< Ibroota 3 >
1 Kanaafuu yaa obboloota qulqulloota, warra waamicha samii keessatti hirmaattan, Yesuus ergamaa fi luba ol aanaa amantii keenyaa sana ilaalaa.
そこで、天の召しにあずかっている聖なる兄弟たちよ。あなたがたは、わたしたちが告白する信仰の使者また大祭司なるイエスを、思いみるべきである。
2 Akkuma Museen mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture sana innis isa isa muudeef amanamaa ture.
彼は、モーセが神の家の全体に対して忠実であったように、自分を立てたかたに対して忠実であられた。
3 Akkuma namni mana ijaaru tokko mana sana caalaa kabaja guddaa qabu, innis Musee caalaa kabaja guddaa qaba.
おおよそ、家を造る者が家そのものよりもさらに尊ばれるように、彼は、モーセ以上に、大いなる光栄を受けるにふさわしい者とされたのである。
4 Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Waaqa.
家はすべて、だれかによって造られるものであるが、すべてのものを造られたかたは、神である。
5 Museen waan fuul duratti dubbatamuuf jiru dhugaa baʼuuf akka tajaajilaa tokkootti mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture.
さて、モーセは、後に語らるべき事がらについてあかしをするために、仕える者として、神の家の全体に対して忠実であったが、
6 Kiristoos garuu akka Ilmaatti mana Waaqaa irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.
キリストは御子として、神の家を治めるのに忠実であられたのである。もしわたしたちが、望みの確信と誇とを最後までしっかりと持ち続けるなら、わたしたちは神の家なのである。
7 Kanaafuu akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu: “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,
だから、聖霊が言っているように、「きょう、あなたがたがみ声を聞いたなら、
8 akka yeroo qorumsaa gammoojjii keessatti finciluun gootan sana, mataa hin jabaatinaa;
荒野における試錬の日に、神にそむいた時のように、あなたがたの心を、かたくなにしてはいけない。
9 abbootiin keessan achitti na qoranii na ilaalan; waggaa afurtamas waan ani hojjedhe argan.
あなたがたの先祖たちは、そこでわたしを試みためし、
10 Kanaafuu ani dhaloota sanatti aaree, ‘Yeroo hunda qalbii isaaniitiin dogoggoru; isaan karaa koo hin beekne’ jedhe.
しかも、四十年の間わたしのわざを見たのである。だから、わたしはその時代の人々に対して、いきどおって言った、彼らの心は、いつも迷っており、彼らは、わたしの道を認めなかった。
11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, ‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe.”
そこで、わたしは怒って、彼らをわたしの安息にはいらせることはしない、と誓った」。
12 Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Waaqa jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa.
兄弟たちよ。気をつけなさい。あなたがたの中には、あるいは、不信仰な悪い心をいだいて、生ける神から離れ去る者があるかも知れない。
13 Garuu isin keessaa akka namni tokko iyyuu gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa hin taaneef utuu “Harʼa” jedhamaa jiruu guyyuma guyyaan wal jajjabeessaa.
あなたがたの中に、罪の惑わしに陥って、心をかたくなにする者がないように、「きょう」といううちに、日々、互に励まし合いなさい。
14 Nus yoo amantii keenya isa jalqabaa sana hamma dhumaatti jabeessinee qabanne Kiristoos wajjin hirmaattota ni taanaatii.
もし最初の確信を、最後までしっかりと持ち続けるならば、わたしたちはキリストにあずかる者となるのである。
15 Kunis akkuma, “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, akka yeroo fincilaa sana, mataa hin jabaatinaa” jedhamee barreeffamee dha.
それについて、こう言われている、「きょう、み声を聞いたなら、神にそむいた時のように、あなたがたの心を、かたくなにしてはいけない」。
16 Warri dhagaʼanii fincilan sun eenyu? Warra Museen qajeelchee Gibxii baase sana hunda mitii?
すると、聞いたのにそむいたのは、だれであったのか。モーセに率いられて、エジプトから出て行ったすべての人々ではなかったか。
17 Waaqni waggaa afurtama eenyu faatti aare? Warruma cubbuu hojjetanii reeffi isaanii gammoojjii keessatti kukkufe sanatti mitii?
また、四十年の間、神がいきどおられたのはだれに対してであったか。罪を犯して、その死かばねを荒野にさらした者たちに対してではなかったか。
18 Yoo warruma ajajamuu didan sana taʼe malee Waaqni akka isaan gonkumaa boqonnaa isaatti hin galleef eenyu faatti kakate ree?
また、神が、わたしの安息に、はいらせることはしない、と誓われたのは、だれに向かってであったか。不従順な者に向かってではなかったか。
19 Kanaafuu akka isaan sababii amantii dhabuu isaaniitiif boqonnaa sanatti galuu hin dandaʼin argina.
こうして、彼らがはいることのできなかったのは、不信仰のゆえであることがわかる。