< Miikiyaas 2 >
1 Warra daba karoorfatan kanneen siree isaanii irra ciisanii hammina yaadaniif wayyoo! Sababii waan kana hojjechuun humna isaanii jala jiruuf isaan ifa bariitiin kaʼanii waan sana hojjetu.
Ole kwa wale wapangao uovu, kwa wale wafanyao shauri la hila vitandani mwao! Kunapopambazuka wanalitimiza kwa sababu uko katika uwezo wao kutekeleza.
2 Isaan lafa qotiisaa kajeelanii qabatu; manneenis akkasuma kajeelanii fudhatu. Isaan gowwoomsaadhaan mana namaa, dhaala isaas ni fudhatu.
Wanatamani mashamba na kuyakamata, pia nyumba na kuzichukua. Wanamlaghai mwanaume nyumba yake, mwanadamu mwenzake urithi wake.
3 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo ani balaa isin jalaa baʼuu hin dandeenye tokko saba kanatti fiduuf karoorfadheen jira. Isin siʼachi of tuulummaadhaan jiraachuu hin dandeessan; yeroon kun yeroo rakkinaa taʼaatii.
Kwa hiyo, Bwana asema: “Ninapanga maangamizi dhidi ya watu hawa, ambayo hamwezi kujiokoa wenyewe. Hamtatembea tena kwa majivuno, kwa kuwa utakuwa ni wakati wa maafa.
4 Bara sana keessa namoonni isinitti gaʼisu; akkana jedhaniis faaruu booʼichaa kanaan isinitti qoosu; ‘Nu guutumaan guutuutti barbadoofneerra; qabeenyi saba kootiis gargar qooddatameera. Inni narraa fudhata! Lafa qotiisaa keenya warra nu moʼataniif kenna.’”
Siku hiyo watu watawadhihaki, watawafanyia mzaha kwa wimbo huu wa maombolezo: ‘Tumeangamizwa kabisa; mali ya watu wangu imegawanywa. Ameninyangʼanya! Ametoa mashamba yetu kwa wasaliti.’”
5 Kanaafuu ati nama ixaadhaan lafa qoodu tokko illee waldaa Waaqayyoo keessaa hin qabaattu.
Kwa hiyo hutakuwa na yeyote katika kusanyiko la Bwana wa kugawanya mashamba kwa kura.
6 Raajonni isaanii, “Isin raajii hin dubbatinaa; waaʼee waan kanaa raajii hin dubbatinaa; salphinni nutti hin dhufu” jedhu.
Manabii wao husema, “Usitabiri. Usitabiri kuhusu vitu hivi; aibu haitatupata.”
7 Yaa mana Yaaqoob, “Wanni kun akkana jedhamuu qabaa? Hafuurri Waaqayyoo obsa hin qabuu? Inni waan akkasii ni hojjetaa?” “Nama karaan isaa qajeelaa taʼeef dubbiin koo waan gaarii hin hojjetuu?
Je, ingesemwa, ee nyumba ya Yakobo: “Je, Roho wa Bwana amekasirika? Je, yeye hufanya vitu kama hivyo?” “Je, maneno yangu hayamfanyii mema yeye ambaye njia zake ni nyofu?
8 Sabni koo akka diinaatti kaʼeera. Isin namoota yaaddoo malee achiin darban kanneen duulaa galaa jiran irraa uffata baafattu.
Siku hizi watu wangu wameinuka kama adui. Unawavua joho la kitajiri wale wanaopita pasipo kujali, kama watu warudio kutoka vitani.
9 Isin dubartoota saba kootii manneen isaanii babbareedoo keessaa ariitu. Eebba koos bara baraan ijoollee isaanii irraa fudhattu.
Unawahamisha wanawake wa watu wangu kutoka kwenye nyumba zao za kupendeza. Unaondoa baraka yangu kwa watoto wao milele.
10 Kaʼaatii asii deemaa! Iddoon kun lafa boqonnaa keessanii miti; isheen xurooftee diigamtee baddeerti.
Inuka, nenda zako! Kwa maana hapa sio mahali pako pa kupumzikia, kwa sababu pametiwa unajisi, pameharibiwa, wala hapatengenezeki tena.
11 Namni sobaa fi gowwoomsaan tokko yoo dhufee, ‘Ani waaʼee daadhii wayiniitii fi dhugaatii cimaa raajii siif nan dubbadha’ jedhe; inni raajii saba kanaa taʼa!
Ikiwa mwongo na mdanganyifu atakuja na kusema, ‘Nitawatabiria divai na pombe kwa wingi,’ angekuwa ndiye nabii anayekubalika na watu hawa!
12 “Yaa Yaaqoob, ani dhugumaan isin hunda walitti nan qaba; ani hambaa Israaʼel walitti nan fida. Ani akkuma hoolota gola keessaatti, akkuma bushaayee lafa dheedaa jiraniitti walitti isaan nan fida; lafti sunis tuuta namaatiin guutamti.
“Hakika nitawakusanya ninyi nyote, ee Yakobo, Hakika nitawaleta pamoja mabaki ya Israeli. Nitawaleta pamoja kama kondoo ndani ya zizi, kama kundi kwenye malisho yake, mahali hapa patakuwa na msongamano wa watu.
13 Inni cabsee karaa baasu fuula isaanii dura deema; isaan cabsanii karraan baʼu. Mootiin isaanii isaan dura baʼa; Waaqayyo fuula isaanii dura deema.”
Yeye afunguaye njia atawatangulia; watapita kwenye lango na kutoka nje. Mfalme wao atawatangulia, Bwana atakuwa kiongozi.”