, hundinuu Kiristoosiin jiraatoo ni taasifamuutii.
23 Lakini kila mmoja kwa wakati wake: Kristo, tunda la kwanza kisha, wale walio wake, wakati atakapokuja.
Kun hundinuus yeroo dabaree isaatti ni taʼa; Kiristoos hangafticha, ergasii immoo yeroo inni deebiʼee dhufutti warra kan Kiristoos taʼan.
24 Ndipo mwisho utafika, wakati atakapomkabidhi Mungu Baba ufalme, akiisha angamiza kila utawala na kila mamlaka na nguvu.
Innis erga bulchiinsa hunda, taayitaa fi humna hunda balleessee booddee, yeroo Waaqa Abbaatti mootummaa dabarsee kennutti dhumni ni taʼa.
25 Kwa maana lazima Kristo atawale mpaka awe amewaweka adui zake wote chini ya miguu yake.
Inni hamma diinota isaa hunda miilla isaa jala galfatutti moʼuu qabaatii.
26 Adui wa mwisho atakayeangamizwa ni mauti.
Diinni dhumaa kan barbadeeffamuu qabu duʼa.
27 Kwa maana Mungu “ameweka vitu vyote chini ya miguu yake.” Lakini isemapo kwamba “vitu vyote” vimewekwa chini yake, ni wazi kwamba Mungu aliyetiisha vitu vyote chini ya Kristo hayumo miongoni mwa hivyo vilivyotiishwa.
Inni, “Waan hunda miilla isaa jala galcheeraatii.” Garuu “Wanni hundi” isa jala galfameera jechuun akka isa waan hunda isa jala galche sana hin dabalatin beekamaa dha.
28 Atakapokuwa amekwisha kuyafanya haya, ndipo Mwana mwenyewe atatiishwa chini yake yeye aliyetiisha vitu vyote, ili Mungu awe yote katika yote.
Erga waan kana godhee booddee akka Waaqni waan hundumaan hundumaa taʼuuf Ilmi mataan isaa iyyuu isa waan hundumaa miilla isaa jala galche sanaaf ni bula.
29 Basi kama hakuna ufufuo, watafanyaje wale wabatizwao kwa ajili ya wafu? Kama wafu hawafufuliwi kamwe, mbona watu wanabatizwa kwa ajili yao?
Yoo duʼaa kaʼuun jiraachuu baate namoonni warra duʼaniif jedhanii cuuphaman maal gochuu isaanii ti? Warri duʼanis yoo duʼaa hin kaafamin namoonni maaliif qooda isaanii cuuphamu ree?
30 Nasi kwa upande wetu kwa nini tunajihatarisha kila saa?
Nu maaliif saʼaatii hunda balaaf of saaxilla?
31 Kama majivuno yangu kwa ajili yenu katika Kristo Yesu Bwana wetu ni kweli, ndugu zangu, ninakufa kila siku.
Yaa obboloota, ani guyyuma guyyaan akkan duʼu of jajuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin isin irratti qabuun nan kakadha.
32 Kama kwa sababu za kibinadamu tu nilipigana na wanyama wakali huko Efeso, ningekuwa nimepata faida gani? Kama wafu hawafufuliwi, “Tuleni na kunywa, kwa kuwa kesho tutakufa.”
Ani akka namaatti Efesoonitti bineensa wajjin wal loluun koo, erga warri duʼan hin kaafamnee, maal na fayyada? “Kottaa ni nyaannaa; ni dhugnas; bor ni duunaatii.”
33 Msidanganyike: “Ushirika na watu wabaya huharibu tabia njema.”
Hin gowwoomfaminaa: “Hiriyaan hamaan amala gaarii balleessa.”
34 Zindukeni mwe na akili kama iwapasavyo, wala msitende dhambi tena; kwa maana watu wengine hawamjui Mungu. Nasema mambo haya ili mwone aibu.
Gara qalbii keessan isa qajeelaatti deebiʼaa; cubbuu hojjechuus dhiisaa; namoonni Waaqa hin beekne tokko tokko isin gidduu jiruutii. Anis isin qaanessuufin waan kana dubbadha.
35 Lakini mtu anaweza kuuliza, “Wafu wafufuliwaje? Watakuwa na mwili wa namna gani?”
Garuu namni tokko, “Warri duʼan akkamitti kaafamu? Dhagna akkamiitiin dhufu?” jedhee ni gaafata taʼa.
36 Ninyi wapumbavu kiasi gani? Mpandacho hakiwi hai kama hakikufa.
Yaa gowwaa! Wanni ati facaaftu yoo duʼe malee jireenya hin argatu.
37 Mpandapo, hampandi mwili ule utakao kuwa, bali mwapanda mbegu tu, pengine ya ngano au ya kitu kingine.
Wanni ati facaaftu sanyiidhuma, jechuunis sanyii qamadii yookaan sanyii midhaan biraati malee dhagna midhaan biqilee guddachuuf jiru sanaa miti.
38 Lakini Mungu huipa mbegu umbo kama alivyokusudia mwenyewe na kila aina ya mbegu huipa umbo lake.
Waaqni garuu akkuma fedhetti dhagna isaaf kenna; tokkoo tokkoo gosa sanyiitiifis dhagna mataa isaa kenna.
39 Kwa maana nyama zote si za aina moja. Binadamu wana nyama ya aina moja, wanyama wana aina nyingine, kadhalika ndege na samaki wana nyama tofauti.
Foon hundinuu tokko miti; namni foon gosa tokkoo qaba; horiin foon gosa biraa, simbirroon foon gosa biraa, qurxummiinis foon gosa biraa qabu.
40 Pia kuna miili ya mbinguni na miili ya duniani, lakini fahari wa ile miili ya mbinguni ni wa aina moja na fahari wa ile miili ya duniani ni wa aina nyingine.
Akkasuma immoo dhagnawwan samii irraa ni jiru; dhagnawwan lafa irraas ni jiru; garuu ulfinni dhagnawwan samii irraa gosa tokko; ulfinni dhagnawwan lafa irraa immoo gosa biraa ti.
41 Jua lina fahari ya aina moja, mwezi nao una fahari yake na nyota pia, nazo nyota hutofautiana katika fahari.
Aduun ulfina gosa tokkoo qabdi; jiʼis ulfina gosa biraa, urjiiwwanis ulfina gosa biraa qabu; urjiin tokko ulfinaan urjii biraatiin addaatii.
42 Hivyo ndivyo itakavyokuwa wakati wa ufufuo wa wafu. Ule mwili wa kuharibika uliopandwa, utafufuliwa usioharibika,
Duʼaa kaʼuun warra duʼaniis akkasuma. Dhagni facaafamu kan baduu dha; kan hin badne taʼee immoo kaafama.
43 unapandwa katika aibu, unafufuliwa katika utukufu, unapandwa katika udhaifu, unafufuliwa katika nguvu,
Inni salphinaan facaafama; ulfinaan kaafama; dadhabbiin facaafama; humnaan kaafama;
44 unapandwa mwili wa asili, unafufuliwa mwili wa kiroho. Kama kuna mwili wa asili, basi kuna mwili wa kiroho pia.
dhagna fooniitu facaafama; dhagna hafuuraatu kaafama. Erga dhagni foonii jiraate, dhagni hafuuraas ni jira.
45 Kwa hiyo imeandikwa, “Mtu wa kwanza Adamu alifanyika kiumbe hai”; Adamu wa mwisho, yeye ni roho iletayo uzima.
Kanaaf, “Addaam namichi jalqabaa lubbuu jiraataa taʼe” jedhamee barreeffameera; Addaam inni dhumaa immoo hafuura jireenya kennu taʼe.
46 Lakini si ule wa kiroho uliotangulia, bali ni ule wa asili, kisha ule wa kiroho.
Inni jalqabatti dhufe garuu isa hafuuraa utuu hin taʼin isa foonii ti; inni hafuuraa immoo ergasii dhufe.
47 Mtu wa kwanza aliumbwa kwa mavumbi ya ardhini, mtu wa pili alitoka mbinguni.
Namichi duraa lafa irraa dhufe; inni kan lafaa ti; namichi lammaffaan immoo samii irraa dhufe.
48 Kama vile alivyokuwa yule wa ardhini, ndivyo walivyo wale walio wa ardhini; na kwa vile alivyo mtu yule aliyetoka mbinguni, ndivyo walivyo wale walio wa mbinguni.
Warri kan lafaa taʼan akkuma namicha lafa irraa sanaa ti; warri kan samii taʼan immoo akkuma namicha samii irraa dhufe sanaa ti.
49 Kama vile tulivyochukua mfano wa mtu wa ardhini, ndivyo tutakavyochukua mfano wa yule mtu aliyetoka mbinguni.
Nu akkuma bifa namicha lafaa sanaa uffanne, akkasuma immoo bifa namicha samii sanaa ni uffanna.
50 Ndugu zangu nisemalo ni hili: nyama na damu haviwezi kuurithi ufalme wa Mungu, wala kuharibika kurithi kutokuharibika.
Yaa obboloota, akka foonii fi dhiigni mootummaa Waaqaa dhaaluu hin dandeenye yookaan akka inni badu isa hin badne dhaaluu hin dandeenye ani isinitti nan hima.
51 Sikilizeni, nawaambia siri: Sote hatutalala, lakini sote tutabadilishwa
Kunoo, ani icciitii tokko isinittin hima: Hundi keenya hin duunu; nu hundi garuu ni geeddaramna;
52 ghafula, kufumba na kufumbua, parapanda ya mwisho itakapolia. Kwa kuwa parapanda italia, nao wafu watafufuliwa na miili isiyoharibika, nasi tutabadilishwa.
kunis yeroo malakanni dhumaa afuufamu yeruma sanatti hamma liphsuu ijaatti raawwatama. Malakanni ni afuufamaatii; warri duʼanis kanneen hin badne taʼanii ni kaafamu; nus ni geeddaramna.
53 Kwa maana mwili huu wa kuharibika lazima uvae kutokuharibika, nao huu wa kufa lazima uvae kutokufa.
Inni badu kun isa hin badne, inni duʼu kun immoo isa hin duune uffachuu qabaatii.
54 Kwa hiyo, mwili huu wa kuharibika utakapovaa kutokuharibika, nao huu mwili wa kufa utakapovaa kutokufa, ndipo lile neno lililoandikwa litakapotimia: “Mauti imemezwa kwa kushinda.”
Yeroo inni badu isa hin badne uffatee, inni duʼu immoo isa hin duune uffatutti dubbiin akkana jedhamee barreeffame sun ni raawwatama; “Duuti moʼichaan liqimfameera.” Akkasumas,
55 “Kuko wapi, ee mauti, kushinda kwako? Uko wapi, ee mauti, uchungu wako?” (Hadēs g86)
“Yaa duʼa, moʼichi kee meerre? Yaa duʼa, ilkeen kee meerre?” (Hadēs g86)
56 Uchungu wa mauti ni dhambi na nguvu ya dhambi ni sheria.
Ilkeen duʼaa cubbuu dha; humni cubbuu immoo seera.
57 Lakini ashukuriwe Mungu, yeye atupaye ushindi kwa njia ya Bwana wetu Yesu Kristo.
Waaqa karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu!
58 Kwa hiyo, ndugu zangu wapenzi, simameni imara, msitikisike, mzidi sana katika kuitenda kazi ya Bwana, kwa maana mnajua ya kuwa, kazi yenu katika Bwana si bure.
Kanaafuu yaa obboloota koo jaallatamoo, jabaadhaa dhaabadhaa. Wanni tokko isin hin sochoosin; akka dadhabbiin keessan Gooftaa biratti faayidaa malee hin hafne waan beektaniif yeroo hunda hojii Gooftaatiif guutummaatti of kennaa.

< 1 Wakorintho 15 >