< Faarfannaa 149 >
1 Haalleluuyaa. Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.
Yabi Ubangiji. Ku rera sabuwar waƙa ga Ubangiji, yabonsa a cikin taron tsarkaka.
2 Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu; sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu.
Bari Isra’ila su yi farin ciki da Mahaliccinsu; bari mutanen Sihiyona su yi murna da Sarkinsu.
3 Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu; dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.
Bari su yabi sunansa tare da rawa suna kuma yin kiɗi gare shi da ganga da garaya.
4 Waaqayyo saba isaatti ni gammadaatii; warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa.
Gama Ubangiji yana jin daɗin mutanensa; yakan darjanta masu sauƙinkai da ceto.
5 Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan; siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.
Bari tsarkaka su yi farin ciki a wannan bangirma su kuma rera don farin ciki a kan gadajensu.
6 Galanni Waaqaa afaan isaanii keessa haa jiraatu; goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu;
Bari yabon Allah yă kasance a bakunansu takobi mai kaifi kuma a hannuwansu,
7 kunis sabootatti haaloo baʼuu fi namoota adabuudhaaf;
don su ɗau fansa a kan al’ummai da kuma hukunci a kan mutane,
8 mootota isaanii foncaan, hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf,
don su ɗaura sarakuna da sarƙoƙi, manyan garinsu da sarƙoƙin ƙarfe,
9 murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf. Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina. Haalleluuyaa.
don su yi hukuncin da aka rubuta a kansu. Wannan ne ɗaukakar dukan tsarkakansa. Yabi Ubangiji.