< Faarfannaa 47 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Isin saboonni hundinuu harka keessan rukutaa; sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan Waaqaaf ililchaa. 2 Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii, Mootichi guddaan lafa hundumaa, sodaachisaadhaatii! 3 Inni saboota nu jala, namootas miilla keenya jala galcheera. 4 Innis nu warra Yaaqoob isa inni jaallate sanaaf ulfina taaneef, dhaala keenya nuu fileera. 5 Waaqni ililleedhaan, Waaqayyo sagalee malakataatiin ol baʼe. 6 Faarfannaa galataa Waaqaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa faarfadhaa; faarfannaa galataa Mootii keenyaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa faarfadhaa. 7 Waaqni Mootii lafa hundaa ti; faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa. 8 Waaqni saboota irratti Mootii dha; Waaqni teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera. 9 Qondaaltonni sabootaa, akkuma saba Waaqa Abrahaamitti walitti qabamu; mootonni lafa irraa kan Waaqaatii; innis guddisee ol ol jedheera.

< Faarfannaa 47 >