< Faarfannaa 143 >
1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; gurra kees gara waammata kootiitti deebisi; amanamummaa fi qajeelummaa keetiin, na gargaari.
A psalm of David. Listen, O Lord, to my prayer; attend to my plea. In your faithfulness give me answer, and in your righteousness.
2 Ati garbicha kee murtiitti hin dhiʼeessin; namni lubbuun jiraatu kam iyyuu fuula kee duratti qajeelaa mitiitii.
With your servant O enter you not into judgment, for in your sight can no one alive be justified.
3 Diinni lubbuu koo ariʼachaa jiraatii; jireenya koos butuchee biyyootti make. Akkuma warra dur duʼaniittis dukkana keessa na jiraachiseera.
For the enemy persecutes me, crushing my life to the ground, making me live in the darkness, as those who have long been dead.
4 Kanaafuu hafuurri koo na keessatti gaggabeera; onneen koos na keessatti rifatteerti.
My spirit is faint within me, my heart is bewildered within me.
5 Ani guyyoota durii nan yaadadha; waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada; waan harki kee hojjete illee nan heda.
I remember the days of old, and brood over all you have done, musing on all that your hands have wrought.
6 Harka koo gara keetti nan diriirfadha; lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti.
I spread out my hands to you: I thirst for you, like parched earth. (Selah)
7 Yaa Waaqayyo, dafii deebii naa kenni; hafuurri koo dadhabeera. Fuula kee na duraa hin dhoksin yookaan ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.
Answer me soon, Lord, because my spirit is spent. Hide not your face from me, else become I like those who go down to the pit.
8 Ani waanan si amanadheef, akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi. Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii, karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.
Let me learn of your love in the morning, for my trust is in you. Teach me the way I should go: for my heart longs for you.
9 Yaa Waaqayyo, ani akka ati na dhoksituuf sitti nan baqadhaatii, diinota koo jalaa na baasi.
Save me, O Lord, from my foes: for to you I have fled for refuge.
10 Ati sababii Waaqa koo taateef, akka ani fedhii kee guutu na barsiisi; hafuurri kee gaariin sun karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu.
Teach me to do your will, for you yourself are my God. Guide me by your good spirit, O Lord, on a way that is smooth.
11 Yaa Waaqayyo, maqaa keetii jedhiitii lubbuu koo jiraachisi; qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi.
Be true to your name Lord, spare me, bring me out of distress in your faithfulness.
12 Ati sababii na jaallattuuf diinota koo fixi; waan ani garbicha kee taʼeef, warra na cunqursan hunda barbadeessi.
In your kindness extinguish my enemies, and all those who vex me destroy; for I am your servant.