2“Ani akka ati waan hunda hojjechuu dandeessu nan beeka; karoorri kee tokko iyyuu karaatti hin hafu.
ידעת (ידעתי) כי-כל תוכל ולא-יבצר ממך מזמה
3Ati, ‘Namni beekumsa malee gorsa koo dhoksu kun eenyu?’ jettee gaafatte. Ani dhugumaan waan naaf hin galin, waan dinqii natti taʼe kan ani hin beekin dubbadheera.
מי זה מעלים עצה-- בלי-דעת לכן הגדתי ולא אבין נפלאות ממני ולא אדע
4“Ati akkana jetteerta; ‘Ani nan dubbadhaa mee dhaggeeffadhu; ani sin gaafadhaa, ati immoo naaf deebisi.’
שמע-נא ואנכי אדבר אשאלך והודיעני
5Gurri koo waaʼee kee dhagaʼee ture; amma garuu iji koo si argeera.
לשמע-אזן שמעתיך ועתה עיני ראתך
6Kanaafuu ani of tuffadhee biyyoo fi daaraa keessa taaʼee qalbii nan jijjiirradha.”
7Waaqayyo erga waan kana Iyyoobitti dubbatee booddee Eliifaaz Teemaanichaan akkana jedhe; “Sababii isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbatiniif dheekkamsi koo siʼii fi michoota kee lamaanitti bobaʼeera.
8Kanaafuu isin amma jiboota torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba fuudhaatii gara garbicha koo Iyyoob dhaqaatii waaʼee ofii keessaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessaa. Iyyoob garbichi koo isinii kadhata; ani kadhannaa isaa nan dhagaʼa; akka balleessaa keessaniittis isinitti hin muru. Isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbanneetii.”
9Kanaafuu Eliifaaz Teemaanichi, Bildaad Shuhaahichii fi Zoofaari Naaʼimaatichi waan Waaqayyo isaanitti hime sana godhan; Waaqayyos kadhannaa Iyyoob dhagaʼe.
10Erga Iyyoob michoota isaatiif kadhatee booddee Waaqayyo deebisee isa sooromsee qabeenya inni duraan qabu sana harka lama kenneef.
11Obboloonni isaa, obboleettonni isaa hundinuu fi warri dur isa beekan hundi dhufanii mana isaatti isa wajjin nyaatan. Isaanis sababii rakkina Waaqayyo isatti fide hundaatiif isaaf gaddanii isa jajjabeessan; tokkoon tokkoon isaaniis meetii fi qubeelaa warqee kennaniif.
12Waaqayyos kan duraa caalaa jireenya Iyyoob kan fuul duraa eebbise. Iyyoobis hoolaa kuma kudha afur, gaala kuma jaʼa, qotiyyoo kuma lamaa fi harree dhaltuu kuma tokko qaba ture.
13Akkasumas ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture.