< Gênesis 17 >

1 Quando Abrão tinha a idade de noventa e nove anos, o SENHOR lhe apareceu, e disse-lhe: Eu sou o Deus Todo-Poderoso; anda diante de mim, e sê íntegro.
Yeroo Abraam nama waggaa sagaltamii sagalii turetti Waaqayyo isatti mulʼatee akkana jedheen; “Ani Waaqa Waan Hundumaa Dandaʼuu dha; ati fuula koo dura amanamummaan deddeebiʼi; hirʼinas hin qabaatin.
2 E constituirei meu pacto entre mim e ti, e te multiplicarei em grandíssima maneira.
Ani kakuu koo anaa fi si gidduu nan dhaaba; guddaas sin baayʼisa.”
3 Então Abrão prostrou-se com o rosto ao chão, e Deus falou com ele, dizendo:
Abraamis adda isaatiin lafatti gombifame; Waaqnis akkana isaan jedhe;
4 Quanto a mim, este é o meu pacto contigo: Serás pai de multidão de nações:
“Kunoo, kakuun ani si wajjin galu kana: ati abbaa saba baayʼee taata.
5 E não se chamará mais teu nome Abrão, mas sim que será teu nome Abraão, porque te pus por pai de multidão de nações.
Ati siʼachi Abraam jedhamtee hin waamamtu; waan ani abbaa saboota baayʼee si taasiseef maqaan kee Abrahaam taʼa.
6 E te multiplicarei muito em grande maneira, e te porei em nações, e reis sairão de ti.
Ani akka ati guddaa baayʼattu nan godha; akka sabni hedduun si keessaa argamu nan godha; mootonnis si keessaa ni argamu.
7 E estabelecerei meu pacto entre mim e ti, e tua descendência depois de ti em suas gerações, por aliança perpétua, para ser para ti por Deus, e à tua descendência depois de ti.
Ani Waaqa keetii fi Waaqa sanyii kee kan si duubaan dhufuu taʼuuf jedhee kakuu koo anaa, sii fi sanyii kee kan si duubaa, dhaloota dhufuuf jiru gidduutti kakuu bara baraa godhee nan dhaaba.
8 E darei a ti, e à tua descendência depois de ti, a terra de tuas peregrinações, toda a terra de Canaã em herança perpétua; e serei o Deus deles.
Biyya Kanaʼaan guutuu lafa ati amma orma taatee jiraattu kana ani dhaala bara baraa godhee siʼii fi sanyiiwwan kee warra si booddeetiif nan kenna; anis Waaqa isaanii nan taʼa.”
9 Disse de novo Deus a Abraão: Tu, porém, guardarás meu pacto, tu e tua descendência depois de ti por suas gerações.
Waaqni Abrahaamiin akkana jedhe; “Ati immoo kakuu koo eeguu qabda; ati, sanyiin kee warri si duubaas dhaloota isaanii keessatti kakuu koo eeguu qabdu.
10 Este será meu pacto, que guardareis entre mim e vós e tua descendência depois de ti: Será circuncidado todo macho dentre vós.
Kakuun koo kan isin anaa fi siʼi gidduutti, sanyii kee kan siʼi duubaan dhufu gidduuttis eeguu qabdan kanaa dha; innis isin keessaa dhiirri hundinuu dhagna haa qabatu.
11 Circuncidareis, pois, a carne de vosso prepúcio, e será por sinal do pacto entre mim e vós.
Qola keessan dhagna qabadhaa; kunis kakuu anaa fi isin gidduu jiruuf mallattoo taʼa.
12 E de idade de oito dias será circuncidado todo macho entre vós por vossas gerações: o nascido em casa, e o comprado a dinheiro de qualquer estrangeiro, que não for de tua descendência.
Isin keessaa dhiirri guyyaa saddeet guute dhagna haa qabatu; dhaloota keessan hunda keessatti dhiirri mana keetti dhalate yookaan kan nama biyya ormaa irraa maallaqa keetiin bitame hundi kan sanyii kee hin taʼin dhagna haa qabatu.
13 Deve ser circuncidado o nascido em tua casa, e o comprado por teu dinheiro: e estará meu pacto em vossa carne para aliança perpétua.
Mana keetti dhalatanis yookaan maallaqa keetiin bitamanis isaan dhagna haa qabatan. Kakuun koo kan foon keessan irratti godhame kun kakuu bara baraa taʼa.
14 E o macho incircunciso que não houver circuncidado a carne de seu prepúcio, aquela pessoa será exterminada de seu povo; violou meu pacto.
Dhiirri dhagna hin qabatin, kan qola foon isaa dhagna hin qabatin kam iyyuu saba ofii isaa keessaa balleeffama; inni kakuu koo cabseeraatii.”
15 Disse também Deus a Abraão: A Sarai tua mulher não a chamarás Sarai, mas Sara será seu nome.
Waaqni ammas Abrahaamiin akkana jedhe; “Ati siʼachi niitii kee Sooraadhaan, Sooraa hin jettu; maqaan ishee Saaraa taʼa.
16 E a abençoarei, e também te darei dela filho; sim, a abençoarei, e virá a ser mãe de nações; dela surgirão reis de povos.
Ani ishee nan eebbisa; ishee irraas ilma siif nan kenna. Akka isheen haadha sabootaa taatuufis ishee nan eebbisa; mootonni sabootaas ishee keessaa argamu.”
17 Então Abraão postrou-se com o rosto ao chão, riu, e disse em seu coração: A um homem de cem anos nasceráfilho? E Sara, já de noventa anos, há de dar à luz?
Abrahaamis addaan gombifame; kolfees, “Nama waggaa dhibbaatiif ilmi ni dhalataa? Saaraanis waggaa sagaltamatti mucaa deessii?” jedhee yaade.
18 E disse Abraão a Deus: Que Ismael viva diante de ti!
Abrahaamis Waaqaan, “Maaloo utuu Ishmaaʼeel fuula kee dura naa jiraatee!” jedhe.
19 E respondeu Deus: Certamente Sara tua mulher te dará à luz um filho, e chamarás seu nome Isaque; e confirmarei meu pacto com ele por aliança perpétua para sua descendência depois dele.
Waaqnis akkana jedhe; “Tole; garuu niitiin kee Saaraan ilma siif deessi; maqaa isaas Yisihaaq jedhii moggaasi. Anis kakuu koo sanyii isaa kan isa duubaan dhufuuf kakuu bara baraa godhee isa wajjin nan dhaaba.
20 E quanto a Ismael, também te ouvi; eis que o abençoarei, e lhe farei frutificar e multiplicar em grandíssima maneira; doze príncipes gerará, e dele farei grande nação.
Waaʼee Ishmaaʼeel immoo ani si dhagaʼeera; kunoo ani, isa nan eebbisa; akka inni baayʼatu nan godha; guddaa isa nan baayʼisa. Inni abbaa bulchitoota kudha lamaa taʼa; anis saba guddaa isa nan godha.
21 Mas meu pacto estabelecerei com Isaque, ao qual Sara te dará à luz por este tempo no ano seguinte.
Kakuu koo garuu Yisihaaq isa Saaraan waggaa dhufu keessa yeroo kanatti siif deessu wajjin nan dhaaba.”
22 E acabou de falar com ele, e Deus subiu da presença de Abraão.
Waaqni erga Abrahaam wajjin haasaʼee fixatee booddee isa biraa ol baʼe.
23 Então tomou Abraão a Ismael seu filho, e a todos os servos nascidos em sua casa, e a todos os comprados por seu dinheiro, a todo homem entre os domésticos da casa de Abraão, e circuncidou a carne do prepúcio deles naquele mesmo dia, como Deus lhe havia dito.
Abrahaamis guyyuma sana ilmaan isaa Ishmaaʼeelii fi warra mana isaatti dhalatan yookaan warra maallaqa isaatiin bitaman hunda, dhiira mana isaa hundumaas fuudhee akkuma Waaqni isatti himetti dhagna qabe.
24 Era Abraão de idade de noventa e nove anos quando circuncidou a carne de seu prepúcio.
Abrahaam yeroo dhagna qabatetti nama waggaa sagaltamii sagalii ture.
25 E Ismael seu filho era de treze anos quando foi circuncidada a carne de seu prepúcio.
Ilmi isaa Ishmaaʼeel immoo yeroo dhagna qabatetti nama waggaa kudha sadii ture.
26 No mesmo dia foi circuncidado Abraão e Ismael seu filho.
Abrahaamii fi ilmi isaa Ishmaaʼeel guyyuma sana dhagna qabatan.
27 E todos os homens de sua casa, o servo nascido em casa, e o comprado por dinheiro do estrangeiro, foram circuncidados com ele.
Dhiirri mana Abrahaam hundinuu, warri mana isaatti dhalatan yookaan warri orma irraa maallaqaan bitamanis isa wajjin dhagna qabatan.

< Gênesis 17 >