< Zakkaariyaas 11 >
1 Yaa Libaanoon, akka ibiddi birbirsa kee gubee fixuuf balbala kee banadhu!
Fungua milango yako, ee Lebanoni, ili moto uteketeze mielezi yako!
2 Yaa muka gaattiraa, birbirsi kufeeraatii wawwaadhu; mukkeen ulfina qaban badaniiru! Yaa qilxuu Baashaan wawwaadhu; bosonni gobbuun ciramee dhumeera!
Omboleza, enyi miti ya misonobari, kwani mierezi imeanguka! Kilichokuwa cha fahari kimeteketezwa! Ombolezeni, enyi mialoni ya Bashani, kwani msitu wenye nguvu umeshushwa.
3 Wawwaannaa tiksootaa dhaggeeffadhaa; lafti tika isaanii inni gabbataan barbadaaʼeeraatii! Aaduu leencaa dhagaʼaa; bosonni Yordaanos gobbuun sun barbadaaʼeeraatii!
Wachungaji wanapiga yowe, kwa kuwa utukufu wao umeharibiwa! Sauti ya mungurumo wa wana simba, kwa kuwa kiburi cha Mto Yordani kimeharibiwa!
4 Waaqayyo Waaqni koo akkana jedha: “Bushaayee qalmaaf qopheeffaman tiksi.
Hivi ndivyo asemavyo Yahwe Mungu wangu, “Lichungeni kundi la kondoo lililotiyari kuchinjwa!
5 Warri isaan bitatan, qalatanii utuu hin adabamin hafu. Warri gurguratanis, ‘Waaqayyoon galanni haa gaʼu; ani sooressa!’ jedhu. Tiksoonni isaanii garaa isaaniif hin laafan.
(Wanaowanunua wanawachinja bila kuhadhibiwa, nao wawauzao husema, 'Atukuzwe Yahwe! Nimetajirika! Kwa maana wachungaji wafanyao kazi kwa wenye kondoo hawawahurumii.)
6 Ani siʼachi uummata biyyattiitiif garaa hin laafuutii” jedha Waaqayyo. “Ani nama hunda dabarsee ollaa isaatii fi mootii isaatti nan kenna. Isaan biyyattii ni rukutu; anis harka isaaniitii isaan hin baasu.”
Kwa maana hiyo sitawahurumia tena wenyeji wa nchi! - hivi ndivyo asemavyo Yahwe. Tazama! Mimi mwenyewe nipo tiyari kumwelekeza kila mtu katika mkono wa jirani yake na katika mkono wa mfalme wake, nao wataiharibu nchi na hakuna hata mmoja wao nitakayemwokoa kutoka katika mkono wao.”
7 Kanaafuu ani bushaayee qalmaaf qopheeffaman, keessumattuu kanneen bushaayee cunqurfaman nan tikfadhe. Ergasii ani ulee lama fudhadhee isa tokkoon Surraa isa kaaniin immoo Tokkummaa jedheen moggaase; akkasiinis bushaayee nan tikfadhe.
Hivyo nikawa mchungaji wa kondoo walioamriwa kuchinjwa, kwa wanaowashughulikia kondoo. Nilichukua fimbo mbili; fimbo moja nikaiita “Neema” na nyingine nikaiita “Umoja.” Kwa njia hii niliwachunga kondoo.
8 Ani jiʼuma tokko keessatti tiksoota sadan nan balleesse. Lubbuun koo isaan balfite; lubbuun isaaniis na balfite;
Ndani ya mwezi mmoja niliwaangamiza wachungaji watatu, kwa maana sikuwavumilia tena, wao pia walinichukia.
9 akkanas jedheen; “Ani tiksee keessan hin taʼu. Kan duʼu haa duʼu; kan badus haa badu. Kanneen hafanis foon walii haa nyaatan.”
Ndipo nilipowaambia wamiliki, “Sitafanya kazi kama mchungaji wenu tena. Wakondoo wafao - na wafe; kondoo wanaoangamizwa - na waangamizwe. Na kondoo wasaliao kila mmoja ale nyama ya jirani yake.”
10 Ergasii ani kakuu saboota hunda wajjin gale cabsuudhaaf ulee koo kan Surraa jedhamu fuudhee nan cabse.
Hivyo nikaichukua fimbo yangu “Neema” na nikaivunja kuvunja agano nililokuwa nimelifanya na kabila zangu zote.
11 Innis guyyuma sana cabe; kanaafuu bushaayeen dhiphatan kanneen na ilaalaa turan akka wanni kun dubbii Waaqayyoo taʼe beekan.
Katika siku hiyo agano lilivunjwa, na wale wanaoshughulika na kondoo na waliokuwa wakiniangalia walifahamu kwamba Yahwe amesema.
12 Anis, “Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaate, gatii koo naaf kennaa; yoo taʼuu baate immoo dhiisaa” nan jedheen. Kanaafuu isaan meetii soddoma naaf kennan.
Nikawaambia, “Ikiwa itawapendeza, nilipeni ujira wangu. Kama sivyo, msifanye hivyo.” Hivyo wakapima ujira wangu - vipande thelathini vya fedha.
13 Waaqayyos gatii gaarii isaan itti na shallagan sana, “Mankuusa keessa buusi!” naan jedhe. Kanaafuu ani meetii soddomman sana fuudhee mana Waaqayyoo keessatti mankuusa keessa nan buuse.
Kisha Yahwe akaniambia, “Weka fedha katika hazina, thamani nzuri zaidi ambayo walikupa!” Hivyo nikachukua vipande thelathini vya fedha na kuviweka katika hazina ndani ya nyumbani Yahwe.
14 Ergasii ani obbolummaa Yihuudaatii fi Israaʼel diiguudhaaf ulee koo lammaffaa kan Tokkummaa jedhamu sana nan cabse.
Kisha nikavunja fimbo yangu ya pili, “Umoja,” kuvunja undugu kati ya Yuda na Israeli.
15 Kana irratti Waaqayyo akkana naan jedhe; “Ammas miʼa tiksee gowwaa sanaa fuudhi.
Yahwe akaniambia, “Tena, chukua chombo cha mchungaji mpumbavu kwa ajili yako mwenyewe,
16 Ani kunoo biyyattii keessatti tiksee hoolotaa nan kaasa; innis isa bade hin yaadatu; isa joore hin barbaadu; isa cabe hin walʼaanu; isa fayye hin sooru; garuu foon coomaa ni nyaata; kottee isaaniis ni caccabsa.
kwa maana tazama, niko tiyari kumweka mahali mchungaji katika nchi. Hataangalia kondoo wanaoangamia. Hatatafuta kondoo wapoteao, wala kuwaponya kondoo wachechemeao. Hatawalisha kondoo wenye afya, lakini atakula nyama ya kondoo walionona naye atapasua kwato zao.
17 “Tiksee faayidaa hin qabne kan bushaayee gatee deemuuf wayyoo! Goraadeen irree isaatii fi ija isaa mirgaa haa dhaʼu! Irreen isaa guutumaan guutuutti haa goggogu; iji isaa mirgaa guutumaan guutuutti haa jaamu!”
Ole kwa wachungaji wasiofaa wanaoliacha kundi la kondoo! Upanga na uje dhidi ya mkono wake na jicho lake la kulia! Mkono wake na ukauke na jicho lake la kulia lipofuke!