< Isaayyaas 47 >

1 “Yaa intala Baabilon Durba Qulqullittii, gad buʼi; awwaara irra taaʼi; yaa Intala Baabilonotaa, teessoo malee lafa taaʼi! Ati siʼachi bareedduu yookaan kichuu jedhamtee hin waamamtu.
“Go down and sit in the dust, O Virgin Daughter of Babylon. Sit on the ground without a throne, O Daughter of Chaldea! For you will no longer be called tender or delicate.
2 Dhagaa daakuu fudhadhuutii midhaan daaki; haguuggii kee of irraa fuudhi. Wandaboo kee soqoladhu; gudeeda kee mulʼisi; laga ceʼi.
Take millstones and grind flour; remove your veil; strip off your skirt, bare your thigh, and wade through the streams.
3 Qullaan kee ifatti ni baʼa; qaaniin kees hin dhokatu. Ani haaloo nan baʼa; ani nama tokko iyyuu hin dhiisu.”
Your nakedness will be uncovered and your shame will be exposed. I will take vengeance; I will spare no one.”
4 Furiin keenya maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha; inni Qulqullicha Israaʼel.
Our Redeemer—the LORD of Hosts is His name— is the Holy One of Israel.
5 “Yaa Intala Baabilonotaa, calʼisii taaʼiitii dukkana seeni; ati siʼachi mootittii mootummootaa jedhamtee hin waamamtu.
“Sit in silence and go into darkness, O Daughter of Chaldea. For you will no longer be called the queen of kingdoms.
6 Ani saba kootti dheekkameera; handhuuraa koos xureesseera; ani dabarsee harka keetti isaan kenneera; atis garaa hin laafneef. Warra dullooman irra iyyuu waanjoo ulfaataa keesse.
I was angry with My people; I profaned My heritage, and I placed them under your control. You showed them no mercy; even on the elderly you laid a most heavy yoke.
7 Ati, ‘Ani bara baraan itti fufee mootittii bara baraa nan taʼa!’ jette. Ati garuu wantoota kana hin hubanne yookaan dhumni isaanii maal akka taʼu hin yaadanne.
You said, ‘I will be queen forever.’ You did not take these things to heart or consider their outcome.
8 “Ammas yaa ishee qananiituu, kan nagaan jiraattee garaa kee keessattis, ‘Anuma; ana malee tokko iyyuu hin jiru; ani siʼachi haadha hiyyeessaa yookaan nama dhalee dhabe hin taʼu’ ofiin jettu dhagaʼi.
So now hear this, O lover of luxury who sits securely, who says to herself, ‘I am, and there is none besides me. I will never be a widow or know the loss of children.’
9 Wantoonni kunneen lamaan, dhalanii dhabuu fi haadha hiyyeessaa taʼuun akkuma tasaa guyyuma tokkotti sitti dhufu. Isaan baayʼina falfala keetiitii fi tolcha kee cimaa sanaa hunda irraan iyyuu humna isaanii guutuudhaan sitti dhufu.
These two things will overtake you in a moment, in a single day: loss of children, and widowhood. They will come upon you in full measure, in spite of your many sorceries and the potency of your spells.
10 Ati hammina kee amanattee, ‘Namni tokko iyyuu na hin argu’ jette. Yeroo ati garaa kee keessatti, ‘Ana; ana malee namni biraa hin jiru’ jettutti, ogummaa fi beekumsi kee si dogoggorsu.
You were secure in your wickedness; you said, ‘No one sees me.’ Your wisdom and knowledge led you astray; you told yourself, ‘I am, and there is none besides me.’
11 Wanni hamaan sitti dhufa; ati immoo eessaa akka inni dhufu hin beektu. Balaan ati of irraa ittisuu hin dandeenye tokko sitti dhufa; badiisni ati duraan dursitee hin beekin akkuma tasaa sitti dhufa.
But disaster will come upon you; you will not know how to charm it away. A calamity will befall you that you will be unable to ward off. Devastation will happen to you suddenly and unexpectedly.
12 “Yoos ati tolcha keetii fi falfala kee baayʼee ijoollummaa keetii jalqabdee itti dadhabde sana jabeessii eegi. Yoo akkas taʼe ati ni milkoofta; yoo akkas taʼe nama ni sodaachifta taʼa.
So take your stand with your spells and with your many sorceries, with which you have wearied yourself from your youth. Perhaps you will succeed; perhaps you will inspire terror!
13 Gorsi ati argatte hundi dadhabbii qofa sitti fide! Urjii lakkooftonni kee warri jiʼa jiʼaan urjii ilaalanii raajan sun, mee waan sitti dhufu duraa si haa baasan kaa.
You are wearied by your many counselors; let them come forward now and save you— your astrologers who observe the stars, who monthly predict your fate.
14 Dhugumaan isaan akkuma cidii ti; ibiddi isaan guba. Isaan mataa isaanii iyyuu, humna arraba ibiddaa jalaa baasuu hin dandaʼan. Barbadaan ibiddaa kan namni hoʼifatu tokko iyyuu hin jiru; ibiddi bira taaʼanis hin argamu.
Surely they are like stubble; the fire will burn them up. They cannot deliver themselves from the power of the flame. There will be no coals to warm them or fire to sit beside.
15 Wanni warri ati wajjin dadhabdee ijoollummaa keetii jalqabdee wajjin daldalte sun siif gochuu dandaʼan kanuma. Tokkoon tokkoon isaanii dogoggora isaanii itti fufan; kan si baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
This is what they are to you— those with whom you have labored and traded from youth— each one strays in his own direction; not one of them can save you.

< Isaayyaas 47 >