< Mulʼata 8 >
1 Yommuu Hoolichi chaappaa torbaffaa banetti gara walakkaa saʼaatii tokkoo samii keessa tasgabbiitu ture.
Καὶ ὅτε ἤνοιξε τὴν σφραγῖδα τὴν ἑβδόμην, ἐγένετο σιγὴ ἐν τῷ οὐρανῷ ὡς ἡμιώριον.
2 Anis ergamoota fuula Waaqaa dura dhadhaabatan torban arge; isaaniifis malakanni torba ni kenname.
Καὶ εἶδον τοὺς ἑπτὰ ἀγγέλους οἳ ἐνώπιον τοῦ Θεοῦ ἑστήκασι, καὶ ἐδόθησαν αὐτοῖς ἑπτὰ σάλπιγγες.
3 Ergamaan biraa kan girgiraa warqee qabu tokko dhufee iddoo aarsaa bira dhaabate. Innis iddoo aarsaa warqee kan fuula teessichaa dura jiru sana irratti akka kadhannaa qulqulloota hundumaa wajjin dhiʼeessuuf ixaanni baayʼeen isaaf ni kenname.
Καὶ ἄλλος ἄγγελος ἦλθε, καὶ ἐστάθη ἐπὶ τοῦ θυσιαστηρίου, ἔχων λιβανωτὸν χρυσοῦν· καὶ ἐδόθη αὐτῷ θυμιάματα πολλά, ἵνα δώσῃ ταῖς προσευχαῖς τῶν ἁγίων πάντων ἐπὶ τὸ θυσιαστήριον τὸ χρυσοῦν τὸ ἐνώπιον τοῦ θρόνου.
4 Aarri ixaana sanaas kadhannaa qulqullootaa wajjin harka ergamaa sanaa keessaa fuula Waaqaa duratti ol baʼe.
Καὶ ἀνέβη ὁ καπνὸς τῶν θυμιαμάτων ταῖς προσευχαῖς τῶν ἁγίων ἐκ χειρὸς τοῦ ἀγγέλου ἐνώπιον τοῦ Θεοῦ.
5 Ergamaan sunis girgiraa fuudhee iddoo aarsaa irraa ibidda itti guutee lafatti gad darbate; ergasiis sagaleen kakawwee, balaqqeessaa fi sochii lafaa ni dhagaʼame.
Καὶ εἴληφεν ὁ ἄγγελος τὸν λιβανωτόν, καὶ ἐγέμισεν αὐτὸν ἐκ τοῦ πυρὸς τοῦ θυσιαστηρίου, καὶ ἔβαλεν εἰς τὴν γῆν· καὶ ἐγένοντο βρονταὶ καὶ φωναὶ καὶ ἀστραπαὶ καὶ σεισμός.
6 Ergamoonni Waaqaa torban warri malakata torban qabanis malakata afuufuuf ni qophaaʼan.
Καὶ οἱ ἑπτὰ ἄγγελοι οἱ ἔχοντες τὰς ἑπτὰ σάλπιγγας ἡτοίμασαν ἑαυτοὺς ἵνα σαλπίσωσι.
7 Ergamaan jalqabaa malakata isaa afuufe; cabbii fi ibiddi dhiigaan makames lafatti gad darbatame. Lafti harka sadii keessaa harki tokko ni gubatte; muktis harka sadii keessaa harki tokko ni gubate; margi lalisaan hundinuus ni gubate.
Καὶ ὁ πρῶτος ἐσάλπισε, καὶ ἐγένετο χάλαζα καὶ πῦρ μεμιγμένα ἐν αἵματι, καὶ ἐβλήθη εἰς τὴν γῆν· καὶ τὸ τρίτον τῆς γῆς κατεκάη, καὶ τὸ τρίτον τῶν δένδρων κατεκάη, καὶ πᾶς χόρτος χλωρὸς κατεκάη.
8 Ergamaan lammaffaanis malakata isaa afuufe; wanni tulluu guddaa fakkaatu kan ibiddaan gubachaa jiru tokkos galaanatti gad darbatame. Galaannis harka sadii keessaa harki tokko dhiiga taʼe;
Καὶ ὁ δεύτερος ἄγγελος ἐσάλπισε, καὶ ὡς ὄρος μέγα καιόμενον ἐβλήθη εἰς τὴν θάλασσαν· καὶ ἐγένετο τὸ τρίτον τῆς θαλάσσης αἷμα·
9 uumamawwan lubbuu qabeeyyiin galaana keessaa harka sadii keessaa harki tokko ni dhuman; dooniiwwan harka sadii keessaas harki tokko ni barbadaaʼan.
καὶ ἀπέθανε τὸ τρίτον τῶν κτισμάτων ἐν τῇ θαλάσσῃ, τὰ ἔχοντα ψυχάς, καὶ τὸ τρίτον τῶν πλοίων διεφθάρη.
10 Ergamaan sadaffaanis malakata isaa afuufe; urjiin guddaan akka gucaa bobaʼu tokkos samii irraa lafa dhaʼe; innis lageen harka sadii keessaa harka tokko irratti, burqaawwan bishaanii irrattis kufe;
Καὶ ὁ τρίτος ἄγγελος ἐσάλπισε, καὶ ἔπεσεν ἐκ τοῦ οὐρανοῦ ἀστὴρ μέγας καιόμενος ὡς λαμπάς, καὶ ἔπεσεν ἐπὶ τὸ τρίτον τῶν ποταμῶν, καὶ ἐπὶ τὰς πηγὰς τῶν ὑδάτων.
11 maqaan urjii sanaas “Hadheessaa” jedhama. Bishaan sunis harka sadii keessaa harki tokko ni hadhaaʼe; sababii bishaan sun hadheeffameefis namoonni baayʼeen bishaaniin dhuman.
Καὶ τὸ ὄνομα τοῦ ἀστέρος λέγεται ὁ Ἄψινθος· καὶ ἐγένετο τὸ τρίτον τῶν ὑδάτων εἰς ἄψινθον, καὶ πολλοὶ τῶν ἀνθρώπων ἀπέθανον ἐκ τῶν ὑδάτων, ὅτι ἐπικράνθησαν.
12 Ergamaan afuraffaanis malakata isaa afuufe; aduun harka sadii keessaa harki tokko, jiʼi harka sadii keessaa harki tokko, urjiinis harka sadii keessaa harki tokko ni rukutaman; kanaanis ifni isaanii harka sadii keessaa harki tokko ni dukkanaaʼe. Guyyaan harka sadii keessaa harki tokko akkasumas halkan harka sadii keessaa harki tokko ifa malee hafe.
Καὶ ὁ τέταρτος ἄγγελος ἐσάλπισε, καὶ ἐπλήγη τὸ τρίτον τοῦ ἡλίου καὶ τὸ τρίτον τῆς σελήνης καὶ τὸ τρίτον τῶν ἀστέρων, ἵνα σκοτισθῇ τὸ τρίτον αὐτῶν, καὶ τὸ τρίτον αὐτῆς μὴ φάνῃ ἡ ἡμέρα, καὶ ἡ νὺξ ὁμοίως.
13 Anis ilaalee risaa samii walakkaa barrisaa sagalee guddaadhaan, “Sababii sagalee malakataa kan ergamoota biraa sadaniin dhageessifamuuf jiru sanaatiif warra lafa irra jiraataniif Wayyoo! Wayyoo! Wayyoo!” jedhee iyyu tokko nan dhagaʼe.
Καὶ εἶδον, καὶ ἤκουσα ἑνὸς ἀετοῦ πετομένου ἐν μεσουρανήματι, λέγοντος φωνῇ μεγάλῃ, Οὐαί, οὐαί, οὐαὶ τοὺς κατοικοῦντας ἐπὶ τῆς γῆς, ἐκ τῶν λοιπῶν φωνῶν τῆς σάλπιγγος τῶν τριῶν ἀγγέλων τῶν μελλόντων σαλπίζειν.