< Fakkeenya 20 >

1 Daadhiin wayinii nama qoostuu, dhugaatiin cimaan immoo waccuu nama godha; namni isaaniin fudhatamus ogeessa miti.
Wine is a mocker, strong drink is a brawler, and whoever is led astray by them is not wise.
2 Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti; namni isa aarsus lubbuu ofii isaa dhaba.
The terror of a king is like the roar of a lion; whoever provokes him forfeits his own life.
3 Lola irraa fagaachuun ulfina; gowwaan hundi garuu lolatti ariifata.
It is honorable for a man to resolve a dispute, but any fool will quarrel.
4 Dhibaaʼaan yeroodhaan hin qotatu; kanaafuu inni yeroo haamaatti ni ilaala malee homaa hin argatu.
The slacker does not plow in season; at harvest time he looks, but nothing is there.
5 Yaadni qalbii namaa akkuma bishaan gad fagoo ti; hubataan namaa garuu ni waraabbata.
The intentions of a man’s heart are deep waters, but a man of understanding draws them out.
6 Namni hedduun akka jaalala hin dhumne qabu dubbata; nama amanamaa garuu eenyutu argachuu dandaʼa?
Many a man proclaims his loving devotion, but who can find a trustworthy man?
7 Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata; ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu.
The righteous man walks with integrity; blessed are his children after him.
8 Mootiin tokko yeroo murtii kennuuf teessoo isaa irra taaʼutti, waan hamaa hunda ijuma isaatiin gingilchee addaan baasa.
A king who sits on a throne to judge sifts out all evil with his eyes.
9 Eenyutu, “Ani garaa koo qulqulleeffadheera; ani qulqulluu dha; cubbuus hin qabu” jechuu dandaʼa?
Who can say, “I have kept my heart pure; I am cleansed from my sin”?
10 Madaalii jalʼaa fi safartuu jalʼaa lamaanuu Waaqayyo ni balfa.
Differing weights and unequal measures — both are detestable to the LORD.
11 Mucaan xinnaan iyyuu amalli isaa qulqulluu fi qajeelaa taʼuun isaa hojii isaatiin beekama.
Even a young man is known by his actions— whether his conduct is pure and upright.
12 Gurra dhagaʼuu fi ija argu, lachanuu Waaqayyotu uume.
Ears that hear and eyes that see— the LORD has made them both.
13 Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin; midhaan akka quuftuuf, dammaqii jiraadhu.
Do not love sleep, or you will grow poor; open your eyes, and you will have plenty of food.
14 Namni waa bitatu, “Wanni kun gaarii miti; wanni kun gaarii miti!” jedha; ergasii immoo dhaqee waaʼee waan bitate sanaa boona.
“Worthless, worthless!” says the buyer, but on the way out, he gloats.
15 Warqeen ni jira; lulli diimaanis baayʼinaan jira; arrabni beekumsa dubbatu garuu faaya gatii guddaa ti.
There is an abundance of gold and rubies, but lips of knowledge are a rare treasure.
16 Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu; yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
Take the garment of the one who posts security for a stranger; get collateral if it is for a foreigner.
17 Nyaanni gowwoomsaadhaan argame namatti miʼaawa; dhuma irratti garuu afaan nama sanaa cirrachatu guuta.
Food gained by fraud is sweet to a man, but later his mouth is full of gravel.
18 Gorsaan karoora baafadhu; qajeelfama ogummaatiin waraana bani.
Set plans by consultation, and wage war under sound guidance.
19 Hamattuun icciitii baafti; kanaafuu odeessituu wajjin tokkummaa hin qabaatin.
He who reveals secrets is a constant gossip; avoid the one who babbles with his lips.
20 Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare, ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.
Whoever curses his father or mother, his lamp will be extinguished in deepest darkness.
21 Dhaalli jalqabumatti dafee argame dhumni isaa eebba hin qabaatu.
An inheritance gained quickly will not be blessed in the end.
22 Ati, “Yakka ati hojjette kanaaf ani gatii kee siifin kenna!” hin jedhin; Waaqayyoon eeggadhu; inni si baasa.
Do not say, “I will avenge this evil!” Wait on the LORD, and He will save you.
23 Waaqayyo madaalii jalʼaa ni balfa; safartuu sobaattis hin gammadu.
Unequal weights are detestable to the LORD, and dishonest scales are no good.
24 Adeemsi namaa Waaqayyoon qajeelfama. Yoos namni kam iyyuu akkamiin karaa ofii isaa hubachuu dandaʼa ree?
A man’s steps are from the LORD, so how can anyone understand his own way?
25 Namni utuu itti hin yaadin, “Wanni kun Waaqaaf qulqulleeffameera” jedhee ergasii immoo waan wareege sana gaabbe kiyyoo isatti taʼa.
It is a trap for a man to dedicate something rashly, only later to reconsider his vows.
26 Mootiin ogeessi hamoota gingilchee addaan baasa; geengoo ittiin midhaan dhaʼan illee isaan irra oofa.
A wise king separates out the wicked and drives the threshing wheel over them.
27 Ibsaan Waaqayyoo hafuura namaa sakattaʼa; inni keessa namaa illee isumaan qora.
The spirit of a man is the lamp of the LORD, searching out his inmost being.
28 Jaalallii fi amanamummaan mootii tokko nagaan jiraachisu; teessoon mootummaa isaas jaalalaan eegama.
Loving devotion and faithfulness preserve a king; by these he maintains his throne.
29 Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti; arriin mataa kabaja nama umuriin dheeratee ti.
The glory of young men is their strength, and gray hair is the splendor of the old.
30 Abootteen nama madeessu hammina nama irraa qulqulleessa; garaffiin immoo keessa namaa geeddara.
Lashes and wounds scour evil, and beatings cleanse the inmost parts.

< Fakkeenya 20 >