< Abbootii Murtii 2 >

1 Ergamaan Waaqayyoo Gilgaalii Bookiimitti ol baʼee akkana jedhe; “Ani Gibxii isin baasee biyya ani abbootii keessaniif kennuuf kakadhe sanatti isin fideera. Akkanas nan jedhe; ‘Ani kakuu isin wajjin gale sana gonkumaa hin diigu;
Mala’ikan Ubangiji ya haura daga Gilgal zuwa Bokim ya ce, “Na hauro da ku daga Masar zuwa ƙasar da na rantse zan ba wa kakanninku. Na ce, ‘Ba zan taɓa tā da yarjejjeniyata da ku ba,
2 isinis warra lafa kana irra jiraatan wajjin kakuu hin galinaa; iddoo aarsaa isaanii garuu caccabsaa.’ Taʼus isin naaf hin ajajamne. Isin maaliif waan kana gootan?
ku kuma kada ku shiga wata yarjejjeniya da mazaunan ƙasan nan, sai dai za ku rurrushe bagadansu.’ Duk da haka ba ku yi biyayya mini ba. Me ya sa kuka yi haka?
3 Kanaafuu ani amma akka fuula keessan duraa ariʼee isaan hin baafne isinitti nan hima; isaan iddaa isinitti taʼu; waaqonni isaanii immoo kiyyoo isinitti taʼu.”
Saboda haka ina gaya muku cewa ba zan kore su a gabanku ba; za su zama muku ƙaya, gumakansu kuma za su zama muku tarko.”
4 Yeroo ergamaan Waaqayyoo waan kana Israaʼeloota hundatti dubbatetti namoonni sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan;
Da mala’ikan Ubangiji ya faɗa wa dukan Isra’ilawa waɗannan abubuwa, sai mutane suka yi kuka mai zafi,
5 isaanis iddoo sana Bookiim jedhanii waaman. Achittis Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessan.
sai suka sa wa wannan wuri suna, Bokim. A nan suka miƙa hadaya a gaban Ubangiji.
6 Erga Iyyaasuun Israaʼeloota gad dhiisee booddee tokkoon tokkoon isaanii biyyattii dhaaluuf gara dhaala ofii isaanii deeman.
Bayan Yoshuwa ya sallami Isra’ilawa, sai suka tafi don su mallaki ƙasar, kowa da nasa gādon.
7 Uummanni bara jireenya Iyyaasuu guutuu fi bara maanguddoota erga inni duʼee as hafanii jiraatanii waan guddaa Waaqayyo Israaʼeliif godhe argan sunis Waaqayyoon tajaajilan.
Mutane suka bauta wa Ubangiji duk tsawon kwanakin Yoshuwa da na dattawan da suka rayu bayansa waɗanda suka ga manyan abubuwan da Ubangiji ya yi wa Isra’ila.
8 Iyyaasuun ilmi Nuuni garbichi Waaqayyoo waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe.
Yoshuwa ɗan Nun, bawan Ubangiji, ya mutu yana da shekara ɗari da goma.
9 Isaanis lafa dhaala isaa Timnaat Herees kan biyya gaaraa Efreemitti karaa kaaba Tulluu Gaʼaashitti argamtu sanatti isa awwaalan.
Aka binne shi a ƙasar gādonsa, a Timnat Heres a ƙasar tudu ta Efraim, arewa da Dutsen Ga’ash.
10 Erga dhaloonni sun guutuun gara abbootii isaaniitti walitti qabamanii booddee dhaloonni Waaqayyoon hin beekin yookaan waan inni saba Israaʼeliif godhe hin beekin kan biraa kaʼe.
Bayan tsaran nan duka suka rasu, sai wata tsara ta taso wadda ba tă san Ubangiji ko abin da ya yi wa Isra’ila ba.
11 Israaʼeloonnis fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; Baʼaaliinis ni tajaajilan.
Sai Isra’ilawa suka yi mugaye abubuwa a gaban Ubangiji suka kuma bauta Ba’al.
12 Isaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii kan Gibxii isaan baase sana ni dhiisan. Waaqota adda addaa kanneen saboota naannoo isaanii jiraatanii duukaa buʼan; ni waaqeffatanis. Waaqayyonis dheekkamsaaf kakaasan;
Suka yashe Ubangiji Allah na kakanninsu, wanda ya fitar da su daga Masar. Suka bi suka kuma bauta alloli dabam-dabam na mutanen da suke kewaye da su. Suka tsokani Ubangiji ya yi fushi
13 isaan isa dhiisanii Baʼaalii fi Ashtooretin waaqeffataniiruutii.
domin sun bar shi suka bauta wa Ba’al da Ashtarot.
14 Waaqayyos Israaʼelootatti dheekkamee saamtota isaan saamanitti dabarsee isaan kenne. Diinota naannoo isaanii kanneen isaan of irraa ittisuu hin dandeenye hundatti isaan gurgure.
Cikin fushinsa a kan Isra’ila Ubangiji ya ba da su ga hannun waɗanda suka kawo musu hari suka washe su. Ya sayar da su ga abokan gābansu da suke kewaye da su, waɗanda ba za su iya yin tsayayya da su ba.
15 Yommuu Israaʼeloonni lolaaf baʼanitti akkuma inni duraan kakate sanatti harki Waaqayyoo isaanitti hammaatee akka isaan moʼataman godha ture. Isaanis rakkina guddaa keessa buʼan.
Duk sa’ad da Isra’ila suka fita yaƙi, Ubangiji yakan yi gāba da su don a ci su a yaƙi, kamar dai yadda ya rantse musu. Suka kuwa shiga wahala ƙwarai.
16 Waaqayyos abbootii murtii kanneen saamtota jalaa isaan baasan isaaniif kaase.
Sa’an nan Ubangiji ya naɗa mahukunta, waɗanda suka cece su daga hannun waɗannan musu hari.
17 Isaan garuu waaqota biraa wajjin sagaagalanii isaan waaqeffatan malee abbootii murtii sana hin dhaggeeffanne. Karaa abbootiin isaanii Waaqayyoof ajajamuudhaan irra deemaa turan sana irraa dafanii jalʼatan; isaan waan abbootiin isaanii godhan hin goone.
Duk da haka ba su saurari mahukuntansu ba amma sai suka shiga ha’inci da waɗansu alloli suka kuma bauta musu. Ba kamar kakanninsu ba, nan da nan suka kauce daga hanyar da kakanninsu suka bi, hanyar biyayya ga umarnan Ubangiji.
18 Waaqayyo yeroo abbaa murtii tokko isaanii kaasetti hamma abbaan murtii sun jirutti isa wajjin jiraatee harka diinota isaanii jalaa isaan baasa ture; Waaqayyo yeroo isaan sababii warra isaan cunqursanii fi warra isaan miidhaniitiin wawwaatanitti garaa laafaaf tureetii.
Duk sa’ad da Ubangiji ya naɗa musu mahukunci, yakan kasance tare da mahukuncin, yă kuma cece su daga hannun abokan gāba, muddin mahukuncin yana a raye; gama Ubangiji yakan ji tausayinsu yayinda suke gunaguni ƙarƙashin waɗanda suka danne su suke kuma gasa musu azaba.
19 Yommuu abbaan murtii sun duʼu garuu isaan waaqota biraa duukaa buʼuudhaan, tajaajiluu fi isaan waaqeffachuudhaan abbootii isaanii iyyuu caalaa gara hamminaatti deebiʼan. Hojii hamminaatii fi mataa jabina isaanii irraas hin deebiʼan ture.
Amma sa’ad da mahukuncin ya mutu, mutanen suka koma hanyar da ta fi ta kakanninsu muni, sukan bi waɗansu alloli suna bauta musu. Suka ƙi barin mugun ayyukansu da taurin zuciyarsu.
20 Kanaafuu Waaqayyo Israaʼelitti akka malee dheekkamee akkana jedhe; “Waan sabni kun kakuu ani abbootii isaatiif gale sana cabsee anas dhagaʼuu dideef,
Saboda haka sai Ubangiji ya fusata da Isra’ila ya ce, “Domin wannan al’umma ta tā da yarjejjeniyar da na yi da kakanninsu ba su kuwa saurare ni ba,
21 ani siʼachi saboota Iyyaasuun yeroo duʼetti isaan gidduutti dhiise sana isaan duraa ariʼee hin baasu.
ba zan ƙara kori wata al’ummar da Yoshuwa ya bari sa’ad da ya rasu ba.
22 Karaa saboota kanaatiinis akka isaan akkuma abbootii isaanii karaa Waaqayyoo eeganii irra deddeebiʼanii fi akka isaan hin eegne ilaaluuf jedhee Israaʼelin nan qora.”
Zan yi amfani da su in gwada Isra’ila in ga ko za su bi hanyar Ubangiji su kuma yi tafiya a cikinta kamar yadda kakanninsu suka yi.”
23 Kanaafuu Waaqayyo akka saboonni kunneen achumatti hafan eeyyame; harka Iyyaasuuttis dabarsee isaan kennuudhaan dafee achii isaan hin baafne.
Ubangiji ya bar waɗannan al’ummai su kasance; bai kore su nan take ta wurin ba da su a hannun Yoshuwa ba.

< Abbootii Murtii 2 >