22Abraam garuu mootii Sodoomiitiin akkana jedhe; “Ani harka koo gara Waaqayyo, Waaqa Waan Hundaa Olii, Uumaa samiitii fi lafaatti ol fudhadhee kakadheen jira;
23akka ati, ‘Anatu Abraamin sooromse’ hin jenneef ani waan kan kee taʼe keessaa tokko iyyuu, foʼaa yookaan teepha ittiin kophee hidhatan iyyuu hin fudhadhu.
24Waan namoonni koo nyaatanii fi qooda namoota ana wajjin deemanii jechuunis qooda Aaneer, kan Eshkooliitii fi kan Mamree malee ani ofii koo homaa hin fudhadhu; isaan qooda isaanii haa fudhatan.”