< Isaayyaas 61 >
1 Sababii Waaqayyo akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef, Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira. Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf, akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa, warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;
El Espíritu del Señor Jehová es sobre mí; porque me ungió Jehová: envióme a predicar a los abatidos: a atar las llagas de los quebrantados de corazón, a publicar libertad a los cautivos, y a los presos abertura de la cárcel:
2 akka ani bara tola Waaqayyootii fi guyyaa haaloo baʼuu Waaqa keenyaa labsuuf, akka ani warra booʼan hunda jajjabeessuuf,
A publicar año de la buena voluntad de Jehová, y día de venganza del Dios nuestro: a consolar a todos los enlutados:
3 akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee, qooda daaraa miidhagina, qooda booʼichaa, zayitii gammachuu, qooda abdii kutachuu immoo, wayyaa galataa kennuuf na erge. Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu Waaqayyo, kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman.
A ordenar a Sión a los enlutados, para darles gloria en lugar de la ceniza, óleo de gozo en lugar del luto, manto de alegría en lugar del espíritu angustiado; y serán llamados árboles de justicia, plantación de Jehová, para glorificarme.
4 Isaan waan dur diigame deebisanii ijaaru; iddoowwan bara dheeraan dura onanii turanis akka duraatti deebisu; magaalaawwan diigaman, kanneen dhaloota hedduun dura onanii turan ni haaromsu.
Y edificarán los desiertos antiguos, y levantarán los asolamientos primeros; y restaurarán las ciudades asoladas, los asolamientos de muchas generaciones.
5 Alagoonni bushaayee keessan ni tiksu; ormoonnis lafa qotiisaa fi iddoo dhaabaa wayinii keessanii keessa ni hojjetu.
Y estarán extranjeros, y apacentarán vuestras ovejas; y los extraños serán vuestros labradores, y vuestros viñeros.
6 Isin luboota Waaqayyoo jedhamtanii ni waamamtu; tajaajiltoota Waaqa keenyaa jedhamtaniis ni moggaafamtu. Isin qabeenya sabootaa ni nyaattu; badhaadhummaa isaaniitiin illee ni boontu.
Y vosotros seréis llamados sacerdotes de Jehová; ministros del Dios nuestro seréis dichos: comeréis la fuerza de las naciones, y con su gloria seréis sublimes.
7 Qooda qaanii keessanii hiree dachaa ni argattu; qooda salphinaa isin dhaala keessanitti ni gammaddu; kanaafuu isin biyya keessan keessatti hiree dachaa ni dhaaltu; gammachuun bara baraas kan keessan.
En lugar de vuestra vergüenza doble; y de vuestra deshonra, os alabarán en sus heredades: por lo cual en sus tierras poseerán doblado, y habrán gozo perpetuo.
8 “Ani Waaqayyo murtii qajeelaa nan jaalladhaatii; saamichaa fi yakka nan jibba. Ani amanamummaa kootiin isaan nan badhaasa; kakuu bara baraas isaan wajjin nan gala.
Porque yo Jehová soy amador del derecho, aborrecedor del latrocinio para holocausto: que confirmaré en verdad su obra, y haré con ellos concierto perpetuo.
9 Sanyiin isaanii saboota gidduutti, ijoolleen isaanii immoo uummata gidduutti ni beekamu. Warri isaan argan hundi, akka isaan saba Waaqayyo eebbise taʼan ni beeku.”
Y la simiente de ellos será conocida entre las naciones, y sus renuevos en medio de los pueblos: todos los que los vieren, los conocerán, que son simiente bendita de Jehová.
10 Ani Waaqayyo itti guddaa nan gammada; lubbuun koos akka malee Waaqa kootti gammaddi. Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu, misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana, wayyaa fayyinaa natti uffiseera uffata qajeelummaa narra buuseeraatii.
Gozando me gozaré en Jehová, mi alma se alegrará en mi Dios; porque me vistió de vestidos de salud, me cercó de manto de justicia: como a novio me atavió, y como a novia compuesta de sus joyas.
11 Akkuma lafti biqiltuu biqilchitee iddoon biqiltuu immoo akka sanyiin guddattu godhu sana Waaqayyo Gooftaan akka qajeelummaa fi galanni fuula saboota hundaa duratti biqilan ni godha.
Porque como la tierra produce su renuevo, y como el huerto hace brotar su simiente; así el Señor Jehová hará brotar justicia y alabanza, delante de todas las naciones.