< Lakkoobsa 19 >

1 Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
καὶ ἐλάλησεν κύριος πρὸς Μωυσῆν καὶ Ααρων λέγων
2 “Seerri Waaqayyo ajaje kana: Akka Israaʼeloonni goromsa diimtuu hirʼina yookaan hanqina hin qabne kan takkumaa waanjoon morma ishee hin tuqin tokko siif fidan itti himi.
αὕτη ἡ διαστολὴ τοῦ νόμου ὅσα συνέταξεν κύριος λέγων λάλησον τοῖς υἱοῖς Ισραηλ καὶ λαβέτωσαν πρὸς σὲ δάμαλιν πυρρὰν ἄμωμον ἥτις οὐκ ἔχει ἐν αὐτῇ μῶμον καὶ ᾗ οὐκ ἐπεβλήθη ἐπ’ αὐτὴν ζυγός
3 Goromsa sanas Eleʼaazaar lubichatti kennaa; raaddi sunis qubata keessaa gad baafamtee fuula isaa duratti haa qalamtu.
καὶ δώσεις αὐτὴν πρὸς Ελεαζαρ τὸν ἱερέα καὶ ἐξάξουσιν αὐτὴν ἔξω τῆς παρεμβολῆς εἰς τόπον καθαρὸν καὶ σφάξουσιν αὐτὴν ἐνώπιον αὐτοῦ
4 Eleʼaazaar lubichi quba isaatiin dhiiga goromsa sanaa irraa xinnoo fuudhee dunkaana wal gaʼii duratti yeroo torba haa facaasu.
καὶ λήμψεται Ελεαζαρ ἀπὸ τοῦ αἵματος αὐτῆς καὶ ῥανεῖ ἀπέναντι τοῦ προσώπου τῆς σκηνῆς τοῦ μαρτυρίου ἀπὸ τοῦ αἵματος αὐτῆς ἑπτάκις
5 Utuma inni ilaaluu gogaan, foon, dhiignii fi cumaan goromsa sanaa haa gubamu.
καὶ κατακαύσουσιν αὐτὴν ἐναντίον αὐτοῦ καὶ τὸ δέρμα καὶ τὰ κρέα αὐτῆς καὶ τὸ αἷμα αὐτῆς σὺν τῇ κόπρῳ αὐτῆς κατακαυθήσεται
6 Lubni sun qoraan birbirsaa, hiisophii fi kirrii bildiimaa goromsa gubamtu sanatti haa darbatu.
καὶ λήμψεται ὁ ἱερεὺς ξύλον κέδρινον καὶ ὕσσωπον καὶ κόκκινον καὶ ἐμβαλοῦσιν εἰς μέσον τοῦ κατακαύματος τῆς δαμάλεως
7 Lubni sun ergasii wayyaa ofii isaa miiccatee dhagna ofii isaa illee bishaaniin dhiqachuu qaba. Innis qubatatti galuu dandaʼa; garuu hamma galgalaatti akka seeraatti xuraaʼaa taʼee tura.
καὶ πλυνεῖ τὰ ἱμάτια αὐτοῦ ὁ ἱερεὺς καὶ λούσεται τὸ σῶμα αὐτοῦ ὕδατι καὶ μετὰ ταῦτα εἰσελεύσεται εἰς τὴν παρεμβολήν καὶ ἀκάθαρτος ἔσται ὁ ἱερεὺς ἕως ἑσπέρας
8 Namichi goromsa sana gubus wayyaa isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; innis hamma galgalaatti xuraaʼee tura.
καὶ ὁ κατακαίων αὐτὴν πλυνεῖ τὰ ἱμάτια αὐτοῦ καὶ λούσεται τὸ σῶμα αὐτοῦ καὶ ἀκάθαρτος ἔσται ἕως ἑσπέρας
9 “Namni qulqulluun tokko daaraa goromsa sanaa walitti haree qubata keessaa baasee iddoo seeraan qulqulluu taʼe tokko haa kaaʼu. Daaraa kanas waldaan Israaʼel bishaan ittiin qulqulleessan wajjin itti fayyadamuudhaaf ol kaaʼata; innis cubbuu irraa qulqulleeffamuuf fayyada.
καὶ συνάξει ἄνθρωπος καθαρὸς τὴν σποδὸν τῆς δαμάλεως καὶ ἀποθήσει ἔξω τῆς παρεμβολῆς εἰς τόπον καθαρόν καὶ ἔσται τῇ συναγωγῇ υἱῶν Ισραηλ εἰς διατήρησιν ὕδωρ ῥαντισμοῦ ἅγνισμά ἐστιν
10 Namni daaraa goromsa sanaa walitti haru sunis wayyaa ofii isaa miiccachuu qaba; innis akkasuma hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Kunis Israaʼelootaa fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif seera bara baraa taʼa.
καὶ πλυνεῖ τὰ ἱμάτια ὁ συνάγων τὴν σποδιὰν τῆς δαμάλεως καὶ ἀκάθαρτος ἔσται ἕως ἑσπέρας καὶ ἔσται τοῖς υἱοῖς Ισραηλ καὶ τοῖς προσκειμένοις προσηλύτοις νόμιμον αἰώνιον
11 “Namni reeffa nama kamii iyyuu tuqu bultii torba xuraaʼaa taʼa.
ὁ ἁπτόμενος τοῦ τεθνηκότος πάσης ψυχῆς ἀνθρώπου ἀκάθαρτος ἔσται ἑπτὰ ἡμέρας
12 Inni guyyaa sadaffaa fi guyyaa torbaffaatti bishaaniin of qulqulleessuu qaba; ergasii qulqulluu taʼa. Garuu yoo guyyaa sadaffaa fi torbaffaatti of qulqulleessuu baate inni hin qulqullaaʼu.
οὗτος ἁγνισθήσεται τῇ ἡμέρᾳ τῇ τρίτῃ καὶ τῇ ἡμέρᾳ τῇ ἑβδόμῃ καὶ καθαρὸς ἔσται ἐὰν δὲ μὴ ἀφαγνισθῇ τῇ ἡμέρᾳ τῇ τρίτῃ καὶ τῇ ἡμέρᾳ τῇ ἑβδόμῃ οὐ καθαρὸς ἔσται
13 Namni reeffa nama kamii iyyuu tuqee of hin qulqulleessin hundi dunkaana Waaqayyoo qulqullicha sana xureessa. Namni sun saba Israaʼel keessaa ni balleeffama. Sababii bishaan ittiin qulqulleessan isatti hin facaafaminiif inni xuraaʼaa dha; xuraaʼummaan isaas isuma irratti hafa.
πᾶς ὁ ἁπτόμενος τοῦ τεθνηκότος ἀπὸ ψυχῆς ἀνθρώπου ἐὰν ἀποθάνῃ καὶ μὴ ἀφαγνισθῇ τὴν σκηνὴν κυρίου ἐμίανεν ἐκτριβήσεται ἡ ψυχὴ ἐκείνη ἐξ Ισραηλ ὅτι ὕδωρ ῥαντισμοῦ οὐ περιερραντίσθη ἐπ’ αὐτόν ἀκάθαρτός ἐστιν ἔτι ἡ ἀκαθαρσία αὐτοῦ ἐν αὐτῷ ἐστιν
14 “Yeroo namni tokko dunkaana keessatti duʼutti seerri kana: Namni dunkaana sana seenu hundii fi namni dunkaana keessa jiru hundi bultii torbaaf xuraaʼaa taʼa;
καὶ οὗτος ὁ νόμος ἄνθρωπος ἐὰν ἀποθάνῃ ἐν οἰκίᾳ πᾶς ὁ εἰσπορευόμενος εἰς τὴν οἰκίαν καὶ ὅσα ἐστὶν ἐν τῇ οἰκίᾳ ἀκάθαρτα ἔσται ἑπτὰ ἡμέρας
15 qodaan afaan banaa kan qadaadni jabeeffamee itti hin qadaadamin hundi xuraaʼaa taʼa.
καὶ πᾶν σκεῦος ἀνεῳγμένον ὅσα οὐχὶ δεσμὸν καταδέδεται ἐπ’ αὐτῷ ἀκάθαρτά ἐστιν
16 “Namni alatti nama goraadeedhaan ajjeefame yookaan nama ofumaan duʼe tuqu kam iyyuu yookaan namni lafee namaa yookaan awwaala tuqu kam iyyuu bultii torbaaf xuraaʼaa taʼa.
καὶ πᾶς ὃς ἐὰν ἅψηται ἐπὶ προσώπου τοῦ πεδίου τραυματίου ἢ νεκροῦ ἢ ὀστέου ἀνθρωπίνου ἢ μνήματος ἑπτὰ ἡμέρας ἀκάθαρτος ἔσται
17 “Nama xuraaʼaaf aarsaa ittiin qulqulleessuuf gubame sana irraa daaraa xinnaa isaa fuudhii okkotee tokkotti naqiitii bishaan yaaʼu itti dhangalaasi.
καὶ λήμψονται τῷ ἀκαθάρτῳ ἀπὸ τῆς σποδιᾶς τῆς κατακεκαυμένης τοῦ ἁγνισμοῦ καὶ ἐκχεοῦσιν ἐπ’ αὐτὴν ὕδωρ ζῶν εἰς σκεῦος
18 Ergasiis namni akka seeraatti qulqulluu taʼe hiisophii xinnaa isaa fuudhee bishaan sana keessa cuuphee dunkaanaa fi miʼa isaa hundatti, namoota achi turanittis haa faffacaasu. Akkasumas nama lafee namaa yookaan awwaala yookaan nama ajjeefame yookaan nama ofumaan duʼe tuqetti haa faffacaasu.
καὶ λήμψεται ὕσσωπον καὶ βάψει εἰς τὸ ὕδωρ ἀνὴρ καθαρὸς καὶ περιρρανεῖ ἐπὶ τὸν οἶκον καὶ ἐπὶ τὰ σκεύη καὶ ἐπὶ τὰς ψυχάς ὅσαι ἐὰν ὦσιν ἐκεῖ καὶ ἐπὶ τὸν ἡμμένον τοῦ ὀστέου τοῦ ἀνθρωπίνου ἢ τοῦ τραυματίου ἢ τοῦ τεθνηκότος ἢ τοῦ μνήματος
19 Namichi qulqulluun sun guyyaa sadaffaa fi torbaffaatti namicha xuraaʼaa sanatti haa faffacaasu; guyyaa torbaffaatti immoo isa qulqulleessuu qaba. Namichi qulqulleefamu sun wayyaa ofii isaa miiccachuu, dhagna ofii isaas bishaaniin dhiqachuu qaba; innis galgala sana qulqulluu taʼa.
καὶ περιρρανεῖ ὁ καθαρὸς ἐπὶ τὸν ἀκάθαρτον ἐν τῇ ἡμέρᾳ τῇ τρίτῃ καὶ ἐν τῇ ἡμέρᾳ τῇ ἑβδόμῃ καὶ ἀφαγνισθήσεται τῇ ἡμέρᾳ τῇ ἑβδόμῃ καὶ πλυνεῖ τὰ ἱμάτια αὐτοῦ καὶ λούσεται ὕδατι καὶ ἀκάθαρτος ἔσται ἕως ἑσπέρας
20 Garuu namni xuraaʼaan yoo of qulqulleessuu baate, inni sababii iddoo qulqulluu Waaqayyo xureesseef waldaa keessaa ni balleeffama. Bishaan ittiin qulqulleessan sun isatti hin facaafamneetii inni xuraaʼaa dha.
καὶ ἄνθρωπος ὃς ἐὰν μιανθῇ καὶ μὴ ἀφαγνισθῇ ἐξολεθρευθήσεται ἡ ψυχὴ ἐκείνη ἐκ μέσου τῆς συναγωγῆς ὅτι τὰ ἅγια κυρίου ἐμίανεν ὅτι ὕδωρ ῥαντισμοῦ οὐ περιερραντίσθη ἐπ’ αὐτόν ἀκάθαρτός ἐστιν
21 Kun isaaniif seera bara baraa ti. “Namichi bishaan ittiin qulqulleessan faffacaasu sun wayyaa ofii isaa haa miiccatu; namni bishaan ittiin qulqulleessan tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
καὶ ἔσται ὑμῖν νόμιμον αἰώνιον καὶ ὁ περιρραίνων ὕδωρ ῥαντισμοῦ πλυνεῖ τὰ ἱμάτια αὐτοῦ καὶ ὁ ἁπτόμενος τοῦ ὕδατος τοῦ ῥαντισμοῦ ἀκάθαρτος ἔσται ἕως ἑσπέρας
22 Wanni namni xuraaʼaan tokko tuqu kam iyyuu xuraaʼaa taʼa; namni waan sana tuqu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.”
καὶ παντός οὗ ἐὰν ἅψηται αὐτοῦ ὁ ἀκάθαρτος ἀκάθαρτον ἔσται καὶ ἡ ψυχὴ ἡ ἁπτομένη ἀκάθαρτος ἔσται ἕως ἑσπέρας

< Lakkoobsa 19 >