< Faarfannaa 31 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera; ati gonkumaa na hin qaanessin; qajeelummaa keetiin na oolchi.
Don mai bi da kaɗe-kaɗe. Zabura ta Dawuda. A gare ka, ya Ubangiji, na nemi mafaka; kada ka bari in taɓa shan kunya; ka cece ni cikin rahamarka.
2 Gurra kee gara kootti qabi; dafiitii na oolchi; kattaa ani itti kooluu galu naa taʼi; na oolchuudhaafis daʼoo jabaa naa taʼi.
Ka juye kunnenka gare ni, ka zo da sauri ka cece ni; ka zama dutsen mafakata, mafaka mai ƙarfi na cetona.
3 Ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef, maqaa keetiif jedhiitii na qajeelchi; karaa irras na buusi.
Da yake kai ne dutsena da kuma kagarata, saboda sunanka ka bi da ni ka kuma jagorance ni.
4 Ati iddoo ani itti baqadhu waan taateef, kiyyoo diinonni koo naa kaaʼan keessaa na baasi.
Ka’yantar da ni daga tarkon da aka sa mini, gama kai ne mafakata.
5 Ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha; yaa Waaqayyo Waaqa dhugaa, ati na furi.
Cikin hannuwanka na miƙa ruhuna; ka cece ni, ya Ubangiji Allah na gaskiya.
6 Ani warra waaqota faayidaa hin qabne abdatan nan jibba; Waaqayyoon garuu nan amanadha.
Na ƙi waɗanda suke manne wa gumakan banza; na dogara ga Ubangiji.
7 Ani jaalala kee kan hin geeddaramne sanatti nan gammada; nan ililchas; ati dhiphina koo argiteertaatii; rakkina lubbuu kootii illee beekteerta.
Zan yi murna in kuma yi farin ciki a cikin ƙaunarka, gama ka ga azabata ka kuma san wahalar raina.
8 Ati dabarsitee diinatti na hin kennine; miilla koos iddoo balʼaa irra dhaabdeerta.
Ba ka ba da ni ga abokin gāba ba amma ka sa ƙafafuna a wuri mai sarari.
9 Yaa Waaqayyo, ani dhiphina keessan jiraatii na baasi; iji koo gaddaan, lubbuun koo fi dhagni koo gaddaan dadhabaniiru.
Ka yi mini jinƙai, ya Ubangiji, gama ina cikin damuwa; idanuna sun gaji da baƙin ciki, raina da jikina sun tafke tilis.
10 Jireenyi koo gaddaan, umuriin koo aaduudhaan dhumeera; jabinni koo sababii dhiphina kootiitiif laafeera; lafeen koos xuuxameera.
Baƙin ciki ya rufe raina shekaruna sun cika da nishi; ƙarfina ya karai saboda azaba, ƙasusuwana kuma sun gaji tiƙis.
11 Sababii diinota koo hundaatiif, ani olloota koo biratti waan sodaachisaa, michoota koo biratti immoo waan jibbisiisaa taʼeera; warri karaa irratti na arganis na baqatu.
Saboda dukan abokan gābana, Na zama tamƙar abin reni na maƙwabtana; na zama abin tsoro ga abokaina, waɗanda suka gan ni a titi sukan gudu daga gare ni.
12 Ani akkuma nama duʼeetti irraanfatameera; akkuma qodaa cabaas nan taʼe.
An manta da ni sai ka ce na mutu; na zama kamar fasasshen kasko.
13 Asaasa namoota baayʼee nan dhagaʼaatii; kallattii hundaan sodaatu jira! Isaan natti malatanii lubbuu koo balleessuuf mariʼatan.
Gama nakan ji raɗe-raɗen mutane masu yawa; akwai tsoro a kowane gefe; suna ƙulla maƙarƙashiya a kaina suna shirya su ɗauke raina.
14 Yaa Waaqayyo, ani garuu sin amanadha; “Ati Waaqa koo ti” nan jedha.
Amma na dogara gare ka, ya Ubangiji; na ce, “Kai ne Allahna.”
15 Barri koo si harka jira; diinota koo jalaa, warra na ariʼatan harkaas na baasi.
Lokutana suna a hannuwanka; ka cece ni daga abokan gābana da kuma daga waɗanda suke fafara ta.
16 Fuulli kee tajaajilaa kee irratti haa ifu; jaalala kee kan hin geeddaramne sanaanis na baraari.
Bari fuskarka ta haskaka a kan bawanka; ka cece ni da ƙaunarka marar ƙarewa.
17 Yaa Waaqayyo, ani hin qaaneffamin; ani si waammadheeraatii; warri hamoon garuu haa qaaneffaman; calʼisaniis siiʼool keessa haa buʼan. (Sheol )
Kada ka bari in sha kunya, ya Ubangiji, gama na yi kuka gare ka; amma bari mugaye su sha kunya su kuma kwanta shiru a cikin kabari. (Sheol )
18 Afaan soba dubbatu, kan of tuulummaa fi tuffiidhaan, nama qajeelaatti kooree dubbatu haa duudu.
Bari a rufe leɓunan ƙarairayinsu, gama da fariya da reni suna magana da girman kai a kan adalai.
19 Gaarummaan kee kan ati warra si sodaataniif ol keesse, kan ati fuula namootaa duratti warra kooluu sitti galaniif kennite akkam guddaa dha!
Alherinka da girma yake, wanda ka ajiye domin waɗanda suke tsoronka, wanda ka mayar a gaban mutane a kan waɗanda suke neman mafaka daga gare ka.
20 Daʼoo fuula keetiitiin, waan namoonni isaanitti malatan jalaa isaan dhoksita; dunkaana kee keessattis dubbiin tuttuquu jalaa isaan daʼeessita.
Cikin inuwar kasancewarka ka ɓoye su daga makircin mutane; a wurin zamanka ka kiyaye su lafiya daga harsuna masu zagi.
21 Waaqayyo haa eebbifamu; inni yeroo ani magaalaa marfamte keessa turetti, jaalala isaa dinqisiisaa sana na argisiiseeraatii.
Yabo ya tabbata ga Ubangiji, gama ya nuna ƙaunarsa mai banmamaki gare ni sa’ad da aka yi mini kwanto kewaye da birni.
22 Ani yeroon akka malee dhiphadhetti, “Ani fuula kee duraa badeera!” jedheen ture. Ati garuu yeroo ani gargaarsaaf sitti iyyadhetti, kadhannaa koo naa dhageesse.
Cikin tsorona na ce, “An yanke ni daga gabanka!” Duk da haka ka ji kukata na neman jinƙai sa’ad da na kira gare ka don taimako.
23 Qulqulloonni isaa hundinuu, Waaqayyoon jaalladhaa! Waaqayyo amanamoota ni eega; of tuultotaaf garuu akkuma hojii isaaniitti irra dabarsee deebisaaf.
Ku ƙaunaci Ubangiji, dukanku tsarkakansa! Ubangiji yakan adana amintattu, amma masu girman kai yakan sāka musu cikakke.
24 Warri Waaqayyoon abdattan hundinuu jabaadhaa; garaan keessan hin sodaatin.
Ku yi ƙarfin hali ku kuma ƙarfafa, dukanku masu sa bege a kan Ubangiji.