< Maatewos 23 >

1 Yesuusis ergasii uummataa fi barattoota isaatiin akkana jedhe:
Then spake Jesus to the people and to his disciples, saying,
2 “Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni barcuma Musee irra taaʼaniiru.
The scribes and pharisees sit in the seat of Moses:
3 Kanaafuu waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa; eegaas. Garuu waan isaan hojjetan hin hojjetinaa; isaan ni dubbatu malee waan dubbatan sana hin hojjetaniitii.
observe therefore and do all things whatsoever they tell you to observe; but do not ye according to their works, for they say and do not:
4 Isaan baʼaa ulfaataa hidhanii gatiittii namaa irra kaaʼu; ofii isaaniitii garuu baʼaa sana sochoosuuf qubaan illee tuquu hin barbaadan.
for they bind grievous and intolerable burthens, and impose them upon men; but they themselves will not put a finger to them:
5 “Isaan waan hojjetan hundumaa namootatti of argisiisuuf hojjetu: Kudhaama isaanii ni balʼifatuutii; handaara uffata isaaniis ni dheereffatu.
but they do all their works to be seen by men; they make their phylacteries broad, and enlarge the fringes of their garments,
6 Iddoo cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaa keessatti immoo taaʼumsa ulfinaa jaallatu.
and love the uppermost places at feasts,
7 Gabaa keessattis akka namoonni nagaa isaan gaafatanii fi akka ‘Yaa barsiisaa’ jedhanii isaan waaman jaallatu.
and the chief seats in the synagogues, and salutations in public assemblies, and to be called by men Rabbi, Rabbi.
8 “Isin garuu, ‘Barsiisaa’ jedhamtanii hin waamaminaa; Barsiisaa tokko qofa qabduutii. Isin hundis obboloota walii keessanii ti.
But be not ye called Rabbi; for one is your instructor even Christ, and ye are all brethren.
9 Lafa irratti nama tokkoon illee ‘Abbaa’ hin jedhinaa; isin Abbaa tokko qofa qabduutii; innis isa samii irraa ti.
Neither call any man upon earth Father; for one is your Father, who is in heaven:
10 ‘Gooftota’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin Gooftaa tokko qofa qabduutii; innis Kiristoos.
neither be ye called masters; for one is your master, even Christ.
11 Isin keessaa namni hunda keessan caalu tajaajilaa keessan haa taʼu.
But let him that is greatest among you be your minister: and whosoever will exalt himself shall be abased,
12 Namni ol of qabu kam iyyuu gad qabamaatii; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol qabama.
and whosoever will humble himself shall be exalted.
13 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin mootummaa samii namoota duraa cuftuutii. Ofii keessanii hin seentan; warra seenuu yaalanis akka isaan seenan hin gootan. [
But wo unto you scribes and pharisees, hypocrites, who shut up the kingdom of heaven against men: for ye neither go in yourselves, nor suffer those that are entering to go in.
14 Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Mana haadha hiyyeessaa saamtanii onsituutii; itti fakkeessuuf kadhannaa ni dheeressitu; kanaafuu murtii caalutu isinitti murama.]
Wo unto you scribes and pharisees, hypocrites; for ye devour widows houses, and for a cover make long prayers: therefore ye shall receive the heavier judgement.
15 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Nama tokko amantii keessanitti galfachuuf jettanii lafaa fi galaana irra joortu; yommuu inni amanuttis akka inni isin caalaa dachaa lama ilma gahaannam taʼu isa gootu. (Geenna g1067)
Wo unto you scribes and pharisees, hypocrites: for ye compass sea and land to make a proselyte, and when he is gained, ye make him more the child of hell than yourselves. (Geenna g1067)
16 “Qajeelchitoota jaamota nana, isiniif wayyoo! Isin, ‘Namni kam iyyuu yoo mana qulqullummaatiin kakate, kun homaa miti; namni kam iyyuu yoo warqee mana qulqullummaatiin kakate garuu kakuun sun isa qaba’ jettu.
Wo unto you, ye blind guides, who say, If any one swear by the temple, it is nothing;
17 Isin gowwootaa fi jaamota nana, warqee moo mana qulqullummaa kan warqee sana qulqulleessutu caala?
but if any man swear by the gold of the temple, the oath is binding. Foolish and blind creatures! for which is greater, the gold, or the temple that sanctifieth the gold?
18 Akkasumas isin, ‘Namni kam iyyuu yoo iddoo aarsaatiin kakate, kun homaa miti; yoo kennaa iddoo aarsaa irra jiru sanaan kakate garuu kakuun sun isa qaba’ jettu.
And, If any one swear by the altar, it is nothing; but if any one swear by the gift upon it, he is bound.
19 Isin jaamota nana, kennaa sana moo iddoo aarsaa isa kennaa sana qulqulleessutu caala?
O foolish and blind! for which is greater, the gift, or the altar which sanctifieth the gift?
20 Kanaafuu namni iddoo aarsaatiin kakatu, iddoo aarsaatii fi waan isa irra jiru hundumaan ni kakata.
He then, that sweareth by the altar, sweareth by it and by all things upon it:
21 Namni mana qulqullummaatiin kakatu, mana qulqullummaatii fi isa mana qulqullummaa keessa jiraatuun kakata.
and he, that sweareth by the temple, sweareth by it, and by Him that dwelleth in it:
22 Namni samiidhaan kakatu, teessoo Waaqaatii fi isa teessoo sana irra taaʼuun kakata.
and he, that sweareth by heaven, sweareth by the throne of God, and by Him that sitteth upon it.
23 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin abasuuda, insilaalaa fi kamuunii kudhan keessaa tokko ni kennitu. Garuu seera keessaa waan caalaatti barbaachisaa taʼe jechuunis murtii qajeelaa, araaraa fi amanamummaa dhiiftaniirtu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa duubaa hojii irra oolchuu qabdu ture.
Wo unto you scribes and pharisees, hypocrites, who tithe even your mint, and anise, and cummin, but neglect the weightier matters of the law, judgement, mercy, and fidelity: these ye ought undoubtedly to practise, and not to omit the others.
24 Isin qajeelchitoota jaamota nana! Bookee ni calaltu; gaala immoo ni liqimsitu.
Blind guides, who strain out a gnat, and swallow a camel!
25 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi isaanii garuu saamichaa fi ofittummaadhaan guutameera.
Wo unto you scribes and pharisees, hypocrites; for ye clean the outside of the cup and of the dish, but within they are full of rapine and intemperance:
26 Yaa Fariisicha jaamaa nana! Jalqabatti keessa xoofootii fi caabii qulqulleessi; ergasii duubni isaas ni qulqullaaʼaa.
thou blind pharisee, cleanse first the inside of the cup and of the dish, that the outside of them may be also clean.
27 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin akkuma awwaala nooraa dibame kan duubni isaa bareedaa fakkaatee keessi isaa immoo lafee namoota duʼaniitiin, xuraaʼummaa hundaanis guutamee ti.
Wo unto you scribes and pharisees, hypocrites; who are like whited sepulchres, which indeed appear beautiful without, but within are full of the bones of the dead, and all manner of filthiness;
28 Isinis akkasuma duubaan qajeeltota fakkaattanii namootatti mulʼattu; keessi keessan garuu fakkeessuu fi hamminaan guutameera.
so do ye likewise outwardly appear to men to be righteous, but within are full of hypocrisy and iniquity.
29 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin raajotaaf awwaala ijaartuutii; soodduu qajeeltotaas ni bareechitu.
Wo unto you scribes and pharisees, hypocrites; who build the tombs of the prophets, and adorn the monuments of the just,
30 Isin, ‘Nu utuu bara abbootii keenyaa sana jiraannee silaa dhiiga raajotaa dhangalaasuu keessatti isaan wajjin hin hirmaannu ture’ jettu.
and say, If we had been in the days of our fathers, we would not have been concerned with them in shedding the blood of the prophets:
31 Kanaafuu isin akka sanyii warra raajota ajjeesan sanaa taatan ofuma keessanitti dhugaa baatu.
so that ye are witnesses yourselves, that ye are the children of those who killed the prophets:
32 Egaa safartuu cubbuu abbootii keessanii guutaa!
fill up then the measure of your fathers, ye serpents, ye brood of vipers:
33 “Bofoota nana! Ijoollee buutii nana! Isin akkamitti murtii gahaannam jalaa baʼuu dandeessu? (Geenna g1067)
how can ye escape the damnation of hell? (Geenna g1067)
34 Kanaafuu, kunoo ani raajotaa fi ogeeyyii, barsiistotas gara keessanitti nan erga. Isinis isaan keessaa gartokko ni ajjeeftu; ni fanniftu; warra kaan immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu; magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraattis isaan ariitu.
For behold I send unto you prophets, and wise men, and scribes; and some of them ye will kill and crucify, and some of them ye will scourge in your synagogues, and persecute them from city to city:
35 Kanaaf dhiiga Abeel nama qajeelaa sanaatii jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas ilma Baraakiyuu isa isin mana qulqullummaatii fi iddoo aarsaa gidduutti ajjeeftaniitti, dhiiga qulqulluu lafatti dhangalaafame hundumatti ni gaafatamtu.
that upon you may come all the righteous blood shed upon the earth, from the blood of righteous Abel, to the blood of Zacharias the son of Barachias, whom ye slew between the temple and the altar.
36 Ani dhuguma isinittin hima; kun hundinuu dhaloota kanatti ni dhufa.
Verily I tell you, all these things shall come upon this generation.
37 “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne.
O Jerusalem, Jerusalem, thou that killest the prophets, and stonest them that are sent unto thee, how often would I have gathered thy children together, even as a hen gathereth her chickens under her wings, and ye would not!
38 Kunoo, manni keessan onee isinii hafa.
Behold your house shall be left you desolate:
39 Ani isinittin himaatii; isin hamma, ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu sun eebbifamaa dha’ jettanitti lammata na hin argitan.”
for I tell you, ye shall not see me after this, till ye shall say, Blessed is He that cometh in the name of the Lord.

< Maatewos 23 >