< Faarfannaa 133 >

1 Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun, akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!
Davut'un hac ilahisi Ne iyi, ne güzeldir, Birlik içinde kardeşçe yaşamak!
2 Kun akka zayitii gatii guddaa kan mataa irratti dhangalaafamee, akka isa areeda irra gad yaaʼuu, areeda Aroon irra, morma uffata isaa irras gad yaaʼa ti.
Başa sürülen değerli yağ gibi, Sakaldan, Harun'un sakalından Kaftanının yakasına dek inen yağ gibi.
3 Innis akkuma fixeensa Hermoon, kan Tulluu Xiyoon irra gad yaaʼuu ti. Achi irratti Waaqayyo hamma bara baraatti eebba isaa, jireenyas ajajeeraatii.
Hermon Dağı'na yağan çiy Siyon dağlarına yağıyor sanki. Çünkü RAB orada bereketi, Sonsuz yaşamı buyurdu.

< Faarfannaa 133 >