< Faarfannaa 41 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha. 2 Waaqayyo isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa; lafa irratti isa eebbisa; hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu. 3 Waaqayyo siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa; fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa. 4 Anis, “Yaa Waaqayyo na maari; ani cubbuu sitti hojjedheeraatii na fayyisi” nan jedhe. 5 Diinonni koo hamminaan, “Inni yoom duʼee maqaan isaa lafa irraa bada?” jedhanii waaʼee koo dubbatu. 6 Namni tokko yeroo na gaafachuu dhufutti, utuma garaa isaatti hammina kuufatee qabuu, sobee dubbata; gad baʼees iddoo hundumatti odeessa. 7 Warri na jibban hundinuu waaʼee koo walitti hasaasu; waan akka malee hamaa taʼes natti mariʼatu. 8 Isaanis, “Dhukkubni hamaan isa qabateera; inni siʼachi iddoo ciisu sanaa hin kaʼu” jedhu. 9 Michuun koo inni natti dhiʼaatu, inni ani amanadhe, inni buddeena koo nyaate koomee isaa natti ol fudhate. 10 Ati garuu yaa Waaqayyo na baasi; akka ani haaloo baafadhuufis ol na kaasi. 11 Akka ati natti gammaddu ani beeka; diinni koo narra hin aanuutii. 12 Ati sababii amanamummaa kootiitiif utubdee na qabda; baruma baraanis fuula kee dura na dhaabda. 13 Waaqayyo Waaqni Israaʼel, bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu.

< Faarfannaa 41 >