< Faarfannaa 19 >
1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu; bantiin samiis hojii harka isaa labsa.
Kwa mwimbishaji. Zaburi ya Daudi. Mbingu zinatangaza utukufu wa Mungu, anga zahubiri kazi ya mikono yake.
2 Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa, halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa.
Siku baada ya siku zinatoa habari, usiku baada ya usiku zinatangaza maarifa.
3 Haasaan yookaan dubbiin hin jiru; sagaleen isaaniis hin dhagaʼamu.
Hakuna msemo wala lugha, ambapo sauti zao hazisikiki.
4 Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa, dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe. Inni samiiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe;
Sauti yao imeenea duniani pote, nayo maneno yao yameenea hadi miisho ya ulimwengu. Katika mbingu amepiga hema kwa ajili ya jua,
5 biiftuunis akkuma misirricha dinqa isaatii baʼuutii fi akkuma moʼataa fiigicha dorgomutti gammadu tokkoo ti.
linafanana na bwana arusi akitoka chumbani mwake, kama shujaa afurahiavyo kukamilisha kushindana kwake.
6 Isheenis handaara samiiwwanii tokkoo baatee gara handaara kaaniitti naannofti; wanni hoʼa ishee jalaa dhokatu tokko iyyuu hin jiru.
Huchomoza upande mmoja wa mbingu, na kufanya mzunguko wake hadi upande mwingine. Hakuna kilichojificha joto lake.
7 Seerri Waaqayyoo mudaa hin qabu; lubbuu namatti deebisa. Ajajni Waaqayyoo amanamaa dha; nama wallaalaa beekaa godha.
Sheria ya Bwana ni kamilifu, ikihuisha nafsi. Shuhuda za Bwana ni za kuaminika, zikimpa mjinga hekima.
8 Seerri Waaqayyoo qajeelaa dha; garaadhaaf gammachuu kenna. Ajajni Waaqayyoo qulqulluu dha; ijaafis ifa kenna.
Maagizo ya Bwana ni kamili, nayo hufurahisha moyo. Amri za Bwana huangaza, zatia nuru machoni.
9 Waaqayyoon sodaachuun qulqulluu dha; bara baraan jiraata. Murtiin Waaqayyoo dhugaa dha; walumaa galattis qajeelaa dha.
Kumcha Bwana ni utakatifu, nako kwadumu milele. Amri za Bwana ni za hakika, nazo zina haki.
10 Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffame caalaa iyyuu gatii qabeessa; inni damma caalaa, nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha.
Ni za thamani kuliko dhahabu, kuliko dhahabu iliyo safi sana, ni tamu kuliko asali, kuliko asali kutoka kwenye sega.
11 Murtii kanaanis tajaajilaan kee ni gorfama; isa eeguunis gatii guddaa qaba.
Kwa hizo mtumishi wako anaonywa, katika kuzishika kuna thawabu kubwa.
12 Eenyutu dogoggora isaa hubachuu dandaʼa? Yakka koo isa dhokfamaa irraa na qulqulleessi.
Ni nani awezaye kutambua makosa yake? Nisamehe makosa yangu nisiyoyajua.
13 Tajaajilaa kee cubbuu ija jabinaan hojjetamu irraa eegi; cubbuun kunis na hin moʼatin. Yoos ani hirʼina malee nan jiraadha; dogoggora guddaa irraas qulqulluu nan taʼa.
Mlinde mtumishi wako na dhambi za makusudi, nazo zisinitawale. Ndipo nitakapokuwa sina lawama, wala sitakuwa na hatia ya kosa kubwa.
14 Yaa Waaqayyo, Kattaa koo fi Furii ko, dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koo fuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu.
Maneno ya kinywa changu na mawazo ya moyo wangu, yapate kibali mbele zako, Ee Bwana, Mwamba wangu na Mkombozi wangu.