< Faarfannaa 142 >

1 Maaskiilii Daawit Ani gara Waaqayyotti nan iyya; sagalee kootiinis fuula Waaqayyoo duratti waammata koo nan dhiʼeeffadha.
משכיל לדוד בהיותו במערה תפלה ב קולי אל-יהוה אזעק קולי אל-יהוה אתחנן
2 Ani guungummii koo fuula isaa duratti nan dhangalaasa; dhibee koos fuula isaa duratti nan himadha.
אשפך לפניו שיחי צרתי לפניו אגיד
3 Yeroof hafuurri koo na keessatti laafu, situ karaa koo beeka. Namoonni daandii ani deemu irra, kiyyoo naa kaaʼaniiru.
בהתעטף עלי רוחי-- ואתה ידעת נתיבתי בארח-זו אהלך-- טמנו פח לי
4 Gara mirga koo ilaali; argis; namni naa yaadu tokko iyyuu hin jiru; ani iddoon itti kooluu galu tokko illee hin qabu; namni jireenya kootiif yaadus hin jiru.
הביט ימין וראה-- ואין-לי מכיר אבד מנוס ממני אין דורש לנפשי
5 Yaa Waaqayyo, sitti nan iyyadha; “Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha; biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti” nan jedha.
זעקתי אליך יהוה אמרתי אתה מחסי חלקי בארץ החיים
6 Ani abdii kutadheeraatii, kadhannaa koo naa dhagaʼi; warra na ariʼatan jalaa na baasi; isaan akka malee natti cimaniiruutii.
הקשיבה אל-רנתי-- כי-דלותי-מאד הצילני מרדפי-- כי אמצו ממני
7 Akka ani maqaa kee galateeffadhuuf, lubbuu koo mana hidhaatii naa baasi. Sababii ati waan gaarii naa gooteef, qajeeltonni naannoo kootti walitti qabamu.
הוציאה ממסגר נפשי-- להודות את-שמך בי יכתרו צדיקים-- כי תגמל עלי

< Faarfannaa 142 >