< Uumama 22 >

1 Yeroo muraasa booddee Waaqni Abrahaamin qore. Innis, “Abrahaam!” jedhee isa waame. Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise.
Baadaye Mungu akamjaribu Abrahamu. Akamwambia, “Abrahamu!” Abrahamu akajibu, “Mimi hapa.”
2 Waaqnis akkana jedheen; “Ilma kee Yisihaaq, ilma kee tokkicha isa jaallattu sana fudhiitii biyya Mooriyaa dhaqi. Tulluu ani sitti himu irratti qalma gubamu godhiitii isa dhiʼeessi.”
Kisha Mungu akamwambia, “Umchukue mwanao, mwana wako wa pekee, Isaki umpendaye, uende katika nchi ya Moria. Mtoe huko kama sadaka ya kuteketezwa juu ya mlima mmojawapo nitakaokuambia.”
3 Abrahaamis guyyaa itti aanu ganama barraaqaan kaʼee harree isaa feʼate. Innis hojjettoota isaa keessaa nama lamaa fi ilma isaa Yisihaaqin fudhatee qoraan qalma gubamuuf gaʼu cabsatee gara iddoo Waaqni isatti hime sanaatti qajeele.
Abrahamu akaamka asubuhi na mapema siku iliyofuata, akamtayarisha punda wake. Akawachukua watumishi wake wawili pamoja na Isaki mwanawe. Baada ya kuchanja kuni za kutosha kwa ajili ya hiyo sadaka ya kuteketezwa, akaondoka kuelekea mahali Mungu alipokuwa amemwambia.
4 Guyyaa sadaffaattis Abrahaam ol ilaalee iddoo sana fagootti arge.
Siku ya tatu Abrahamu akainua macho, akapaona mahali pale kwa mbali.
5 Innis hojjettoota isaatiin, “Isin harree wajjin asuma turaa. Anii fi mucichi duuba sana dhaqnaa; achittis waaqeffannee gara keessanitti deebinaa” jedhe.
Akawaambia watumishi wake, “Kaeni hapa pamoja na punda, wakati mimi na kijana tunakwenda kule. Tutakwenda kuabudu na kisha tutawarudia.”
6 Abrahaamis qoraan aarsaa gubamuuf taʼu fuudhee ilma isaa Yisihaaqin baachise; ofii isaatii immoo ibiddaa fi billaa harkatti qabate. Isaan lamaan utuu walumaan deemaa jiranuu,
Abrahamu akachukua kuni kwa ajili ya sadaka ya kuteketezwa, akamtwika Isaki mwanawe, yeye mwenyewe akachukua moto na kisu. Walipokuwa wakienda pamoja,
7 Yisihaaq, “Yaa abbaa koo” jedhee abbaa isaa Abrahaamitti dubbate. Abrahaamis, “Asan jira ilma koo” jedhee deebise. Yisihaaqis deebisee, “Ibiddii fi qoraan kunoo ti; hoolaan qalma gubamuuf taʼu immoo eessa jira?” jedhe.
Isaki akanena akamwambia Abrahamu baba yake, “Baba yangu!” Abrahamu akaitika, “Mimi hapa, mwanangu.” Isaki akasema, “Moto na kuni zipo, Je, yuko wapi mwana-kondoo kwa ajili ya sadaka ya kuteketezwa?”
8 Abrahaamis deebisee, “Yaa ilma ko, Waaqni mataan isaa hoolaa qalma gubamuuf taʼu ni kenna” jedhe. Isaan lamaanis walumaan karaa isaanii itti fufan.
Abrahamu akajibu, “Mwanangu, Mungu mwenyewe atajipatia mwana-kondoo kwa ajili ya hiyo sadaka ya kuteketezwa.” Nao hawa wawili wakaendelea mbele pamoja.
9 Yeroo iddoo Waaqni isatti hime sana gaʼanitti, Abrahaam iddoo aarsaa achitti ijaaree iddoo aarsaa sana irra qoraan naqe; ilma isaa Yisihaaqin hidhees iddoo aarsaa sana irra qoraan gubbaa ciibse.
Walipofika mahali pale alipokuwa ameambiwa na Mungu, Abrahamu akajenga madhabahu hapo, akaziweka kuni juu yake. Akamfunga Isaki mwanawe na akamlaza kwenye madhabahu, juu ya zile kuni.
10 Ergasii inni ilma isaa qaluuf jedhee harka isaa hiixatee billaa fudhate.
Kisha akanyoosha mkono wake na akachukua kisu ili amchinje mwanawe.
11 Ergamaan Waaqayyoo garuu, “Abrahaam! Abrahaam!” jedhee samii keessaa isa waame. Abrahaamis, “Kunoo asan jira” jedhee deebise.
Lakini malaika wa Bwana akamwita kutoka mbinguni, akamwambia, “Abrahamu! Abrahamu!” Akajibu, “Mimi hapa.”
12 Innis, “Ati harka keetiin gurbicha hin tuqin; waan tokko illee isa hin godhin. Waan ati ilma kee, ilmuma tokkicha anaaf jettee hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu amma beekeera” jedhe.
Akamwambia, “Usimdhuru kijana, wala usimtendee jambo lolote. Sasa ninajua kwamba unamcha Mungu, kwa sababu hukunizuilia mwanao, mwana wako wa pekee.”
13 Abrahaamis ol ilaalee kunoo korbeessa hoolaa kan gaanfi isaa daggala keessatti qabamee jiru tokko arge; innis dhaqee hoolaa sana fuudhee qooda ilma isaa qalma gubamu godhee dhiʼeesse.
Abrahamu akainua macho yake, akaona kondoo dume amenaswa pembe zake nyuma yake katika kichaka. Akaenda akamchukua huyo kondoo dume, akamtoa awe sadaka ya kuteketezwa badala ya mwanawe.
14 Kanaafuu Abrahaam iddoo sana “Waaqayyo ni kenna” jedhee moggaase; hamma harʼaatti illee, “Tulluu Waaqayyoo irratti, ni kennama” jedhama.
Abrahamu akapaita mahali pale Yehova-Yire. Mpaka siku ya leo inasemekana, “Katika mlima wa Bwana itapatikana.”
15 Ergamaan Waaqayyoo sunis samii keessaa lammata Abrahaamin waamee
Basi malaika wa Bwana akamwita Abrahamu kutoka mbinguni mara ya pili,
16 akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha; sababii ati waan kana gootee fi ilma kee, ilmuma kee tokkicha illee na hin dhowwatiniif ani maqaa kootiin nan kakadha;
akasema, “Ninaapa kwa nafsi yangu, asema Bwana, kwamba kwa sababu umefanya jambo hili na hukunizuilia mwanao, mwana wako wa pekee,
17 ani dhugumaan eebba, sin eebbisa; sanyii kees akkuma urjii samiitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa nan baayʼisa. Sanyiiwwan kees magaalaawwan diina isaanii ni dhuunfatu.
hakika nitakubariki, na nitauzidisha uzao wako kama nyota za angani na kama mchanga ulioko pwani. Wazao wako watamiliki miji ya adui zao,
18 Waan ati naa ajajamteef sabni lafa irraa hundinuu karaa sanyii keetiin eebbifama.”
na kupitia uzao wako mataifa yote duniani yatabarikiwa, kwa sababu umenitii.”
19 Ergasii Abrahaam tajaajiltoota isaatti deebiʼe; isaanis walumaan Bersheebaatti qajeelan; Abrahaamis Bersheebaa keessa jiraate.
Ndipo Abrahamu akawarudia watumishi wake, wakaondoka wakaenda wote pamoja mpaka Beer-Sheba. Abrahamu akaishi huko Beer-Sheba.
20 Yeroo muraasa booddee akkana jedhamee Abrahaamitti himame; “Kunoo, Miilkaan obboleessa kee Naahooriif ilmaan deesseerti;
Baada ya muda, Abrahamu akaambiwa, “Milka pia amepata watoto, amemzalia ndugu yako Nahori wana:
21 ilmaan isheen deesses inni hangafni Uuzi, obboleessi isaa Buuz, abbaan Arraam immoo Qamuʼeel,
Usi mzaliwa wake wa kwanza, Buzi nduguye, Kemueli (baba wa Aramu),
22 Keseedi, Hazoo, Fiildaas, Yiidlaafii fi Betuuʼeel jedhamu.”
Kesedi, Hazo, Pildashi, Yidlafu na Bethueli.”
23 Betuuʼeel Ribqaa dhalche. Miilkaan isaan kana saddeettan Naahoor obboleessa Abrahaamiif deesse.
Bethueli akamzaa Rebeka. Milka alimzalia Nahori nduguye Abrahamu hao wana wanane.
24 Naahor saajjatoo Reʼuumaa jedhamtu tokko qaba ture; isheen ilmaan Xebaa, Gaham, Tahaashii fi Maʼakaa jedhaman deesseef.
Suria wake Nahori aliyeitwa Reuma pia alikuwa na wana: Teba, Gahamu, Tahashi na Maaka.

< Uumama 22 >