< Nahimiyaa 10 >
1 Warri chaappaan rukutanis kanneenii dha: Bulchaa biyyaa jechuunis Nahimiyaa ilma Hakaaliyaa. Zedeqiyaa,
印を押した者はハカリヤの子である総督ネヘミヤ、およびゼデキヤ、
2 Seraayaa, Azaariyaa, Ermiyaas,
セラヤ、アザリヤ、エレミヤ、
3 Phaashihuur, Amariyaa, Malkiyaa,
パシュル、アマリヤ、マルキヤ、
4 Haxuush, Shebaniyaa, Maluuk,
ハットシ、シバニヤ、マルク、
5 Haariim, Mereemooti, Obaadiyaa,
ハリム、メレモテ、オバデヤ、
6 Daaniʼel, Ginetoon, Baaruk,
ダニエル、ギンネトン、バルク、
7 Meshulaam, Abiyaa, Miyaamiin,
メシュラム、アビヤ、ミヤミン、
8 Maʼaaziyaa, Bilgaayii fi Shemaaʼiyaa. Warri kunneen luboota turan.
マアジヤ、ビルガイ、シマヤで、これらは祭司である。
9 Lewwonni: Yeeshuuʼaa ilma Azaniyaa, ilmaan Heenaadaad keessaa Binuuyii, Qadmiiʼeelii fi
レビびとではアザニヤの子エシュア、ヘナダデの子らのうちのビンヌイ、カデミエル、
10 obboloota isaanii: Shebaniyaa, Hoodiyaa, Qeliixaa, Phelaayaa, Haanaan,
およびその兄弟シバニヤ、ホデヤ、ケリタ、ペラヤ、ハナン、
11 Miikaa, Rehoob, Hashabiyaa,
ミカ、レホブ、ハシャビヤ、
12 Zakuur, Sheereebiyaa, Shebaniyaa,
ザックル、セレビヤ、シバニヤ、
13 Hoodiyaa, Baanii fi Beniinuu.
ホデヤ、バニ、ベニヌである。
14 Bulchitoota sabaa: Phaarosh, Fahat Moʼaab, Eelaam, Zaatuu, Baanii,
民のかしらではパロシ、パハテ・モアブ、エラム、ザット、バニ、
15 Bunii, Azgaad, Beebay,
ブンニ、アズガデ、ベバイ、
16 Adooniyaa, Baguwaay, Aadiin,
アドニヤ、ビグワイ、アデン、
17 Ateer, Hisqiyaas, Azuri,
アテル、ヒゼキヤ、アズル、
18 Hoodiyaa, Haashum, Beesaay,
ホデヤ、ハシュム、ベザイ、
19 Haariif, Anaatoot, Nebaayi,
ハリフ、アナトテ、ノバイ、
20 Magiphiiʼaash, Meshulaam, Heeziir,
マグピアシ、メシュラム、ヘジル、
21 Mesheezabeel, Zaadoq, Yaaduʼaa,
メシザベル、ザドク、ヤドア、
22 Phelaatiyaa, Haanaan, Anaayaa,
ペラテヤ、ハナン、アナニヤ、
23 Hoosheeʼaa, Hanaaniyaa, Hashuub,
ホセア、ハナニヤ、ハシュブ、
24 Haloheesh, Philihaa, Soobeq,
ハロヘシ、ピルハ、ショベク、
25 Rehuum, Hashabnaa, Maʼaseyaa,
レホム、ハシャブナ、マアセヤ、
26 Ahiiyaa, Haanaan, Aanaan,
アヒヤ、ハナン、アナン、
27 Maluuk, Haariimii fi Baʼanaa.
マルク、ハリム、バアナである。
28 “Namoonni hafan kaan jechuunis luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonni, tajaajiltoonni mana qulqullummaatii fi warri Seera Waaqaatiif jedhanii saboota ollaa irraa kophaa of baasan hundinuu niitota isaanii, ilmaanii fi intallan isaanii kanneen waa hubachuu dandaʼan hunda wajjin
その他の民、祭司、レビびと、門を守る者、歌うたう者、宮に仕えるしもべ、ならびにすべて国々の民と離れて神の律法に従った者およびその妻、むすこ、娘などすべて知識と悟りのある者は、
29 obboloota isaanii bebeekamootti dabalamanii akka Seera Waaqaa kan karaa Musee garbicha Waaqaa sanaatiin kenname sana eeganiif ajaja, seeraa fi labsii Waaqayyo Gooftaa keenyaa hundaaf ajajamaniif abaarsaa fi kakuudhaan waadaa galan.
その兄弟である尊い人々につき従い、神のしもべモーセによって授けられた神の律法に歩み、われわれの主、主のすべての戒めと、おきてと、定めとを守り行うために、のろいと誓いとに加わった。
30 “Nu akka warra naannoo keenya jiraatanitti intallan keenya hin heerumsiifne yookaan akka ilmaan keenya illee intallan isaanii hin fuusifne waadaa galla.
われわれはこの地の民らにわれわれの娘を与えず、われわれのむすこに彼らの娘をめとらない。
31 “Yoo saboonni ollaa keenya jiraatan miʼa daldalaa yookaan midhaan gurguraa guyyaa Sanbataatiin fidan nu guyyaa Sanbataatiin yookaan guyyaa qulqulluu kamiin iyyuu isaan irraa hin bitannu. Waggaa torbaffaa kam iyyuu lafa qotiisaa boqochiifnee idaa hunda namaaf ni dhiifna.
またこの地の民らがたとい品物または穀物を安息日に携えて来て売ろうとしても、われわれは安息日または聖日にはそれを買わない。また七年ごとに耕作をやめ、すべての負債をゆるす。
32 “Akka waggaa hunda tajaajila mana Waaqa keenyaatiif jennee saqilii argannu harka sadii keessaa harka tokko kenninu itti gaafatamummaa ni fudhanna;
われわれはまたみずから規定を設けて、われわれの神の宮の用のために年々シケルの三分の一を出し、
33 kunis buddeena minjaala irratti dhiʼeeffamuuf, kennaa midhaaniitii fi aarsaa gubamu kan yeroo yerootti dhiʼeeffamuuf, aarsaa guyyaa Sanbataatiif, kan ayyaana Baatii Haaraatii fi kan ayyaanota bebeekamoo, aarsaawwan qulqullaaʼoodhaaf, aarsaawwan cubbuu kanneen Israaʼeliif araara buusuuf dhiʼeeffamaniif, akkasumas hojiiwwan mana Waaqa keenyaa keessaa hundaafii dha.
供えのパン、常素祭、常燔祭のため、安息日、新月および定めの祭の供え物のため、聖なる物のため、イスラエルのあがないをなす罪祭、およびわれわれの神の宮のもろもろのわざのために用いることにした。
34 “Nu, luboonni, Lewwonnii fi sabni yeroo itti tokkoon tokkoon maatiiwwan keenyaa akkuma Seera keessatti barreeffametti waggaa hunda keessaa yeroo murteeffametti iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keenyaa irratti bobeessuuf kennaa qoraanii gara mana Waaqa keenyaa fiduu qabnu beekuuf ixaa buufanneerra.
またわれわれ祭司、レビびとおよび民はくじを引いて、律法にしるされてあるようにわれわれの神、主の祭壇の上にたくべきたきぎの供え物を、年々定められた時に氏族にしたがって、われわれの神の宮に納める者を定めた。
35 “Akkasumas nu mataa midhaan keenyaatii fi mataa muka ija kennuu hunda waggaa waggaadhaan gara mana Waaqayyoo fiduuf itti gaafatama fudhanneerra.
またわれわれの土地の初なり、および各種の木の実の初なりを、年々主の宮に携えてくることを誓い、
36 “Akkuma Seera keessatti barreeffametti hangafa ilmaan keenyaatii fi hangafa loon keenyaa, hangafa horii keenyaatii fi hangafa bushaayee keenyaa gara mana Waaqa keenyaa, luboota achi keessa tajaajilanitti ni geessina.
また律法にしるしてあるように、われわれの子どもおよび家畜のういご、およびわれわれの牛や羊のういごを、われわれの神の宮に携えてきて、われわれの神の宮に仕える祭司に渡し、
37 “Kana malees nu daakuu keenya kan bukeeffame irraa, kennaawwan midhaan keenyaa irraa, ija mukkeen keenyaa hunda irraa, daadhii wayinii keenyaa haaraa fi zayitii irraa mataa fuunee gara mankuusaalee mana Waaqa keenyaa lubootatti geessina. Amma illee sababii warri harka kudhan keessaa harka tokko walitti qaban Lewwota taʼaniif magaalaawwan keessa hojjennu hunda keessaa oomisha midhaan keenyaa harka kudhan keessaa harka tokko Lewwotatti geessina.
われわれの麦粉の初物、われわれの供え物、各種の木の実、ぶどう酒および油を祭司のもとに携えて行って、われわれの神の宮のへやに納め、またわれわれの土地の産物の十分の一をレビびとに与えることにした。レビびとはわれわれのすべての農作をなす町において、その十分の一を受くべき者だからである。
38 Yeroo Lewwonni kennaa harka kudhan keessaa tokko walitti qabanitti lubni sanyii Aroon keessaa dhalate tokko isaan wajjin jiraachuu qaba; ergasii Lewwonni kennaa walitti qaban sana keessaa harka kudhan keessaa tokko gara mana Waaqa keenyaa, gara mankuusaa qabeenyaatti fiduu qabu.
レビびとが十分の一を受ける時には、アロンの子孫である祭司が、そのレビびとと共にいなければならない。そしてまたレビびとはその十分の一の十分の一を、われわれの神の宮に携え上って、へやまたは倉に納めなければならない。
39 Sabni Israaʼelii fi ilmaan Lewwii kennaa midhaanii, kan daadhii wayinii haaraa fi kan zayitii gara mankuusaalee miʼi mana qulqullummaa kaaʼamu, iddoo luboonni tajaajilan, eegdonni karraa fi faarfattoonni taaʼanitti fiduu qabu. “Nus mana Waaqa keenyaa hin dagannu.”
すなわちイスラエルの人々およびレビの子孫は穀物、ぶどう酒、および油の供え物を携えて行って、聖所の器物および勤めをする祭司、門衛、歌うたう者たちのいるへやにこれを納めなければならない。こうしてわれわれは、われわれの神の宮をなおざりにしない。