< Zakkaariyaas 7 >

1 Bara Daariyoos Mootichaa keessa waggaa afuraffaatti, bultii afuraffaa jiʼa saglaffaa, jiʼa Kaaseluu jedhamu keessa dubbiin Waaqayyoo gara Zakkaariyaas dhufe.
And it came to pass in the fourth year of king Darius that the word of the Lord came unto Zechariah on the fourth day of the ninth month, in Kislev;
2 Namoonni Beetʼeel akka isaan Waaqayyoon kadhataniif Sharezerii fi Reege-Meleekin namoota isaanii wajjin ergan;
When they had sent unto Beth-el Sherezer and Regem-melech, and his men, to make entreaty before the Lord.
3 kunis akka isaan, “Ani akkuman waggoota hedduu godhe sana ammas jiʼa shanaffaa keessa gaddee soomuu qabaa?” jedhanii luboota mana qulqullummaa Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuutii fi raajota gaafataniif.
[And] to say unto the priests who were in the house of the Lord of hosts, and to the prophets, saying, Shall I weep in the fifth month with abstinence, as I have done already these many years?
4 Dubbiin Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu akkana jedhee gara koo dhufe;
Then came the word of the Lord of hosts unto me, saying,
5 “Uummata biyya kanaatii fi luboota hunda akkana jedhii gaafadhu; ‘Isin waggoota torbaataman darban yeroo jiʼa shanaffaa fi torbaffaa keessa soomtanii gadditanitti dhugumaan anaaf soomtanii?
Say unto all the people of the land, and to the priests, as followeth, When ye fasted and mourned in the fifth and in the seventh [month], already these seventy years, did ye in anywise fast for me, yea, for me?
6 Yeroo nyaattanii fi dhugdanittis ofuma keessaniif nyaattanii dhugdan mitii?
And if ye do eat, and if ye do drink, are ye not yourselves those that eat, and yourselves those that drink?
7 Dubbiin kun isa Waaqayyo gaafa Yerusaalemii fi magaalaawwan naannoo ishee nagaa fi badhaadhummaadhaan jiraatanitti, yeroo Negeebii fi gaarran lixaa bira namoonni jiraachaa turanitti karaa raajota isaa kanneen duriitiin dubbate mitii?’”
Are not these the words which the Lord hath proclaimed by means of the former prophets, when Jerusalem was inhabited and in prosperity, with her cities round about her, when [men] inhabited the south, and the lowlands?
8 Dubbiin Waaqayyoo ammas akkana jedhee gara Zakkaariyaas dhufe:
And the word of the Lord came unto Zechariah, saying,
9 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Murtii qajeelaadhaan bulchaa; waliif araaramaa; garaas walii laafaa.
Thus hath said the Lord of hosts, saying, Execute true justice, and show kindness and mercy every man to his brother;
10 Isin haadha hiyyeessaa yookaan ijoollee abbaa hin qabne yookaan alagaa yookaan hiyyeeyyii hin hacuucinaa. Garaa keessanitti hammina walitti hin yaadinaa.’
And defraud not the widow, or the fatherless, the stranger, or the poor; and imagine not evil in your heart one against the other.
11 “Isaan garuu dhagaʼuu didan; mataa jabinaanis dugda isaanii itti gatanii gurra isaanii cuqqaallatan.
But they refused to listen, and turned away rebelliously the shoulder, and stopped their ears, so as not to hear;
12 Isaan garaa isaanii akkuma dhagaa jabeeffatanii seera yookaan dubbii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu karaa raajota isaa kanneen duriitiin Hafuura isaatiin erge dhaggeeffachuu didan. Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akka malee aare.
And their heart they rendered as an adamant, so as not to hear the law, and the words which the Lord of hosts had sent through his spirit, by means of the former prophets: wherefore came a great anger from the Lord of hosts.
13 “‘Yeroo ani waametti, isaan na hin dhaggeeffanne; kanaafuu yoo isaan na waammatan ani isaan hin dhaggeeffadhu’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
And it is come to pass, that as he proclaimed, and they would not hear: so had they to call, and I would not hear, saith the Lord of hosts;
14 ‘Ani bubbeedhaan saba isaan hin beekne hunda gidduutti isaan nan bittinneesse. Biyyi isaanii hamma namni itti galuu fi keessaan darbu tokko iyyuu dhabamutti isaan booddee ni onte. Isaan akkasiin biyya namatti toltu sana onsan.’”
And I resolved to scatter them with a storm-wind among all the nations that they had not known; and the land was left desolate after them, without any one to pass through it forward or backward; and the pleasant land have they changed into a desert.

< Zakkaariyaas 7 >