< Iyyaasuu 15 >

1 Qoodni gosa Yihuudaatiif balbala balbalaan ramadame hamma daarii Edoomitti, qarqara kibbaatiin immoo hamma Gammoojjii Siinitti balʼata.
Mgawo kwa kabila la Yuda, ulienea ukoo kwa ukoo, ukishuka kufikia eneo la Edomu, hadi Jangwa la Sini mwisho kabisa upande wa kusini.
2 Daariin isaanii karaa kibbaa galoo galaanaa qarqara kibba Galaana soogiddaattii jalqabee
Mpaka wao wa kusini ulianzia kwenye ghuba iliyoko kwenye ncha ya kusini mwa Bahari ya Chumvi,
3 kibba Malkaa Aqrabiim qaxxaamuree gara Siin itti fufee hamma kibba Qaadesh Barneetti deema. Ergasiis Hezroon darbee Adaaritti ol baʼee gara Qarqaatti gora.
ukakatiza kusini mwa Akrabimu, ukaendelea hadi Sini ukaenda hadi kusini mwa Kadesh-Barnea. Tena ukapitia Hesroni ukapanda hadi Adari na ukapinda hadi Karka.
4 Ergasii immoo achii kaʼee karaa Azimooniin darbee hamma lafa goggogaa Gibxiitti dhufee galaana gaʼee dhaabata. Daariin isaanii kan gara kibbaa kanaa dha.
Kisha ukaendelea mpaka Azmoni na kuunganika na Kijito cha Misri, na kuishia baharini. Huu ndio mpaka wao wa upande wa kusini.
5 Daariin gara baʼaas Galaana Soogiddaa ture; innis hamma dhuma laga Yordaanositti deema. Daariin gara kaabaa immoo galoo galaanaa kan qarqara Yordaanosii jalqabee
Mpaka wa upande wa mashariki ni Bahari ya Chumvi ukienea mahali Mto Yordani unapoingilia. Mpaka wa upande wa kaskazini ulianzia penye ghuba ya bahari mahali Mto Yordani unapoingilia,
6 gara Beet Hoglaatti ol baʼee ergasii immoo karaa kaaba Beet Arabbaatiin gara Dhagaa Boohan ilma Ruubeenitti deema.
ukapanda hadi Beth-Hogla, na kuendelea kaskazini mwa Beth-Araba hadi kwenye Jiwe la Bohani mwana wa Reubeni.
7 Daariin sunis ergasii Sulula Aakoor keessaa Debiiritti ol baʼee gara Gilgaal gama kibba laga sanaatiin fuullee Malkaa Adumiim sanaa kaabatti gora. Daariin kun ittuma fufee gara bishaanota Een Shemesh darbee Een Roogeelitti gad baʼa.
Kisha mpaka ulipanda hadi Debiri kutoka Bonde la Akori na kugeuka kaskazini hadi Gilgali inayotazamana na materemko ya Adumimu, kusini mwa bonde. Ukaendelea sambamba hadi maji ya En-Shemeshi na kutokeza huko En-Rogeli.
8 Ergasiis karaa kibba tabba magaalaa Yebuusotaatiin jechuunis Yerusaalemitiin baʼee Sulula Ben Hinoom irraan darba. Achiis baʼee qarqara kaaba Sulula Refaayimitti fiixee tulluu gama lixa Sulula Hinoom jirutti ol baʼe.
Kisha ukapanda kwa kufuata Bonde la Ben-Hinomu sambamba na mteremko wa kusini wa mji mkubwa wa Wayebusi (yaani Yerusalemu). Kutoka hapo ukapanda juu ya kilima magharibi ya Bonde la Hinomu mwisho wa ncha ya kaskazini mwa Bonde la Warefai.
9 Daariin sun ammas fiixee gaaraa irraa kaʼee gara burqaa bishaanota Neftooʼaatti qajeelee magaalaawwan Tulluu Efrooniin baʼee gara Baʼaalaatti jechuunis Kiriyaati Yeʼaariimitti gad buʼe.
Kutoka juu ya kilima mpaka ule ukaendelea hadi kwenye chemchemi ya maji ya Neftoa, ukatokea kwenye miji ya Mlima Efroni na kuteremka kuelekea Baala (yaani Kiriath-Yearimu).
10 Ergasii Baʼaalaa irraa Tulluu Seeʼiiriitti gara lixaatti garagalee tabba kaaba Tulluu Yiʼaariim jechuunis Kesaaloon irra baʼee itti fufuudhaan Beet Shemeshitti gad buʼee Tiimnaahitti darba.
Kisha ukapinda upande wa magharibi kutoka Baala hadi Mlima Seiri, ukafuatia sambamba mteremko wa kaskazini mwa Mlima Yearimu (yaani Kesaloni), ukaendelea chini hadi Beth-Shemeshi na kukatiza hadi Timna.
11 Gara kaaba tabba Eqroonitti darbee Shikeroonitti goree Tulluu Baʼaalaa irra qaxxaamuruudhaan hamma Yabniʼeelitti deema. Daariin sunis galaana gaʼee dhaabate.
Ukaelekea hadi kwenye mteremko wa kaskazini mwa Ekroni, ukageuka kuelekea Shikeroni, ukapita hadi Mlima Baala na kufika Yabineeli. Mpaka ule ukaishia baharini.
12 Daariin gara lixaa immoo qarqara Galaana Guddaa ti. Daariiwwan akkuma balbala gosa isaaniitti saba Yihuudaa marsanis kanneenii dha.
Mpaka wa magharibi ni pwani ya Bahari Kuu. Hii ndiyo mipaka ya watu wa Yuda kwa koo zao.
13 Iyyaasuun akkuma Waaqayyo isa ajajetti, qooda Yihuudaa irraa kutee Kebroon biyya Kiriyaati Arbaaq jedhamtu sana Kaaleb ilma Yefuneetiif kenne. Arbaaq kunis abbaa Anaaq.
Kwa kufuata maagizo ya Bwana kwake, Yoshua alimpa Kalebu mwana wa Yefune sehemu katika Yuda: Kiriath-Arba, yaani Hebroni (Arba alikuwa baba wa zamani wa Anaki).
14 Kaalebis ilmaan Anaaq sadan jechuunis Sheeshaayiin, Ahiimanii fi Talmaayi sanyii Anaaq ariʼee achii baase.
Kutoka Hebroni Kalebu alifukuza hao wana watatu wa Anaki, nao ni Sheshai, Ahimani na Talmai, wazao wa Anaki.
15 Achiis namoota biyya Debiir ishee dur Kiriyaati Seefer jedhamaa turte sana keessa jiraatanitti duule.
Kutoka hapo akaondoka kupigana dhidi ya watu walioishi Debiri (jina la Debiri hapo kwanza uliitwa Kiriath-Seferi).
16 Kaalebis, “Ani nama Kiriyaati Seefer lolee qabatutti intala koo Aaksaa nan heerumsiisa” jedhe.
Kalebu akasema, “Nitamwoza binti yangu Aksa kwa mtu atakayeweza kupigana na kuteka Kiriath-Seferi.”
17 Obboleessi Kaaleb, Otniiʼeel ilmi Qenaz magaalattii qabate; Kaalebis intala isaa Aaksaa isatti heerumsiise.
Basi Othnieli mwana wa Kenazi, ndugu yake Kalebu, akauteka; hivyo Kalebu akamtoa Aksa binti yake aolewe naye.
18 Isheenis yeroo gara Otniiʼeel dhuftetti akka inni abbaa ishee lafa qotiisaa kadhatu isa kakaafte. Kaalebis yommuu isheen harree ishee irraa buutetti, “Ani maal siif godhu?” jedhee ishee gaafate.
Siku moja Aksa alipokuja kwa Othnieli, alimsihi Othnieli amwombe baba yake, Kalebu, shamba. Aksa aliposhuka kutoka juu ya punda wake, Kalebu akamuuliza, “Je, wataka nikufanyie nini?”
19 Isheenis deebiftee, “Waan addaa tokko naa godhi. Akkuma Negeeb keessatti lafa naa kennite sana burqaawwan bishaaniis naa kenni” jetteen. Kaalebis burqaawwan oliitii fi gadii kenneef.
Akamjibu, “Naomba unifanyie jambo moja la hisani. Kwa kuwa umenipa ardhi huko Negebu, nipe pia chemchemi za maji.” Basi Kalebu akampa chemchemi za juu na za chini.
20 Dhaalli gosti Yihuudaa balbala balbalaan argate kunoo kana:
Huu ndio urithi wa kabila la Yuda, ukoo kwa ukoo:
21 Negeeb keessaa magaalaawwan gosa Yihuudaa kanneen qarqara kibbaatti daarii Edoom irratti argaman kanneenii dha: Qabziʼeel, Eederi, Yaaguur,
Miji ya kusini kabisa ya kabila la Yuda katika Negebu kuelekea mpaka wa Edomu ilikuwa: Kabseeli, Ederi, Yaguri,
22 Qiinaa, Diimonaa, Adiʼaadaa,
Kina, Dimona, Adada,
23 Qaadesh, Haazoor, Yitinaan,
Kedeshi, Hazori, Ithnani,
24 Ziif, Telem, Baʼaalooti,
Zifu, Telemu, Bealothi,
25 Haazoor Hadaataa, Keriiyooti kan Hezroon jedhamtu sana,
Hazor-Hadata, Kerioth-Hezroni (yaani Hazori),
26 Amaam, Shemaa, Molaadaa,
Amamu, Shema, Molada,
27 Hazar Gadaa, Heshmoon, Beet Phelexi,
Hasar-Gada, Heshmoni, Beth-Peleti,
28 Hazar Shuuʼaal, Bersheebaa, Biziyootiyaa,
Hasar-Shuali, Beer-Sheba, Biziothia,
29 Baʼaalaa, Iyyiim, Ezem,
Baala, Iyimu, Esemu,
30 Eltolaad, Kisiil, Hormaa,
Eltoladi, Kesili, Horma,
31 Siiqlaag, Madmaanaa, Saansaanaa,
Siklagi, Madmana, Sansana,
32 Lebaaʼoot, Shiiliihiim, Aayinii fi Rimoonii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii walumaa galatti digdamii sagal turan.
Lebaothi, Shilhimu, Aini na Rimoni; hiyo yote ni miji ishirini na tisa, pamoja na vijiji vyake.
33 Karaa sulula lixa biiftuutiin immoo: Eshitaaʼol, Zoraa, Ashinaa,
Kwenye shefela ya magharibi: Eshtaoli, Sora, Ashna,
34 Zaanoʼaa, Een Ganiim, Tafuuʼaa, Eenaami,
Zanoa, En-Ganimu, Tapua, Enamu,
35 Yarmuuti, Adulaam, Sookoo, Azeeqaa,
Yarmuthi, Adulamu, Soko, Azeka,
36 Shaʼarayiim, Aaditaayim, Gedeeraa fi Gedeerootaayimii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha afur turan.
Shaaraimu, Adithaimu na Gedera (au Gederothaimu); yote ni miji kumi na minne, pamoja na vijiji vyake.
37 Zenaan, Hadaashaa, Migdaal Gaad,
Senani, Hadasha, Migdal-Gadi,
38 Diliʼaan, Miisphaa, Yoqtiʼeel,
Dileani, Mispa, Yoktheeli,
39 Laakkiish, Boozqaati, Egloon,
Lakishi, Boskathi, Egloni,
40 Kaboon, Lahimaas, Kiitiliish,
Kaboni, Lamasi, Kitlishi,
41 Gedeerooti, Beet Daagon, Naʼamaa fi Maqeedaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha jaʼa turan.
Gederothi, Beth-Dagoni, Naama na Makeda; yote ni miji kumi na sita pamoja na vijiji vyake.
42 Libnaa, Eteeri, Ashaan,
Libna, Etheri, Ashani,
43 Yiftaa, Ashinaa, Neziibi,
Yifta, Ashna, Nesibu,
44 Qeyiilaa, Akziibii fi Maareeshaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii sagal turan.
Keila, Akzibu na Maresha; yote ni miji tisa pamoja na vijiji vyake.
45 Eqroon, qubatawwanii fi gandoota naannoo ishee jiran wajjin,
Ekroni, pamoja na viunga vyake na vijiji vyake;
46 akkasumas karaa lixa Eqrooniitiin qubatawwanii fi gandoota isaanii kanneen naannoo Ashdood jiran hunda,
magharibi ya Ekroni, maeneo yote yaliyokuwa karibu na Ashdodi, pamoja na vijiji vyake;
47 Ashdood, magaalaa isheetii fi gandoota ishee, Gaazaa, magaalaa isheetii fi gandoota ishee kanneen hamma Laga Gibxii fi hamma qarqara Galaana Guddichaatti jiranii dha.
Ashdodi, miji yake na vijiji vyake na Gaza viunga vyake na vijiji vyake, hadi kufikia Kijito cha Misri na Pwani ya Bahari Kuu.
48 Biyya gaaraa keessatti immoo: Shaamiir, Yatiir, Sookoo,
Katika nchi ya vilima: Shamiri, Yatiri, Soko,
49 Danaa, Kiriyaati Sanaa jechuunis Debiir,
Dana, Kiriath-Sana (yaani Debiri),
50 Aanaab, Eshitmoʼaa, Aaniim,
Anabu, Eshtemoa, Animu,
51 Gooshen, hooloonii fi Giiloo dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha tokko turan.
Gosheni, Holoni na Gilo; miji kumi na mmoja pamoja na vijiji vyake.
52 Araab, Duumaa, Eshiʼaan,
Arabu, Duma, Ashani,
53 Yaanuum, Beet Tafuuʼaa, Afeeqaa,
Yanimu, Beth-Tapua, Afeka,
54 Humtaa, Kebroon ishee Kiriyaati Arbaaq jedhamtuu fi Ziiʼoorii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii sagal turan.
Humta, Kiriath-Arba (yaani Hebroni), na Siori; miji tisa pamoja na vijiji vyake.
55 Maaʼoon, Qarmeloos, Ziif, Yutaa,
Maoni, Karmeli, Zifu, Yuta,
56 Yizriʼeel, Yooqidiʼaam, Zaanoʼaa,
Yezreeli, Yokdeamu, Zanoa,
57 Qaayin, Gibeʼaa fi Tiimnaahii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudhan turan.
Kaini, Gibea na Timna; miji kumi pamoja na vijiji vyake.
58 Halhuul, Beet Zuuri, Gedoor,
Halhuli, Beth-Suri, Gedori,
59 Maʼaaraati, Beet Anootii fi Elteqoonii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii jaʼa turan.
Maarathi, Beth-Anothi na Eltekoni; miji sita pamoja na vijiji vyake.
60 Kiriyaati Baʼaal kan Kiriyaati Yeʼaariim jedhamtuu fi Raabbaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni ishee lama turan.
Kiriath-Baali (yaani Kiriath-Yearimu) na Raba; miji miwili pamoja na vijiji vyake.
61 Gammoojjii keessatti immoo: Beet Arabbaa, Midiin, Sekaakaa,
Huko jangwani: Beth-Araba, Midini, Sekaka,
62 Niibishaan, Magaalaa Soogiddaatii fi Een Gaadii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii jaʼa turan.
Nibshani, Mji wa Chumvi, na En-Gedi; miji sita pamoja na vijiji vyake.
63 Sabni Yihuudaa garuu Yebuusota Yerusaalem keessa jiraachaa turan sana ariʼanii baasuu hin dandeenye; Yebuusonnis hamma harʼaatti saba Yihuudaa wajjin Yerusaalem keessa jiraatu.
Yuda hakuweza kuwafukuza Wayebusi, waliokuwa wakiishi Yerusalemu; hadi leo Wayebusi huishi huko pamoja na watu wa Yuda.

< Iyyaasuu 15 >