< Hisqiʼeel 20 >
1 Waggaa torbaffaa, jiʼa shanaffaa keessa guyyaa kudhannaffaatti maanguddoota Israaʼel keessaa tokko tokko waan Waaqayyo jedhu gaafachuuf dhufanii fuula koo dura tataaʼan.
Ikawa ikaja katika mwaka wa saba, siku ya kumi ya mwezi wa tano, wazee wa Israeli wakaja kumuuliza Yahwe na kuketi mbele yangu.
2 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
Kisha neno la Yahwe likanijia, kusema,
3 “Yaa ilma namaa, akkana jedhii maanguddoota Israaʼelitti dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin yaada koo gaafachuu dhuftanii? Ani jiraataadhaatii, ani akka isin yaada koo gaafattaniif isinii hin eeyyamu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’
“mwanadamu, tangaza kwa wazee wa Israeli na uwaambie, 'Bwana Yahwe asema hivi: Je! Mmekuja kuniuliza swali? Kama niishivyo, sitaulizwa swali na ninyi! -hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo.'
4 “Ati isaanitti murtaa? Yaa ilma namaa, ati isaanitti murtaa? Ergasiis akka isaan hojiiwwan abbootii isaanii jibbisiisoo sana beekan godhi;
Je! Utawahukumu? Utamuhukumu, mwanadamu? Wajulishe kuhusu machukizo ya baba zao.
5 akkanas isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani gaafan Israaʼel filadhetti harka koo ol qabadhee sanyii mana Yaaqoobiif kakachuudhaan biyya Gibxi keessatti isaanitti of mulʼiseera. Harka koo ol kaasee, “Ani Waaqayyo Waaqa keessan” isaaniin jedheera.
Waambie, 'Bwana Yahwe asema hivi: Katika siku niliyoichagua Israeli na kuinua mkono wangu kuapa kiapo kwa uzao wa nyumba ya Yakobo, na kufanya kujulikana mimi mwenyewe kwao katika nchi ya Misri, wakati nilipoinua mkono wangu kuapa kiapo kwao. Nalisema, “Mimi ni Yahwe Mungu wenu”-
6 Gaafas ani biyya Gibxii isaan baasee biyya ani isaaniif file kan aannanii fi damma baastu, biyya biyyoota hunda caalaa miidhagdutti isaan galchuudhaaf isaaniif nan kakadhe.
siku hiyo niliinua mkono wangu kuapa kiapo kwa ajili yao kwamba nitawatoa kutoka nchi ya Misri kwenye nchi ambayo niliyokuwa nimeichagua kwa umakini kwa ajili yao. Ilikuwa ikitiririka maziwa na asali; ilikuwa nzuri sana utukufu miongoni mwa nchi mbali mbali.
7 Anis akkanan isaaniin jedhe; “Tokkoon tokkoon keessan wantoota jibbisiisoo kan iji keessan itti gammadu sana balleessaa; waaqota Gibxiinis of hin xureessinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.”
Nikawaambia, “Kila mtu atupilie mabli mambo ya machukizo kutoka mbele ya macho yake na sanamu za Misri. Msijitie unajisi; mimi ni Yahwe Mungu wenu.”
8 “‘Isaan garuu natti fincilanii na dhagaʼuu didan; wantoota jibbisiisoo iji isaanii itti gammade sanas hin balleessine yookaan waaqota Gibxi tolfamoo sanas hin dhiisne. Kanaafuu ani biyya Gibxi keessatti aarii koo isaanitti baʼuudhaaf dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaasa jedheen ture.
Lakini wameasi juu yangu hawakuwa tayari kunisikiliza. Kila mtu hakutupilia mbali mambo ya machukizo kutoka mbele ya macho yake wala kwa ajili ya sanamu za Misri, hivyo nikaona nimwage ghadhabu yangu juu yao kukamilisha hasira yangu miongoni mwao katikati ya nchi ya Misri.
9 Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota Israaʼeloonni gidduu isaanii jiraatan kanneen ani Israaʼeloota biyya Gibxii baasuudhaan fuula isaanii duratti of beeksise sanaa duratti hin xuroofne gochuudhaaf maqaa kootiif jedheen hojjedhe.
Nilifanya kwa ajili ya jina langu ili lisinajisiwe katika macho ya mataifa ambao walikaa pamoja nao. Nilijifanya mwenyewe kujulikana kwao, katika macho yao, kwa kuwatoa katika nchi ya Misri.
10 Kanaafuu ani biyya Gibxii isaan baaseen gammoojjiitti isaan fide.
Basi nikawatoa katika nchi ya Misri na kuwaleta kwenye jangwa.
11 Akka namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraatuuf ani sirnawwan koo isaaniif nan kenne; seerawwan koos isaanitti nan beeksise.
Kisha nikawapa amri zangu na kufanya maagizo yangu kujulikana kwao, kwa kila mwanadamu atakayezishika ataishi.
12 Akkasumas akka isaan akka ani Waaqayyo isaan qulqulleesse beekaniif, akka anaa fi isaan gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbatoota koo isaaniif nan kenne.
Pia nikawapatia Sabato zangu kama ishara kati yangu na wao, ili wajue kwamba mimi ni Yahwe niwafanyao wawe watakatifu.
13 “‘Manni Israaʼel garuu gammoojjii keessatti natti fincile. Sirna koo isa namni yoo itti bule isaan jiraatu isa hin eegne; seera koos ni tuffatan. Sanbatoota koos guutumaan guutuutti xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti isaanan barbadeessa jedhen ture.
Lakini nyumba ya Israeli imeasi dhidi yangu jangwani. Hawakuenenda katika amri zangu; badala yake, wameyakataa maagizo yangu, ambayo mwanadamu ataishi kama akiyatii. Wamezinajisi Sabato zangu sana, basi nikasema nitamwaga hasira yangu juu yao jangwani ili kuwamalliza.
14 Ani garuu akka maqaan koo fuula saboota utuma iji isaanii arguu Israaʼelin achii baase sanaa duratti hin xuroofneef maqaa kootiif jedhee waan kana nan hojjedhe.
Lakini nilifanya kwa ajili ya jina langu hivyo lisinajisiwe katika macho ya mataifa, ambao niliwatoa mbele ya macho yao kutoka Misri.
15 Akkasumas biyya ani isaaniif kenne kan biyyoota hunda caalaa miidhagdu kan aannanii fi damma baastutti akka isaan hin galchine harka koo ol qabadhee gammoojjii keessatti isaanitti nan kakadhe;
Basi mimi mwenyewe pia nimeinua mkono wangu kuapa kiapo kwao jangwani sitawarudisha kwenye nchi ile niliyokuwa naenda kuwapatia, nchi inayotiririkayo maziwa na asali, ambayo ilikuwa nzuri sana ambayo ni nzuri kati ya nchi zote.
16 kunis waan isaan seera koo tuffataniif, sirna koo duukaa hin buʼinii fi Sanbatoota koo xureessaniif. Yaadni isaanii waaqota isaanii tolfamoo faana buʼeeraatii.
Nimeapa hivi kwa sababu walikataa maagizo yangu na kutotembea katika amri zangu, na wazikufuru Sabato zangu.
17 Taʼus ani gara laafinaanan isaan ilaale malee isaan hin balleessine yookaan gammoojjii keessatti isaan hin fixne.
Lakini jicho langu likawahurumia kutokana na uharibifu na sikuwaangamiza jangwani.
18 Ani gammoojjii keessatti ijoollee isaaniitiin akkana nan jedhe; “Sirna abbootii keessanii duukaa hin buʼinaa yookaan seera isaanii hin eeginaa yookaan waaqota isaanii tolfamoon of hin xureessinaa.
Nikawaambia watoto wao jangwani, “Msitembee kutokana na amri za wazazi wenu; msiweke maagizo yao au kujinajisi wenyewe kwa sanamu.
19 Ani Waaqayyo Waaqa keessan; sirna koo duukaa buʼaa; seera koos of eeggannaadhaan eegaa.
Mimi ni Yahwe Mungu wenu, tembeeni katika amri zangu; tunzeni maagizo yangu na kuyatii.
20 Akka inni nu gidduutti mallattoo taʼuuf Sanbata koo qulqullinaan eegaa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe ni beektu.”
Zitunzeni Sabato zangu takatifu ili kwamba zitakuwa ishara kati yangu na ninyi, hivyo basi mtajua yakwamba mimi ni Yahwe Mungu wenu.”
21 “‘Ijoolleen isaanii garuu natti fincilan; isaan sirna koo isa, “Namni yoo itti bule isaan jiraatu” sana duukaa hin buune; seera koos of eeggannoodhaan hin eegne. Sanbatoota koos ni xureessan. Kanaafuu ani dheekkamsa koo isaanitti roobsee gammoojjii keessatti aarii koo isaanitti nan baʼa jedheen ture.
Lakini watoto wao waliniasi. Hawakutembea kwenye sheria zangu au kushika maagizo yangu, ambazo mwanadamu ataishi kama akizitii. Wamezinajisi Sabato zangu, hivyo nimeamua kumwaga ghadhabu yangu juu yao kutimiza ghadhabu yangu dhidi yao katika jangwa.
22 Ani garuu maqaa kootiif jedhee akka maqaan koo fuula saboota ani utuma isaan ilaalanuu achii isaan baase sanaa duratti hin xuroofneef harka koo dachaafadhe.
Lakini niliurudisha mkono wangu na kutenda kwa ajili ya jina langu, hivyo lisitiwe unajisi katika macho ya mataifa ambao mbele ya macho yao niliwatoa Waisraeli.
23 Akkasumas ani gammoojjii keessatti harka koo ol qabadhee akkan saboota gidduutti isaan faffacaasuu fi biyyoota keessa isaan bittinneessu fuula isaanii duratti nan kakadhe;
Mimi mwenyewe pia nimeuinua mkono wangu kuapa juu yao jangwani, kwamba nitawatawanya kati ya maifa na kuwatawanya miongoni mwa nchi mabali mbali.
24 isaan seera kootiif ajajamuu didan; sirna koos ni tuffatan; Sanbatoota koos ni xureessan; iji isaaniis waaqota tolfamoo kan abbootii isaanii duukaa buʼe.
Nimeamua kufanya hivi kwa kuwa hawakuzitii amri zangu, na tangu walipo zikataa sheria zangu na kuzinajisi Sabato zangu. Macho yao yalizitamani sanamu za baba zao.
25 Anis sirna gaarii hin taʼinii fi seera isaan itti hin jiraannetti dabarseen isaan kenne;
Kisha niliwapa amri ambazo hazikuwa nzuri, na maagizo ambayo hawakuweza kuishi kwayo.
26 anis sodaadhaan isaan guutuufan aarsaa isaan ilmaan isaanii hangafa dhiʼeessuudhaan kennan sanaan akka isaan xuraaʼan nan godha; kanas ani akka isaan akka ani Waaqayyo taʼe beekaniifan godhe.’
Nikawafanya unajisi kwa zawadi zao wakati walipofanya dhabihu za kila limbuko la tumbo la uzazi na kutupa kwenye moto. Nalifanya hivi ili kuwaogofya hivyo wangeweza kujua kwamba mimi ni Yahwe!'
27 “Kanaafuu yaa ilma namaa, akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Kanaanis abbootiin keessan na gananii na arrabsan;
Kwa hiyo, mwanadamu, waambie nyumba ya Israeli na waambie, 'Bwana Yahwe asema hivi: Katika hili pia baba zenu walinikufuru wakati walipokuwa sio waaminifu kwangu.
28 yeroo ani gara biyya ani isaaniif kennuuf kakadhee ture sanaatti isaan galchee isaan immoo gaara ol dheeraa kam iyyuu yookaan muka lalisaa kam iyyuu arganitti, isaan achitti aarsaa isaaniif dhiʼeessan; aariif na kakaasuuf jedhanii qalma dhiʼeessan; ixaana isaanii urgaaʼaa dhiʼeessanii dhibaayyuu isaaniis dhibaafatan.
Wakati nilipowaleta kwenye nchi ambayo niliyokuwa nimewaapia kuwapatia, na kisha popote walipoona jiwe lolote refu na mti wenye majani, walitoa sadaka zao, walinikasirisha kwa sadaka zao, na huko pia walichoma ubani wao wa kunukia na kumwaga sadaka zao za kinywaji.
29 Anis lafti ol dheeraan isin dhaqxan kun maal?’ isaaniin jedhe.” Hamma harʼaatti lafti sun Baamaa jedhamee waamama.
Kisha nikawaambia, “Nini maana ya mahali palipoinuka ambapo mmeleta sadaka huko?” Hivyo jina lake linaitwa Bana hata leo.'
30 “Kanaaf mana Israaʼeliin akkana jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Isin akkuma abbootii keessanii of xureessitanii hawwii wantoota jibbisiisoo isaaniitiin gubattanii?
Kwa hiyo waambie nyumba ya Israeli, 'Bwana Yahwe asema hivi: Je! Kwa nini unajinajisi mwenyewe kwa njia za baba zako? Kwahiyo kwa nini unatenda kama makahaba, kutafuta kwa ajili ya mambo ya machukizo?
31 Isin yeroo kennaa keessan dhiʼeessitanii ilmaan keessan ibiddaan aarsaa gootanitti, hamma harʼaatti ittuma fuftanii waaqota keessan tolfamoo hundaan of xureessitan. Yaa mana Israaʼel, akka isin na kadhattani ani isiniif nan eeyyamaa? Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; akka isin na kadhattan ani isiniif hin eeyyamu.
Kwa kuwa wakati mtoapo zawadi zenu na kuwaweka watoto wenu kwenye moto, siku hii mnajitia unajisi pamoja na sanamu zenu zote. Kwa hiyo kwa nini niwaache mniulize mimi, nyumba ya Israeli? Kama niishivyo-Hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo-Sitawaacha mniulize swali.
32 “‘Isin, “Nu akka sabootaa, akka uummata addunyaa kanneen mukaa fi dhagaadhaaf sagadan sanaa taʼuu feena” jettu. Garuu wanni isin garaatti yaaddan gonkumaa hin taʼu.
Mawazo yanayoumbika kwenye moyo wako hayatatokea kamwe. Mmesema, “Ngoja tuwe kama mataifa mengine, kama koo za nchi nyingine waabuduo mti na jiwe.”
33 Ani dhugumaan jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; ani irree jabaa fi harka diriirfameen, dheekkamsa roobsuudhaan isinan bulcha.
Kama niishivyo-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo-Nitatawala hakika juu yenu kwa mkono wenye nguvu, mkono ulionyooshwa, na ghadhabu itakayomwagwa juu yenu.
34 Ani harka jabaadhaan, irree diriirfamee fi dheekkamsa roobeen saboota keessaa isinan fida; biyyoota isin itti bibittinnooftan keessaas walitti isinan qaba.
Nitawatoa kutoka kwa watu wengine na kuwakusanya kutoka kwenye nchi mlizotawanyika ndani mwao. Nitafanya hivi kwa mkono hodari na kwa ghadhabu iliyomwagika.
35 Ani gammoojjii sabootaatti isin fidee achitti ifaan ifatti isinitti nan mura.
Kisha nitawaleta kwenye jangwa la watu, na huko nitawahukumu uso kwa uso.
36 Ani akkuman biyya Gibxitti abbootii keessanitti mure sana isinittis nan mura, jedha Waaqayyo Gooftaan.
Kama nilivyo wahukumu baba zenu katika jangwa la nchi ya Misri, hivyo pia nitawahukumu-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo.
37 Ani akka isin ulee koo jalaan lootan nan godha; hidhaa kakuuttis isin nan galcha.
Nitawafanya mpite chini ya fimbo yangu, na nitawafanya kutii maagizo yangu ya agano.
38 Warra natti kaʼanii natti fincilan isin keessaa nan baasa. Biyya isaan jiraachaa turan sana keessaa isaan nan baasa; garuu isaan biyya Israaʼel hin seenan. Kanaanis isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
Nitawasafisha kutoka miongoni mwenu maasi na wale ambao walionichukiza. Nitawatoa kutoka nchi ambayo wanayoishi kama wageni, lakini hawataingia kwenye nchi ya Israeli. Kisha mtajua yakwamba mimi ni Yahwe.
39 “‘Yaa mana Israaʼel waaʼee keessan garuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Tokkoon tokkoon keessan dhaqaatii waaqota tolfamoo keessan tajaajilaa! Ergasii garuu dhugumaan na dhaggeeffattu; kennaa fi waaqota keessaniinis lammata maqaa koo qulqullicha hin xureessitan.
Basi kwenu, nyumba ya Israeli, Bwana Yahwe asema hivi: Kila mmoja wenu ataenda kwa sanamu zake mwenyewe. Muwaabudu kama mtakataa kunisikiliza, lakini hamtalikufuru tena jina langu takatifu kwa zawadi zenu na sanamu zenu.
40 Tulluu koo qulqullicha irratti, tulluu Israaʼel dheeraa sana irratti, jedha Waaqayyo Gooftaan, achitti guutummaan mana Israaʼel na tajaajilu; anis achitti isaan nan simadha. Achittis buusii keessanii fi kennaa keessan filatamaa sana aarsaa keessan qulqulluu hunda wajjin nan barbaada.
Kwa kuwa juu ya mlima wangu mtakatifu, juu ya kilele cha mlima wa Israeli-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo-wote wa nyumba ya Israeli mtaniabudu huko katika nchi. Nitabarikiwa kwa kutaka sadaka zenu huko, na pia malimbuko yenu ya shukrani pamoja na vitu vyenu vyote vitakatifu.
41 Ani yeroon saboota keessaa isin baasee biyyoota isin itti bittinnooftanii turtan keessaa walitti isin qabutti, ixaana urgaaʼaa godhadhee isin nan simadha; fuula sabootaa durattis isin gidduutti qulqulluu taʼuu koo of nan mulʼisa.
Nitawapokea kama harufu nzuri ya ubani wakati nitakapowatoa kutoka wale watu na kuwakusanya toka nchi ambazo mlizotawanyika. Nitajifunua mimi mwenyewe kama mtakatifu ndani yenu kwa ajili ya mataifa waone.
42 Yeroo ani biyya Israaʼel, biyya ani abbootii keessaniif kennuuf harka ol qabadheen kakadhee ture sanatti isin galchutti isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
Kisha, wakati nitakapowaleta katika nchi ya Israeli, kwenye nchi ambayo niliuinulia mkono wangu kuapa kuwapatia baba zenu, mtajua yakwamba mimi ni Yahwe.
43 Achitti isin amala keessanii fi gochawwan ittiin of xureessitan hunda ni yaadattu; hammina hojjettan hundaafis of balfitu.
Kisha mtazikumbuka njia zenu mbaya huko, na matendo yenu yote machafu mliyoyafanya wenyewe, na mtajichukia wenyewe katika macho yenu kwa matendo yenu yote maovu mliyoyafanya.
44 Yaa mana Israaʼel, yeroo ani utuu akka hammina keessaniittii fi akka hojii keessan fokkisaa sanaatti hin taʼin, maqaa kootiif jedhee isinii araaramutti, isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”
Hivyo mtajua kwamba mimi ni Yahwe nifanyapo haya kwenu kwa ajili ya jina langu, sio kwa njia zenu mbaya au matendo yenu mabovu, nyumba ya Israeli-hivi ndivyo Bwana Yahwe asemavyo.”'
45 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
Kisha neno la Yahwe likanijia, kusema,
46 “Yaa ilma namaa, fuula kee gara kibbaatti garagalfadhu; biyya kibbaatti lallabiitii bosona biyya Negeebiitiin mormuudhaan raajii dubbadhu.
“Mwanadamu, weka uso wako kuelekea nchi za kusini, na kuongea juu ya kusini; tabiri juu ya msitu wa Negebu.
47 Bosona Negeebiin akkana jedhi: ‘Dubbii Waaqayyoo dhagaʼi. Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani ibidda sitti qabsiisuufan jira; innis mukkeen kee hunda jiidhaa fi goggogaa illee ni fixa. Arrabni isaa hin dhaamu; wanni kibbaa hamma kaabaatti jiru hundinuus ni gubama.
Uuambie msitu wa Negebu, 'Hivi ndivyo Yahwe asemavyo-Bwana Yahwe asema hivi: Tazama, nitaweka moto ndani yako. Utakula kila mti mbichi na kila mti mkavu ndani yako. Miali ya moto haitazimika; na kila uso utokao kusini hata kaskazini utateketezwa kwa moto.
48 Namni hundinuus akka ani Waaqayyo ibidda sana qabsiise ni beeka; ibiddi sunis hin dhaamu.’”
Kisha watu wote wenye mwili watajua yakwamba mimi ni Yahwe nimeuwasha moto, na hautazimika.”'
49 Anis, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani bade! Isaan waaʼee koo, ‘Inni fakkeenya dubbata mitii?’ anaan jedhu” jedhe.
Kisha nimesema, Ee! Bwana Yahwe, Wananisema mimi, 'Je! yeye sio mwenye kusema mafumbo?”'