< Isaayyaas 22 >

1 Raajii waaʼee Sulula Mulʼataa: Amma maaltu isin rakkisee isin hundi fiixee manaatti ol baatan?
Neno kuhusu Bonde la Maono: Nini kinachokutaabisha sasa, kwamba ninyi nyote mmepanda juu ya mapaa?
2 Yaa magaalaa wacaan guutamte, yaa magaalaa jeeqamtuu fi fandalaltuu, namoonni si jalaa qalaman goraadeedhaan hin ajjeefamne yookaan waraana keessatti hin dhumne.
Ewe mji uliojaa ghasia, ewe mji wa makelele na sherehe! Watu wenu waliokufa hawakuuawa kwa upanga, wala hawakufa vitani.
3 Hooggantoonni kee hundi walumaan baqatan; isaan utuma xiyya hin darbatin qabaman. Isin utuma diinni fagoo jiruu baqattan iyyuu warri qabamtan hundi walumaan mana hidhaatti galfamtaniirtu.
Viongozi wako wote wamekimbia pamoja, wamekamatwa bila kutumia upinde. Ninyi nyote mliokamatwa mlichukuliwa wafungwa pamoja, mlikimbia wakati adui alipokuwa bado mbali.
4 Kanaafuu ani, “Ana irraa garagalaa; ani hiqqifadhee nan booʼa. Badiisa saba koo irratti na jajjabeessuu hin yaalinaa” nan jedhe.
Kwa hiyo nilisema, “Geukia mbali nami, niache nilie kwa uchungu. Usijaribu kunifariji juu ya maangamizi ya watu wangu.”
5 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Sulula Mulʼataa keessatti, guyyaa jeequmsaa, dhidhiitamuutii fi burjaajii, akkasumas guyyaa itti dallaa diiguutii fi tulluuwwanittis iyyuu qaba.
Bwana, Bwana Mwenye Nguvu Zote, anayo siku ya ghasia, ya kukanyaga, na ya kuogofya katika Bonde la Maono, siku ya kuangusha kuta na ya kupiga kelele mpaka milimani.
6 Eelaam manʼee xiyyaa qabattee gaariiwwanii fi abbootii fardaa fudhattee baati; Qiiris gaachana ishee qabatti.
Elamu analichukua podo, pamoja na waendesha magari ya vita na farasi. Kiri anaifungua ngao.
7 Sululawwan kee filatamoon gaariiwwaniin guutamaniiru; abbootiin fardaas karra magaalattii irratti ramadamaniiru.
Mabonde yako yaliyo mazuri sana yamejaa magari ya vita, nao wapanda farasi wamewekwa kwenye malango ya mji;
8 Gooftaan ittisa Yihuudaa irraa mulqeera. Atis gaafas miʼa lolaa kan Masaraa Bosonaa keessa jiru sana abdatta.
ulinzi wa Yuda umeondolewa. Nawe ulitazama siku ile silaha katika Jumba la Kifalme la Mwituni,
9 Dallaan Magaalaa Daawit karaa baayʼee akka urame argitaniirtu; Haroo Gad aanaa keessattis bishaan kuufattaniirtu.
mkaona kuwa Mji wa Daudi una matundu mengi katika ulinzi wake, mkaweka akiba ya maji kwenye Bwawa la Chini.
10 Isin manneen Yerusaalem lakkooftan; dallaa ishee dhagaa jabeessuuf jettaniis manneen sana diigdan.
Mlihesabu majengo katika Yerusalemu nanyi mkabomoa nyumba ili kuimarisha ukuta.
11 Bishaan Haroo Moofaatiif dallaa lamaan gidduutti kuusaa bishaanii tolchitan; garuu isin gara Isa waan sana hojjetee hin ilaalle; yookaan Isa bara dheeraan dura waan sana karoorseef ulfina hin kennine.
Mlijenga bwawa la maji katikati ya kuta mbili kwa ajili ya maji ya Bwawa la Zamani, lakini hamkumtazama Yule aliyelitengeneza, au kuwa na heshima kwa Yule aliyeubuni tangu zamani za kale.
12 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, akka ati boossee wawwaattuuf, akka ati rifeensa mataa keetii of irraa cirtee wayyaa gaddaa uffatuuf guyyaa sana si waame.
Bwana, Bwana Mwenye Nguvu Zote, aliwaita siku ile ili kulia na kuomboleza, kungʼoa nywele zenu na kuvaa nguo ya gunia.
13 Qooda kanaa garuu gammachuu fi fandalaluu, loon gorraʼuu fi hoolota qaluu, foon nyaachuu fi daadhii wayinii dhuguutu jira! Isin, “Kottaa ni nyaannaa; ni dhugnas; bor ni duunaatii!” jettu.
Lakini tazama, kuna furaha na sherehe, kuchinja ngʼombe na kuchinja kondoo, kula nyama na kunywa mvinyo! Mnasema, “Tuleni na kunywa, kwa kuwa kesho tutakufa!”
14 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu utuma gurri koo dhagaʼuu waan kana naa ibse: “Hamma guyyaa duʼa keessaniitti cubbuun kun isin irraa hin haqamu” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
Bwana Mwenye Nguvu Zote amelifunua hili nikiwa ninasikia: Bwana, Bwana Mwenye Nguvu Zote, asema: “Mpaka siku ya kufa kwenu, dhambi hii haitafanyiwa upatanisho.”
15 Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Dhaqiitii itti gaafatamaa kanaan, Shebnaa, bulchaa masaraa mootummaatiin akkana jedhi:
Hili ndilo Bwana, Bwana Mwenye Nguvu Zote, asemalo: “Nenda ukamwambie huyu wakili Shebna, ambaye ni msimamizi wa jumba la kifalme:
16 Ati maal asii hojjetta? Akka ati iddoo kanatti iddoo awwaalaa qopheeffattu, akka iddoo ol kaʼaa irratti boolla awwaala keetii qotattu, akka kattaa keessatti iddoo boqonnaa keetii tolchattu eenyutu eeyyama siif kenne?
Unafanya nini hapa, na ni nani aliyekupa ruhusa kujikatia kaburi lako mwenyewe, ukichonga kaburi lako mahali palipo juu, na kutoboa kwa patasi mahali pako pa kupumzikia katika mwamba?
17 “Yaa nama jabaa kunoo, Waaqayyo jabeessee qabee si darbachuuf jira.
“Jihadhari, Bwana yu karibu kukukamata thabiti, na kukutupa mbali, ewe mtu mwenye nguvu.
18 Inni akkuma kubbaa furuursee biyya balʼaa tokko keessa si buusa. Yaa salphina mana gooftaa keetii, ati achitti duuta; gaariiwwan kee mimmiidhagoonis achitti hafu!
Atakuvingirisha uwe kama mpira na kukutupa katika nchi kubwa. Huko ndiko utakakofia, na huko ndiko magari yako ya vita ya fahari yatabakia, wewe unayeifedhehesha nyumba ya bwana wako!
19 Ani aangoo kee irraa sin buusa; atis taayitaa kee irraa ni ariʼamta.
Nitakuondoa kutoka kazi yako, nawe utaondoshwa kutoka nafasi yako.
20 “Ani gaafas garbicha koo Eliiyaaqiimin ilma Hilqiyaa nan waama.
“Katika siku ile, nitamwita mtumishi wangu, Eliakimu mwana wa Hilkia.
21 Ani uffata kee isatti nan uffisa; sabbata kee mudhii isaatti nan hidha; aangoo kees dabarsee isaaf nan kenna. Inni warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi mana Yihuudaatiif abbaa ni taʼa.
Nitamvika joho lako, nami nitamfunga mshipi wako kiunoni mwake, na kumkabidhi mamlaka yako. Yeye atakuwa baba kwa wale wanaoishi Yerusalemu na kwa nyumba ya Yuda.
22 Ani furtuu mana Daawit gatiittii isaa irra nan kaaʼa; waan inni banu namni tokko iyyuu cufuu hin dandaʼu; waan inni cufus namni tokko iyyuu banuu hin dandaʼu.
Nitaweka mabegani mwake ufunguo wa nyumba ya Daudi. Kile afunguacho hakuna awezaye kufunga, na kile afungacho hakuna awezaye kufungua.
23 Ani akkuma fannoo waa itti fannisan tokkootti iddoo jabaa irra isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa.
Nitamgongomea kama kigingi kilicho mahali palipo imara, naye atakuwa kiti cha enzi cha heshima kwa ajili ya nyumba ya baba yake.
24 Isaanis kabaja mana abbaa isaa hunda, ijoollee isaatii fi ijoollee ijoollee isaa, miʼa xixinnaa kan waciitiidhaa jalqabee hamma okkoteetti jiru hunda isatti fannisu.”
Utukufu wote wa jamaa yake utakuwa juu yake: Watoto wa jamaa hiyo na machipukizi yake, vyombo vyake vyote vidogo, tangu bakuli hadi magudulia yote.”
25 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Gaafas qofoon iddoo jabaa dhaabame sun ni buqqaʼa; muramee lafa buʼa; baʼaan isatti fannifame sun harcaʼee caccaba.” Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.
Bwana Mwenye Nguvu Zote asema, “Katika siku ile, kigingi kilichogongomewa mahali imara kitaachia njia. Kitakatwa, nacho kitaanguka na mzigo ulioningʼinia juu yake utaanguka chini.” Bwana amesema.

< Isaayyaas 22 >