< Fakkeenya 16 >

1 Karoorri garaa kan namaa ti; deebiin arrabaa garuu Waaqayyo biraa dhufa.
Unto man belong the resolves of the heart; but from the Lord cometh the expression of the tongue.
2 Nama tokko karaan isaa hundi qulqulluu itti fakkaata; yaada namaa garuu Waaqayyotu madaala.
Every one of the ways of a man is pure in his own eyes; but the Lord measureth the spirits.
3 Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu; karoorri kees siif milkaaʼa.
Commit unto the Lord thy works, and thy plans will be firmly established.
4 Waaqayyo waan hunda kaayyoo ofii isaatiif hojjeta; hamoota iyyuu guyyaa badiisaatiif qopheessa.
Every thing hath the Lord wrought for its destined end; yes, even the wicked for the day of unhappiness.
5 Namni of tuulu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha; dhugumaan inni utuu hin adabamin hin hafu.
An abomination of the Lord is every one that is proud of heart: the hand [of God] being against [his] hand, he shall not go unpunished.
6 Namni jaalalaa fi amanamummaadhaan araara cubbuu argata; Waaqayyoon sodaachuudhaanis hammina irraa cita.
Through kindness and truth is iniquity atoned for; and by the fear of the Lord [men] depart from evil.
7 Yoo karaan namaa Waaqayyoon gammachiise, inni akka diinonni isaas nagaan isa wajjin jiraatan ni godha.
When the Lord receiveth in favor a man's ways, he maketh even his enemies to be at peace with him.
8 Galii guddaa jalʼinaan argatan mannaa waan xinnoo qajeelummaan argatan wayya.
Better is a little with righteousness, than great incomes through injustice.
9 Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata; Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.
A man's heart deviseth his way; but the Lord directeth firmly his steps.
10 Hidhiin mootii hooda dubbata; afaan isaa illee murtii hin jalʼisu.
There should be a wise sentence on the lips of the king: his mouth should never commit a trespass in judging.
11 Madaallii fi safartuun qajeelaan kan Waaqayyoo ti; ulfinni korojoo keessa jiru hundinuu hojii isaa ti.
A just balance and scales belong to the Lord: his work are all the weights in the bag.
12 Sababii teessoon qajeelummaadhaan jabaatee dhaabatuuf mootonni waan hamaa hojjechuu ni balfu.
It should be an abomination to kings to commit wickedness; for through righteousness [alone] can a throne be established.
13 Mootonni afaan dhugaa dubbatutti ni gammadu; isaan nama dhugaa dubbatu ni jaallatu.
Righteous lips [should obtain] the favor of kings; and him that speaketh uprightly should they love.
14 Dheekkamsi mootii ergamaa duʼaa ti; namni ogeessi garuu ni qabbaneessa.
The fury of a king is like the messengers of death; but a wise man will appease it.
15 Jireenyi ifa fuula mootii keessa jira; surraan isaa akkuma duumessa bokkaa arfaasaa ti.
In the light of the king's countenance there is life; and his favor is as a cloud of the latter rain.
16 Ogummaa argachuun warqee caala; hubannaa argachuunis meetii caala!
How much better is it to obtain wisdom than gold! and to obtain understanding is preferable to silver!
17 Daandiin nama tolaa hammina irraa fagoo dha; namni karaa isaa eegus jireenya isaa eeggata.
The highway of the upright is to depart from evil: he preserveth his soul that watcheth his way.
18 Of tuuluun badiisaan dura, of bokoksuunis kufaatiin dura deema.
Before downfall [goeth] pride, and before stumbling, haughtiness of spirit.
19 Warra of tuulu wajjin boojuu qooddachuu mannaa, hafuuraan gad of qabanii warra cunqurfame wajjin jiraachuu wayya.
Better is it to be of a humble spirit with the lowly, than to divide spoil with the proud.
20 Namni gorsa fudhatu kam iyyuu ni milkaaʼa; kan Waaqayyoon amanatus eebbifamaa dha.
He that reflecteth on a matter wisely will find happiness; and whoso trusteth in the Lord—happiness attend him!
21 Namni garaadhaan ogeessa taʼe qalbeeffataa jedhama; dubbiin miʼaawu immoo gorsa dabala.
The wise in heart is called a man of understanding; and the sweetness of the lips increaseth information.
22 Hubannaan nama isa qabuuf madda jireenyaa ti; gowwummaan garuu gowwootatti adabbii fida.
Intelligence is a source of life unto its possessor; but the correction of fools is folly.
23 Garaan nama ogeessaa arraba isaa qajeelcha; afaan isaas gorsa dabala.
The heart of the wise maketh his mouth intelligent, and upon his lips he increaseth information.
24 Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti; inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.
[Like] the droppings of honey are pleasant sayings, sweet to the soul, and healing to the bones.
25 Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
There is many a way which seemeth even before a man, but its end are the ways unto death.
26 Fedhiin hojjetaan tokko nyaataaf qabu hojiif isa kakaasa; beelaʼuun isaas ittuma cima.
The desire of the laborer laboreth for him; for his mouth imposeth it on him.
27 Namni faayidaa hin qabne hammina malata; haasaan isaas akkuma ibidda waa gubuu ti.
An ungodly man diggeth up mischief, and on his lips there is as it were a scathing fire.
28 Namni jalʼaan lola kakaasa; hamattuun immoo michoota walitti dhiʼaatan gargar baafti.
A perverse man scattereth strife; and a whisperer separateth confident friends.
29 Namni jeequmsaan deemu ollaa isaa gowwoomsee karaa jalʼaatti isa geessa.
The man of violence misleadeth his neighbor, and maketh him go on a way which is not good.
30 Namni ija qisu jalʼina karoorfata; kan hidhii ciniinnatu immoo hammina fida.
He shutteth his eyes to devise perverse things: when he compresseth his lips then hath he fully resolved on evil.
31 Arriin gonfoo ulfinaa ti; innis karaa qajeelaadhaan argama.
An ornamental crown is the hoary head, on the way of righteousness can it be found.
32 Goota waraanaa irra nama obsa qabu, nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.
One that is slow to anger is better than a hero; and he that ruleth his spirit, than the conqueror of a city.
33 Ixaan gudeeda irratti buufama; murtoon isaa garuu guutumaan guutuutti Waaqayyo biraa dhufa.
In the lap the lot is cast: but from the Lord cometh the whole of its decision.

< Fakkeenya 16 >