< 1 Crónicas 3 >

1 Estos fueron los hijos de David que le nacieron en Hebrón: el primogénito, Amnón, de Ahinoam jezreelita; el segundo, Daniel, de Abigail carmelita;
Isaan kunneen ilmaan Daawit Kebroonitti dhalchee dha: Ilmi isaa hangafni Amnoon kan Ahiinooʼam dubartiin Yizriʼeel deessee dha; inni lammaffaan immoo Daaniʼel kan Abiigayiil dubartiin Qarmeloos deessee dha;
2 el tercero, Absalón, hijo de Maaca, hija de Talmai, rey de Gesur; el cuarto, Adonías, hijo de Haggit;
sadaffaan Abesaaloom isa Maʼakaan intalli Talmaay mooticha Geshuur deessee dha; afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit;
3 el quinto, Sefatías, de Abital; el sexto, Itream, de Egla, su mujer:
shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal; jaʼaffaan Yitreʼaam kan inni niitii isaa Eglaa irraa dhalchee dha.
4 seis le nacieron en Hebrón; y reinó allí siete años y seis meses. Reinó treinta y tres años en Jerusalén;
Isaan jaʼaan kunneen warra yeroo Daawit Kebroonitti waggaa torbaa fi walakkaa mootii turetti isaaf dhalatanii dha. Daawit Yerusaalemitti waggaa soddomii sadii mootii taʼee bulche;
5 y estos le nacieron en Jerusalén: Simea, Sobab, Natán y Salomón, cuatro, de Betsúa, hija de Amiel;
ijoolleen achitti isaaf dhalatanis kanneenii dha: Shimeʼaa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon. Ilmaan afran kunneen Batisheebaa intala Amiiʼeel irraa dhalatan.
6 e Ibhar, Elisama, Elifelet,
Akkasumas ilmaan biraa qaba ture; isaanis: Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi,
7 Nogah, Nefeg, Jafía,
Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa,
8 Elisama, Eliada y Elifelet, nueve.
Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi; isaanis walumatti ilmaan sagal turan.
9 Todos estos eran hijos de David, además de los hijos de las concubinas; y Tamar era su hermana.
Ilmaan saajjatoowwan isaa irraa dhalataniin alatti isaan kunneen ilmaan Daawit turan. Taamaar immoo obboleettii isaanii turte.
10 El hijo de Salomón fue Roboam, su hijo Abías, su hijo Asa, su hijo Josafat,
Ilmi Solomoon Rehooboʼaam; ilmi Rehooboʼaam Abiyaa dha; ilmi Abiyaa Aasaa dha; ilmi Aasaa Yehooshaafaax;
11 Su hijo Joram, su hijo Ocozías, su hijo Joás,
ilmi Yehooshaafaax Yehooraam; ilmi Yooraam Ahaaziyaa; ilmi Ahaaziyaa Yooʼaash;
12 Su hijo Amasías, su hijo Azarías, su hijo Jotam,
ilmi Yooʼaash Amasiyaa; ilmi Amasiyaa Azaariyaa; ilmi Azaariyaa Yootaam;
13 Su hijo Acaz, su hijo Ezequías, su hijo Manasés,
ilmi Yootaam Aahaaz; ilmi Aahaaz Hisqiyaas; ilmi Hisqiyaas Minaasee dha;
14 Su hijo Amón, su hijo Josías.
ilmi Minaasee Aamoon; ilmi isaa immoo Yosiyaas.
15 Los hijos de Josías: el primogénito Johanán, el segundo Joaquím, el tercero Sedequías y el cuarto Salum.
Ilmaan Yosiyaas: Inni hangafni Yoohaanaan, lammaffaan Yehooyaaqiim, sadaffaan Zedeqiyaa, afuraffaan immoo Shaluum.
16 Los hijos de Joacim Jeconías, su hijo, y Sedequías, su hijo.
Ilmaan Yehooyaaqiim: Ilma isaa Yehooyaakiinii fi ilma isaa Zedeqiyaa.
17 Los hijos de Jeconías, el cautivo: Saltiel su hijo,
Ilmaan Yehooyaakiin isa boojiʼame sanaa: Ilma isaa Sheʼaltiiʼeel,
18 Malquiram, Pedaías, Senazar, Jecamías, Hosama y Nedabías.
Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaaxaar, Yeqameyaa, Hooshaamaa fi Nedaabiyaa.
19 Los hijos de Pedaías: Zorobabel y Simei. Los hijos de Zorobabel: Mesulam y Hananías; y Selomit fue su hermana;
Ilmaan Phedaayaa: Zarubaabelii fi Shimeʼii. Ilmaan Zarubaabel: Meshulaamii fi Hanaaniyaa. Obboleettiin isaanii immoo Sheloomiit jedhamti.
20 y Hasubá, Ohel, Berequías, Hasadías y Jushab Hesed, cinco.
Akkasumas ijoollee gara biraa shanitu ture; isaanis: Hashubaa, Oohel, Berekiyaa, Hasadiyaa fi Yooshab-Heseed.
21 Los hijos de Ananías: Pelatías y Jesaías; los hijos de Refaías, los hijos de Arnán, los hijos de Abdías, los hijos de Secanías.
Ilmaan Hanaaniyaa: Phelaatiyaa fi Yeshaayaa; akkasumas ilmaan Refaayaa, ilmaan Arnaan, ilmaan Obaadiyaatii fi ilmaan Shekaaniyaa.
22 El hijo de Secanías: Semaías. Los hijos de Semaías: Hatús, Igal, Barías, Nearías y Safat, seis.
Ilmaan Shekaaniyaa: Shemaaʼiyaa fi ilmaan isaa: Haxuush, Yigiʼaal, Baariiyaah, Naʼaariyaa fi Shaafaax; isaan walumatti jaʼa turan.
23 Los hijos de Nearías: Elioenai, Hizkiah y Azrikam, tres.
Ilmaan Naʼaariyaa: Eliiyooʼeenayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; isaan walumatti sadii turan.
24 Los hijos de Elioenai: Hodaviah, Eliashib, Pelaiah, Akkub, Johanan, Delaiah, y Anani, siete.
Ilmaan Eliiyooʼeenayi: Hoodayiwaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yoohaanaan, Delaayaa fi Anaanii; isaan walumatti torba turan.

< 1 Crónicas 3 >