< Yoonaas 4 >

1 Wanni kun Yoonaasin baayʼee hin gammachiifne; inni ni aare.
But this displeased Jonah exceedingly, and he was very angry.
2 Akkana jedhees Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo wanni ani yeroo biyya koo turetti jedhe sun kanuma mitii? Wanni ani Tarshiishitti baqachuuf ariifadheefis kana. Ani akka ati Waaqa arjaa fi garaa laafessa, kan dafee hin aarree fi kan jaalalli isaa guddaa taʼe, Waaqa balaa buusuu irraa of qusatu taate nan beeka.
And he prayed to Jehovah and said, Ah! Jehovah, was not this what I said, when I was yet in my own country? Therefore I made haste to flee to Tarshish. For I knew that thou art a gracious and merciful God, slow to anger and abundant in mercy, and that thou repentest of a threatened evil.
3 Yaa Waaqayyo jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayyaatii amma lubbuu koo fudhadhu.”
And now, O Jehovah, take, I pray thee, my life from me! for it is better for me to die than to live.
4 Waaqayyo garuu, “Ati aaruun kee sirriidhaa?” jedheen.
And Jehovah said, Is it right that thou shouldst be angry?
5 Yoonaasis magaalattii keessaa baʼee karaa baʼa magaalattiitiin taaʼe. Innis achitti daasii tokko ijaarratee gaaddisa isaa jala taaʼee waan magaalattiin taʼuuf jirtu arguuf eege.
Now Jonah had gone out of the city, and had sat on the east side of the city, and had made himself a booth there, and had sat under it in the shade, till he should see what would become of the city.
6 Waaqayyo Waaqni biqiltuu qopheessee akka inni Yoonaasiin olitti guddatee mataa isaa irra gaaddisa buusee akka gaddi itti qabbanaaʼu godhe; Yoonaasis sababii biqiltuu sanaatiif baayʼee gammade.
And God, Jehovah, appointed a gourd; and it grew up over Jonah to be a shadow over his head, to deliver him from his distress. And Jonah was exceedingly glad of the gourd.
7 Borumtaa bariis Waaqni biqiltuun sun akka goguuf raammoo isa nyaatu itti erge.
But God appointed a worm when the morning rose the next day, and it smote the gourd so that it withered.
8 Yeroo biiftuun baatettis Waaqni bubbee baʼa biiftuu hoʼaa tokko erge; aduunis akka inni gaggabuuf mataa Yoonaasitti baate. Innis duʼuu barbaadee, “Jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayya” jedhe.
And when the sun arose, God appointed a sultry east wind; and the sun beat upon the head of Jonah, and he was faint, and he asked for himself death, and said, It is better for me to die than to live.
9 Waaqni garuu, “Ati waaʼee biqiltuu sanaatiif aaruun kee sirriidhaa?” jedheen. Yoonaasis, “Eeyyee. Ani hamma duʼaatti utuun aare iyyuu nan barbaada” jedhe.
And God said to Jonah, Is it right that thou shouldst be angry for the gourd? And he said, It is right that I should be angry even to death.
10 Waaqayyo garuu akkana jedhe; “Ati yoo biqiltuu kana eeguu yookaan akka inni guddatu gochuu baatte illee waaʼee isaa yaaddofteerta. Biqiltuun kun halkanuma tokkoon guddatee halkanuma tokkoon duʼe.
And Jehovah said, Thou hast had pity on the gourd for which thou hast not labored, and which thou madest not to grow, which grew up in a night and perished in a night;
11 Nanawween garuu namoota bitaa fi mirga isaanii iyyuu gargar baasanii hin beekne kuma dhibba tokkoo fi kuma digdamaa fi loon hedduu qabdi. Ani magaalaa guddoo akkasiitiif yaaduu hin qabuu ree?”
and should not I spare Nineveh, the great city, wherein are more than a hundred and twenty thousand persons that cannot discern between their right hand and their left hand, and also many cattle?

< Yoonaas 4 >