< Faarfannaa 147 >
1 Haalleluuyaa. Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha; isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!
ヱホバをほめたたへよ われらの神をほめうたふは善ことなり樂しきことなり 稱へまつるはよろしきに適へり
2 Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara; Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba.
ヱホバはヱルサレムをきづきイスラエルのさすらへる者をあつめたまふ
3 Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha.
ヱホバは心のくだけたるものを醫しその傷をつつみたまふ
4 Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka; tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama.
ヱホバはもろもろの星の數をかぞへてすべてこれに名をあたへたまふ
5 Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha; hubannaan isaas dhuma hin qabu.
われらの主はおほいなりその能力もまた大なりその智慧はきはまりなし
6 Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa; hamoota garuu lafatti darbata.
ヱホバは柔和なるものをささへ屈きものを地にひきおとし給ふ
7 Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa; baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa.
ヱホバに感謝してうたへ琴にあはせてわれらの神をほめうたヘ
8 Inni samiiwwani duumessaan haguuga; lafaafis bokkaa kenna; tulluuwwan irrattis marga biqilcha.
ヱホバは雲をもて天をおほひ地のために雨をそなへ もろもろの山に草をはえしめ
9 Horiidhaaf waan isaan dheedan, yommuu ilmaan arraagessaa iyyanitti nyaata isaaniif ni kenna.
くひものを獣にあたへ並なく小鴉にあたへたまふ
10 Inni jabina fardaatti hin gammadu; yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu;
ヱホバは馬のちからを喜びたまはず 人の足をよみしたまはず
11 Waaqayyo warra isa sodaatanitti, warra araara isaa abdatanitti ni gammada.
ヱホバはおのれを畏るるものと おのれの憐憫をのぞむものとを好したまふ
12 Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu; Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu.
ヱルサレムよヱホバをほめたたへよ シオンよなんぢの神をほめたたへよ
13 Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii; ijoollee kees si keessatti eebbisa.
ヱホバはなんぢの門の関木をかたうし 汝のうちなる子輩をさきはひ給ひたればなり
14 Daarii keetiif nagaa kenna; qamadii qulqulluudhaanis si quubsa.
ヱホバは汝のすべての境にやはらぎをあたへ いと嘉麥をもて汝をあかしめたまふ
15 Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga; dubbiin isaas ni ariifata.
ヱホバはそのいましめを地にくだしたまふ その聖言はいとずみやかにはしる
16 Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa; qorras akkuma daaraatti bittinneessa.
ヱホバは雪をひつじの毛のごとくふらせ霜を灰のごとくにまきたまふ
17 Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata. Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
ヱホバは氷をつちくれのごとくに擲ちたまふ たれかその寒冷にたふることをえんや
18 Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa; bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu.
ヱホバ聖言をくだしてこれを消し その風をふかしめたまへばもろもろの水はながる
19 Inni dubbii isaa Yaaqoobitti, seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera.
ヱホバはそのみことばをヤコブに示し そのもろもろの律法とその審判とをイスラエルにしめしたまふ
20 Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone; isaan seera isaa hin beekan. Haalleluuyaa.
ヱホバはいづれの國をも如此あしらひたまひしにあらず ヱホバのもろもろの審判をかれらはしらざるなり ヱホバをほめたたへよ