< Iyyaasuu 19 >

1 Ixaan lammaffaan gosa Simiʼooniif balbala balbalaan baʼe. Dhaalli isaaniis dhaala gosa Yihuudaa keessatti argama.
Maere achiwiri anagwera mabanja a fuko la Simeoni. Dziko lawo linali mʼkati mwenimweni mwa dziko la Yuda.
2 Kunis: Bersheebaa yookaan Shebaa, Molaadaa,
Dzikolo linaphatikiza zigawo izi: Beeriseba (ndi Seba), Molada,
3 Hazar Shuuʼaal, Baalaa, Ezem,
Hazari-Suwali, Bala, Ezemu,
4 Eltolaad, Betuul, Hormaa,
Elitoladi, Betuli, Horima,
5 Siiqlaag, Beet Markaabot, Hazar Suusaa,
Zikilagi, Beti-Marikaboti, Hazari-Susa,
6 Beet Lebaaʼotii fi Shaaruheen; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha sadii turan;
Beti-Lebaoti ndi Saruheni. Yonse pamodzi inali mizinda 13 ndi midzi yawo.
7 Ayin, Rimoon, Eteerii fi Ashaan, magaalaawwanii fi gandoota isaanii afran,
Panalinso mizinda inayi iyi: Aini, Rimoni, Eteri ndi Asani pamodzi ndi midzi yawo.
8 akkasumas gandoota naannoo magaalaawwan kanneenii jiran kanneen hamma Baaʼilaat Biʼeeritti jechuunis hamma Raamaat ishee Negeeb keessaa sanaatti balʼata. Dhaalli gosti Simiʼoon balbala balbalaan argate kanaa dha.
Dzikolo linaphatikizanso midzi yonse yozungulira mizinda imeneyi mpaka ku Baalati-Beeri, ndiye kuti Rama wa kummwera. Ili ndi dziko limene mabanja a fuko la Simeoni analandira kukhala lawo.
9 Sababii qoodni gosa Yihuudaa hamma isaan barbaadanii ol taʼeef dhaalli gosa Simiʼoon kun qooda gosa Yihuudaa irraa fudhatame. Kanaafuu gosti Simiʼoon Yihuudaa keessatti dhaala argate.
Cholowa cha fuko la Simeoni chinatengedwa kuchokera ku gawo la Yuda chifukwa fuko la Yuda linali lalikulu kwambiri. Izi zinachititsa fuko la Simeoni kukhala mʼkati mwenimweni mwa dziko la Yuda.
10 Ixaan sadaffaan gosa Zebuulooniif balbala balbalaan baʼe; kunis: Daariin dhaala isaanii hamma Saariiditti deema.
Maere achitatu anagwera mabanja a fuko la Zebuloni: Malire a dziko lawo anafika mpaka ku Saridi.
11 Achiis karaa lixaatiin gara Mareʼaalaatti gad buʼee Dabesheetitti riiqatee hamma laga Yoqeniʼaam dura jiru sanaatti deema.
Malirewo anakwera kupita cha kumadzulo ku Marala nakafika ku Dabeseti ndi ku mtsinje wa kummawa kwa Yokineamu.
12 Ergasiis Saariid irraa gara Kisloti Taaboor biyya baʼa biiftuutti argamtu sanaatti gara baʼaatti goree Daaberaatitti qajeelee hamma Yaafiiyaatti deema.
Kuchokera ku mbali ina ya Saridi malire anakhota kupita kummawa ku malire a Kisiloti-Tabori mpaka ku Daberati nakwera mpaka ku Yafiya.
13 Achiis karaa baʼaatiin itti fufee Gat Heeferii fi Eetqaaxin dhaqa; Rimooniin gad baʼee gara Neʼaahitti gora.
Kuchokera kumeneko anabzola kulowa cha kummawa mpaka ku Gati-Heferi ndi ku Eti Kazini ndi kumaloza ku Neya njira ya ku Rimoni.
14 Daariin sunis karaa kaabaatiin gara Hanaatoonitti goree Sulula Yiftaa Eelitti dhuma.
Mbali ya kumpoto malirewo analoza ku Hanatoni ndipo anakathera ku chigwa cha Ifita Eli.
15 Kanneen irrattis Qaataat, Naahaalal, Shimroon, Yidalaa fi Beetlihem dabalamaniiru. Isaaniis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha lama turan.
Anaphatikizapo Katati, Nahalala, Simironi, Idala ndi Betelehemu. Mizinda yonse inakwana khumi ndi iwiri pamodzi ndi midzi yake.
16 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Zebuuloon balbala balbalaan argatee dha.
Mizinda imeneyi pamodzi ndi midzi yake ndi imene mabanja a fuko la Zebuloni analandira.
17 Ixaan afuraffaan gosa Yisaakoriif balbala balbalaan baʼe.
Maere achinayi anagwera mabanja a fuko la Isakara.
18 Biyyi isaaniis: Yizriʼeel, Kesuloot, Suunam,
Dziko lawo linaphatikiza zigawo izi: Yezireeli, Kesuloti, Sunemu,
19 Hafaarayim, Shiiʼoon, Anaaharat,
Hafaraimu, Sioni, Anaharati,
20 Rabiit, Kishoon, Ebezi,
Rabiti, Kisoni, Ebezi,
21 Remeet, Een Ganiim, Een Hadaa fi Beet Phaxeex.
Remeti, Eni Ganimu, Eni Hada ndi Beti-Pazezi.
22 Daariin isaanii Taaboor, Shahazumaa fi Beet Shemesh tuqee Yordaanos gaʼee dhaabata. Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha jaʼa turan.
Malirewa anakafikanso ku Tabori, Sahazuma ndi Beti-Semesi ndipo anakathera ku Yorodani. Mizinda yonse inalipo 16 ndi midzi yake.
23 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Yisaakor balbala balbalaan argatee dha.
Mizinda imeneyi pamodzi ndi midzi yake ndiyo inali cholowa cha mabanja a fuko la Isakara.
24 Ixaan shanaffaan gosa Aasheeriif balbala balbalaan baʼe.
Maere achisanu anagwera mabanja a fuko la Aseri.
25 Biyyi isaaniis: Helqaat, Halii, Beten, Akshaaf,
Gawo lawo linaphatikiza Helikati, Hali, Beteni, Akisafu,
26 Alaamelek, Amaadii fi Mishiʼaal. Daangaan sunis karaa lixaatiin Qarmeloosii fi Shiihoor Libnaat tuqa.
Alameleki, Amadi ndi Misali. Kumadzulo malire anafika ku Karimeli ndi Sihori Libinati.
27 Ergasii karaa baʼa biiftuutiin gara Beet Daagonitti goree Zebuuloonii fi Sulula Yiftaa Eelitti qabatee Kaabuulin gara bitaatti dhiisee karaa kaabaatiin Beet Emeeqii fi Neʼiiʼeelitti qajeela.
Kenaka anakhotera kummawa kulowera ku Beti-Dagoni nafika ku dziko la Zebuloni ndi ku chigwa cha Ifita Eli, ndipo anapita kumpoto ku Beti-Emeki ndi Neieli. Anapitirirabe kumpoto mpaka kukafika ku Kabuli,
28 Achiis kaʼee gara Eebroon, Rehoob, gara Hamoonii fi Qaanaatti ol baʼee hamma Siidoonaa Guddichaatti deema.
Ebroni, Rehobu, Hamoni, ndi Kana, mpaka ku Sidoni Wamkulu.
29 Daangaan sunis ergasii gara Raamaatti goree magaalaa Xiiroos kan dallaa jabaa qabu sanaa dhaqee gara Hoosaatti goree karaa Akziibiitiin galaana gaʼee dhaabata;
Kenaka malirewo anakhotera ku Rama ndi kupita ku mzinda wotetezedwa wa ku Turo. Kuchokera pamenepo malirewo anakhota kupita ku Hosa nakatulukira ku Nyanja, mʼchigawo cha Akizibu,
30 kunis biyya Umaa, biyya Afeeqiitii fi Rehoob dabalata. Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan digdamii lama turan.
Uma, Afeki ndi Rehobu. Mizinda yonse inalipo 22 pamodzi ndi midzi yake.
31 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Aasheer balbala balbalaan argatee dha.
Mizinda yonseyi pamodzi ndi midzi yake ndiyo inali cholowa cha mabanja a fuko la Aseri.
32 Ixaan jaʼaffaan gosa Niftaalemiif balbala balbalaan baʼe; kunis:
Maere achisanu ndi chimodzi anagwera mabanja a fuko la Nafutali.
33 Daariin isaanii Heelefii fi muka guddaa Zaʼaanaaniim keessa jiru sanaa kaʼee Adaamii Neqebii fi Yabniʼeel irraan gara Laquumiitti qajeelee Yordaanos gaʼee dhaabata.
Malire awo anayambira ku Helefu mpaka ku mtengo wa thundu wa ku Zaananimu, ndipo anapitirira nʼkukafika ku Adami Nekebu, Yabineeli mpaka ku Lakumi ndi kukathera ku Yorodani.
34 Daariin sun Aznoot Taabooritti qajeelee gara lixaatti goruudhaan Huuqooqi gaʼee dhaabata. Innis karaa kibbaatiin Zebuuloon, karaa lixatiin Aasheer, karaa baʼaatiin immoo Yordaanos tuqa.
Tsono malirewo anakhotera kumadzulo kupita ku Azinoti-Tabori. Kuchoka kumeneko anapita ku Hukoki, modutsa Zebuloni cha kummwera, Aseri cha kumadzulo ndi mtsinje wa Yorodani cha kummawa.
35 Magaalaawwan dallaa jabaa qaban kanneenii dha: Zidiimi, Zeeri, Hamaati, Raqaati; Kinereeti,
Mizinda yotetezedwa inali Zidimi, Zeri, Hamati, Rakati, Kinereti,
36 Adaamaa, Raamaa, Haazoor,
Adama, Rama, Hazori,
37 Qaadesh, Edreyii, Een Haxoor,
Kedesi, Ederi, Eni Hazori,
38 Yiroon, Migdaal Eel, Horeem, Beet Anaatii fi Beet Shemesh. Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha sagal turan.
Yironi, Migidali Eli, Horemu, Beti-Anati ndi Beti-Semesi. Yonse pamodzi inalipo mizinda 19 ndi midzi yake.
39 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Niftaalem balbala balbalaan argatee dha.
Mizinda yonseyi pamodzi ndi midzi yawo ndiyo inali cholowa cha mabanja a fuko la Nafutali.
40 Ixaan torbaffaan gosa Daaniif balbala balbalaan baʼe.
Maere achisanu ndi chiwiri anagwera mabanja a fuko la Dani.
41 Biyyi isaan Dhaalanis: Zoraa, Eshitaaʼol, Iir Shemesh,
Gawo lawo linaphatikiza mizinda iyi: Zora, Esitaoli, Iri Semesi,
42 Shaʼalabiin, Ayaaloon, Yitlaa,
Saalabini, Ayaloni, Itira,
43 Eeloon, Tiimnaahi, Eqroon,
Eloni, Timna, Ekroni,
44 Elteqee, Gibetoon, Baaʼilaati,
Eliteke, Gibetoni, Baalati,
45 Yihuud, Benee Beraaq, Gat Rimoon,
Yehudi, Beni Beraki, Gati-Rimoni,
46 Meyaarqoonii fi Raqoon Yoopheetti garagalee argamu sanaa dha.
Me-Yarikoni ndi Rakoni, pamodzi ndi dera loyangʼanana ndi Yopa.
47 Ijoolleen Daan garuu sababii lafti dhaalan sun isaanitti dhiphatteef ol baʼanii Lesheemin waraananii qabatan; erga goraadeedhaan dhaʼanii booddee ishee dhuunfatan. Isaanis Lesheem keessa qubatanii Daan jedhanii maqaa abbaa isaaniitiin ishee moggaasan.
Anthu a fuko la Dani atalandidwa dziko lawo, anapita kukathira nkhondo Lesemu. Iwo anapha anthu ake onse, nawulandiratu mzindawo, kuwusandutsa wawo ndi kumakhalamo. Tsono anatcha mzindawo dzina loti Dani popeza ndilo linali dzina la kholo lawo.
48 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Daan balbala balbalaan argatee dha.
Mizinda yonseyi pamodzi ndi midzi yake ndiyo inali cholowa cha mabanja a fuko la Dani.
49 Israaʼeloonnis erga biyyattii ixaadhaan qoodamte sana hiranii fixanii booddee gidduu isaaniitti Iyyaasuu ilma Nuunitiif dhaala kennan;
Atatha kugawana zigawo zosiyanasiyana za dzikolo, Aisraeli anamupatsa Yoswa mwana wa Nuni chigawo chake.
50 dhaala kanas akkuma Waaqayyo ajajetti kennan. Isaanis magaalaa inni gaafatee kennaniif; magaalaan sunis Timnaat Seeraa kan biyya gaaraa Efreemitti argamtuu dha. Innis magaalaa sana ijaaree keessa jiraate.
Potsata zimene Yehova anawalamula, anamupatsa mzinda wa Timnati-Sera umene anawupempha. Mzindawu unali mʼdziko lamapiri la Efereimu. Iye anawumanga mzindawu ndi kukhazikikako.
51 Kunneen biyyoota Eleʼaazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunitii fi hangafoonni gosoota Israaʼel Shiilootti fuula Waaqayyoo duratti balbala dunkaana wal gaʼii irratti ixaadhaan kennanii dha. Isaanis akkasiin biyyattii qooduu xumuran.
Wansembe Eliezara, Yoswa ndi atsogoleri a mabanja onse a Israeli anagawa dziko lija zigawozigawo pogwiritsa ntchito maere pamaso pa Yehova. Izi zinachitika ku Silo pa khomo la tenti ya msonkhano. Choncho anamaliza kugawa dzikolo.

< Iyyaasuu 19 >