< Faarfannaa 56 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Gugee Qilxuu Fagoo irraa” jedhuun faarfatame. Miiktaamii Faarfannaa Daawit. Innis yeroo Filisxeemonni Gaati keessatti isa qaban faarfate. Yaa Waaqi na maari; diinonni koo akka malee na ariʼu; guyyaa guutuus na cunqursu.
למנצח על יונת אלם רחקים לדוד מכתם באחז אתו פלשתים בגת חנני אלהים כי שאפני אנוש כל היום לחם ילחצני׃
2 Diinonni koo guyyaa guutuu na gaadu; namoonni baayʼeen of tuulummaadhaan na lolu.
שאפו שוררי כל היום כי רבים לחמים לי מרום׃
3 Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.
יום אירא אני אליך אבטח׃
4 Waaqa ani dubbii isaa jajadhu, Waaqa nan amanadha; homaa hin sodaadhu. Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?
באלהים אהלל דברו באלהים בטחתי לא אירא מה יעשה בשר לי׃
5 Isaan guyyaa guutuu dubbii koo micciiru; na miidhuudhaafis yeroo hunda natti malatu.
כל היום דברי יעצבו עלי כל מחשבתם לרע׃
6 Isaan ni mariʼatu; ni riphus; lubbuu koo galaafachuuf jedhanii tarkaanfii koo eeggatu.
יגורו יצפינו המה עקבי ישמרו כאשר קוו נפשי׃
7 Sababii hammina isaaniitiif akka isaan miliqan hin godhin; yaa Waaqi, dheekkamsa keetiin saboota gad deebisi.
על און פלט למו באף עמים הורד אלהים׃
8 Gadadamu koo galmeessi; imimmaan koos kitaaba kee keessatti barreessi; isaan galmee kee keessa jiru mitii?
נדי ספרתה אתה שימה דמעתי בנאדך הלא בספרתך׃
9 Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhutti, diinonni koo dugda duuba deebiʼu. Anis kanaan akka Waaqni na wajjin jiru beeka.
אז ישובו אויבי אחור ביום אקרא זה ידעתי כי אלהים לי׃
10 Waaqa ani dubbii isaa jajadhu, Waaqayyo ani dubbii isaa jajadhu,
באלהים אהלל דבר ביהוה אהלל דבר׃
11 Waaqa nan amanadha; ani homaa hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?
באלהים בטחתי לא אירא מה יעשה אדם לי׃
12 Yaa Waaqi wareegni kee narra jira; aarsaa galataas siif nan dhiʼeessa.
עלי אלהים נדריך אשלם תודת לך׃
13 Akka ani fuula Waaqaa dura, ifa jireenyaa keessa deddeebiʼuuf, ati lubbuu koo duʼa jalaa, miilla koos gufachuu oolchiteertaatii.
כי הצלת נפשי ממות הלא רגלי מדחי להתהלך לפני אלהים באור החיים׃

< Faarfannaa 56 >