< Izraa 2 >

1 Egaa isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee Baabilonitti isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan;
Now these are the children of the province who went up out of the captivity of the exiles, whom Nebuchadnezzar the king of Babylon had carried away into exile unto Babylon, and who returned unto Jerusalem and Judah, every one unto his city;
2 isaanis: Zarubaabel, Yeeshuuʼaa, Nahimiyaa, Seraayaa, Reʼelaayaa, Mordekaayi, Bilshaan, Misphaar, Baguwaayi, Rehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan. Maqaa namoota saba Israaʼel taʼanii:
Who came with Zerubbabel, Jeshua', Nehemiah, Serayah, Re'elayah, Mordecai, Bilshan, Misspar, Bigvai, Rechum, Ba'anah. The number of the men of the people of Israel was:
3 sanyiin Phaarosh 2,172,
The children of Par'osh, two thousand one hundred seventy and two.
4 sanyiin Shefaaxiyaa 372,
The children of Shephatyah, three hundred seventy and two.
5 sanyiin Aaraa 775,
The children of Arach, seven hundred seventy and five.
6 sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,812,
The children of Pachath-moab, of the children of Jeshua' and Joab, two thousand eight hundred and twelve.
7 sanyiin Eelaam 1,254,
The children of 'Elath, one thousand two hundred fifty and four.
8 sanyiin Zaatuu 945,
The children of Zatthu, nine hundred and forty and five.
9 sanyiin Zakaayi 760,
The children of Zaccai, seven hundred and sixty.
10 sanyiin Baanii 642,
The children of Bani, six hundred forty and two.
11 sanyiin Beebay 623,
The children of Bebai, six hundred twenty and three.
12 sanyiin Azgaad 1,222,
The children of 'Azgad, one thousand two hundred twenty and two.
13 sanyiin Adooniiqaam 666,
The children of Adonilam, six hundred sixty and six.
14 sanyiin Baguwaay 2,056,
The children of Bigvai, two thousand fifty and six.
15 sanyiin Aadiin 454,
The children of 'Adin, four hundred fifty and four.
16 sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98,
The children of Ater of Hezekiah, ninety and eight.
17 sanyiin Beesaay 323,
The children of Bezai, three hundred twenty and three.
18 sanyiin Yooraa 112,
The children of Jorah, one hundred and twelve.
19 sanyiin Haashum 223,
The children of Chashum, two hundred twenty and three.
20 sanyiin Gibaar 95,
The children of Gibbar, ninety and five.
21 namoonni Beetlihem 123,
The people of Beth-lechem, one hundred twenty and three.
22 namoonni Netoofaa 56,
The men of Netophah, fifty and six.
23 namoonni Anaatoot 128,
The men of 'Anathoth, one hundred twenty and eight.
24 namoonni Azmaawet 42,
The people of 'Azmaveth, forty and two.
25 namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743,
The people of Kiryath-'arim, Kephirah, and Beeroth, seven hundred and forty and three.
26 namoonni Raamaa fi Gebaa 621,
The people of Ramah and Geba', six hundred twenty and one.
27 namoonni Mikmaas 122,
The men of Michmass, one hundred twenty and two.
28 Namoonni Beetʼeelii fi Aayi 223,
The men of Beth-el and 'Ai, two hundred twenty and three.
29 namoonni Neboo 52,
The people of Nebo, fifty and two.
30 namoonni Magbiish 156,
The children of Magbish, one hundred fifty and six.
31 namoonni Eelaam kaan 1,254,
The children of the other 'Elam, one thousand two hundred fifty and four.
32 namoonni Haariim 320,
The children of Charim, three hundred and twenty.
33 namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 725,
The people of Lod, Chadid, and Ono, seven hundred twenty and five.
34 namoonni Yerikoo 345,
The people of Jericho, three hundred forty and five.
35 namoonni Senaaʼaa 3,630.
The people of Senaah, three thousand and six hundred and thirty.
36 Luboota: Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaan dhufan 973,
The priests were: The children of Jeda'yah, of the house of Jeshua', nine hundred seventy and three.
37 sanyiin Imeer 1,052,
The children of Immer, one thousand fifty and two.
38 sanyiin Phaashihuur 1,247,
The children of Pashchur, one thousand two hundred forty and seven.
39 sanyiin Haariim 1,017.
The children of Charim, one thousand and seventeen.
40 Lewwota: Sanyiin Yeeshuuʼaa fi Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74.
The Levites were: The children of Jeshua, and Kadmiel, of the children of Hodavyah, seventy and four.
41 Faarfattoota: sanyiin Asaaf 128.
The singers were: The children of Assaph, one hundred twenty and eight.
42 Eegdota karra mana qulqullummaa: sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer, sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub, sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 139.
The children of the gate-keepers were: The children of Shallum, the children of Ater, the children of Talmon, the children of 'Akkub, the children of Chatita, the children of Shobai, in all one hundred thirty and nine.
43 Tajaajiltoota mana qulqullummaa: sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa fi sanyii Xabaaʼoot,
The temple-servants were: The children of Zicha, the children of Chassupha, the children of Tabba'oth.
44 sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon;
The children of Keross, the children of Si'aha, the children of Padon.
45 sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa fi sanyii Aquub;
The children of Lebanah, the children of Chagabah, the children of 'Akkub.
46 sanyii Haagaab, sanyii Shalmaayi, sanyii Haanaan;
The children of Chagab, the children of Shalmai, the children of Chanan.
47 sanyii Gideel, sanyii Gahar, sanyii Reʼaayaa;
The children of Giddel, the children of Gachar, the children of Reayah.
48 sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa, sanyii Gazaam;
The children of Rezin, the children of Nekoda, the children of Gazzam.
49 sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa, sanyii Beesaay;
The children of 'Uzza, the children of Paseach, the children of Bessai,
50 sanyii Asinaa, sanyii Meʼuunimii fi sanyii Nefuusiim;
The children of Assnah, the children of Me'unim, the children of Nephussim,
51 sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur,
The children of Bakbuk, the children of Chakupha, the children of Charchur,
52 sanyii Bazluut, sanyii Mihiidaa fi sanyii Harshaa;
The children of Bazluth, the children of Mechida, the children of Charsha,
53 sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa fi sanyii Teemahi;
The children of Barkoss, the children of Sissera, the children of Thamach,
54 sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa
The children of Neziach, the children of Chatipha.
55 Sanyii tajaajiltoota Solomoon: Sanyii Soxaayi, sanyii Sofereetii fi sanyii Firuudaa;
The children of Solomon's servants were: The children of Sotai, the children of Sophereth, the children of Peruda.
56 sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoonii fi sanyii Gideel;
The children of Ja'alah, the children of Darkon, the children of Giddel.
57 sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil, sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamii;
The children of Shephatyah, the children of Chattil, the children of Pochereth-hazzebayim, the children of Ami.
58 tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392.
All the temple-servants, and the children of Solomon's servants, were three hundred and ninety and two.
59 Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adaanii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis:
And these are those who went up from Thel-melach, Thelcharsha, Kerub, Addan, and Immer; but they could not tell their family division, and their descent, whether they were of Israel:
60 sanyiin Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 652.
The children of Delayah the children of Tobiyah, the children of Nekoda, six hundred fifty and two.
61 Luboota keessaa immoo: Sanyii Habayaa, sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame.
And of the children of the priests: The children of Chabayah, the children of Hakkoz, the children of Barzillai, who had taken a wife from the daughters of Barzillai the Gil'adite, and was called after their name.
62 Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman.
These sought for their family-registers, but they were not found: wherefore they were excluded, as unfit, from the priesthood.
63 Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko argamutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje.
And the Thirshatha said unto them, that they should not eat of the most holy things, till there should stand up a priest with the Urim and Thummim.
64 Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan;
The whole congregation together was forty and two thousand three hundred and sixty.
65 kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 200 qabu ture.
Besides their men-servants and their maid-servants, of whom there were seven thousand three hundred thirty and seven: they had also two hundred singing men and singing women.
66 Isaan farda 736, gaangolii 245,
Their horses were seven hundred thirty and six; their mules, two hundred forty and five;
67 gaala 435 fi harree 6,720 qabu ture.
Their camels, four hundred thirty and five; their asses, six thousand seven hundred and twenty.
68 Yommuu isaan mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessa jiru sana gaʼanitti hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko akka manni Waaqaa iddoo isaatti deebiʼee ijaaramuuf kennaa fedhiidhaan kennamu ni gumaachan.
And some of the chiefs of the divisions, when they came to the house of the Lord which is at Jerusalem, offered freewill gifts for the house of God to set it up in its place:
69 Isaanis akkuma dandeettii isaaniitti warqee daariikii 61,000, meetii minnaanii 5,000 fi uffata lubootaa 100 horii hojii kanaaf walitti qabametti ni dabalan.
After their ability they gave unto the treasure for the work sixty and one thousand drachms of gold, and five thousand manehs of sliver, and one hundred coats for the priests.
70 Luboonni, Lewwonni, faarfattoonni, eegdonni karraa fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokko wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan; Israaʼeloonni kaan magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan.
And the priests, and the Levites, and some of the people, and the singers, and the gate-keepers, and the temple-servants, dwelt in their cities, and all Israel in their cities.

< Izraa 2 >