< Isaayyaas 6 >

1 Bara Uziyaan Mootichi duʼe keessa, ani utuu Gooftaan teessoo ol dheeraa fi ulfina qabeessa irra taaʼee, handaarri uffata isaa mana qulqullummaa guutee jiruu nan arge.
Nyakati zile za kifo cha mfalme Uzzia, nilimuona Bwana akiketi katika kiti cha cha enzi; alikuw juu na mahali palipo inuka, na pindo la vazi lake limejaa hekaluni.
2 Isaa olittis suraafeloota tokkoon tokkoon isaanii qoochoo jaʼa jaʼa qabantu ture; isaanis qoochoo lamaan fuula isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan miilla isaanii haguuggatu; qoochoo lamaan immoo ni barrisu turan.
Juu yake kuna maserafi; kila moja lina mabwa sita; mawili yamefunika uso wake, na mawili yamefunika miguu yake, na mawili ya kurukia.
3 Isaanis: “Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.
Kila mmoja anaitana na mwenzake nakusema, ''Mtakakatifu, Mtakatifu, Mtakatifu. ni Yahwe wa majeshi! Dunia yote imejaa utukufu wake.''
4 Sagalee isaaniitiin hundeen dhaaba balbalaa ni raafame; manni qulqullummaas aaraan guutame.
Misingi ya vizingiti imeshtuka kwa sauti ya mtu aliye nje, na njumba imejaa moshi.
5 Anis akkana jedheen iyye; “Anaaf wayyoo! Ani bade! Ani nama hidhii xuraaʼaa kan namoota hidhii xuraaʼaa qaban gidduu jiraatuudhaatii; iji koo Mooticha, Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu argeeraatii.”
Ndipo nikasema,'' Ole wangu'' ninastahili adhabu maan mimi ni mtu mwenye midomo michafu, na ninaishi na watu wenye midomo michafu, maana macho yangu yamemuona Mfalme, Yahwe, Yahwe wa majeshi.''
6 Suraafeloota keessaa inni tokko cilee bobaʼu kan qabduudhaan iddoo aarsaa irraa fuudhe tokko harkatti qabatee gara kootti barrise.
Ndipo mmoja wa maserafi akaruka juu yangu; mkononi mwake akiwa amebeba makaa ya mawe yanayong'aa, ameyachukuwa kwa koleo mathebauni.
7 Innis cilee sanaan afaan koo tuqee, “Ilaali, wanni kun hidhii kee tuqeera; balleessaan kee sirraa fuudhameera; cubbuun kees siif dhiifameera” jedhe.
Akaugusa mdomo wangu kwa makaa ya mawe na akasema, ''Ona, makaa ya mawe yameshika midomo yako; maovu yako yameondolewa, na dhambi zako zimelipiwa kwa hili.''
8 Anis sagalee Gooftaa kan, “Ani eenyunan ergadha? Eenyutu nuuf deema?” jedhu nan dhagaʼe. Kana irratti ani, “Kunoo anuu jira. Na ergi!” nan jedhe.
Nilisikia sauti ya Bwana ikisema, Nimtume nani; nani ataenda kwa niaba yetu?'' Ndipo nikasema, Niko hapa; nitume mimi.''
9 Innis, “Dhaqiitii akkana jedhii saba kanatti himi: “‘Dhagaʼuu ni dhageessu; garuu hin hubattan; arguus inuma argitu; garuu hin qalbeeffattan!’
Akasema nenda na uwambie watu, ' mnasikiliza lakini hamelewi; anaona lakini hamuangalii. '
10 Qalbii saba kanaa doomsi; gurra isaanii cuqqaali; ija isaaniis cufi. Yoo kanaa achii isaan ija ofii isaaniitiin arganii gurra isaaniitiin dhagaʼanii qalbii isaaniitiin hubatanii deebiʼanii fayyu.”
Nenda ufanye mioyo ya watu hawa kuwa migumu, na masikio yao kuwa mazito, na macho yao kuwa vipofu. Hivyo basi wanaweza kuona kwa macho yao, kusikia kwa masikioa yao, na kuelewa kwa mioyo yao wakajeuka na kuponjwa.
11 Ani, “Yaa Gooftaa, wanni kun hamma yoomiitti akkana taʼa?” nan jedhe. Innis akkana jedhee deebise: “Hamma magaalaawwan diigamanii nama isaan keessa jiraatu dhabanitti, hamma manneen onanii lafti qotiisaas barbadaaʼee duwwaa hafutti,
Ndipo nikasema, ''Bwana, mda gani?'' Akanijibu, mpaka mji itakapopata ajali na kuharibiwa na pasipo wakazi, na nyumba hazina watu, na nchi imeanguka katika ukiwa mtupu,
12 hamma Waaqayyo nama hunda fageessee lafti sun guutumaan guutuutti dagatamutti taʼa.
na mpaka pale Yahwe atakapo wapeleka watu mbali, na upweke wa nchi ni mkubwa.
13 Kudhan keessaa tokko yoo hafe iyyuu, biyyi sun amma illee deebitee onti. Garuu akkuma mukni laaftootii fi qilxuu, yoo muran gufuun isaa latu sana akkasuma sanyiin qulqulluun gufuu taʼee achitti hafa.”
Hata kama makumi ya watu watabaki kwenye nchi, itaharibiwa kwa mara nyingine kama mwaloni uliokatwa chini na shina lake likabaki, mbegu takatifu kwenye kisiki chake.''

< Isaayyaas 6 >