< Asteer 5 >
1 Guyyaa sadaffaatti Asteer uffata ishee kan mootummaa uffatee dhaqxee oobdii masaraa mootichaa kan gara keessaa irra fuula galma mootichaa dura dhaabatte. Mootichi immoo galma sana keessa gara balbalaatti garagalee teessoo mootummaa isaa irra taaʼee ture.
Siku ya tatu, Esta alivaa mavazi yake ya kimalkia, naye akasimama katika ua wa ndani wa jumba la mfalme, mbele ya ukumbi wa mfalme. Naye mfalme alikuwa akiketi katika kiti chake cha kifalme katika ukumbi, akielekea langoni.
2 Mootichis utuu Asteer Mootittiin oobdii keessa dhaabachaa jirtuu argee isheetti gammadee bokkuu warqee kan harkatti qabatee ture sana isheef diriirse. Kanaafuu Asteer itti dhiʼaattee fiixee bokkuu sanaa tuqxe.
Alipomwona Malkia Esta amesimama uani alipendezwa naye, akamnyooshea fimbo ya utawala ya dhahabu ile iliyokuwa mkononi mwake. Kwa hiyo Esta alikaribia na kuigusa ncha ya fimbo ya mfalme.
3 Mootichi, “Yaa Asteer Mootittii maal siif godhu? Maal barbaadda? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan siif ni kennama” jedheen.
Kisha mfalme aliuliza, “Malkia Esta, ni nini? Ombi lako ni nini? Hata kama ni nusu ya ufalme, utapewa.”
4 Asteeris, “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, mootichi gara cidha ani isaaf qopheesse sanaa Haamaan wajjin harʼa haa dhufu” jettee deebifteef.
Esta akajibu, “Kama itampendeza mfalme, mfalme pamoja na Hamani waje leo katika karamu ambayo nimeiandaa kwa ajili yake.”
5 Mootichis, “Akka waan Asteer jette sana goonuuf dafaatii Hamaa fidaa” jedhe. Kanaafuu mootichii fi Haamaan gara cidha Asteer qopheessite sanaa dhaqan.
Mfalme akasema, “Mleteni Hamani mara moja, ili tupate kufanya lile Esta analoomba.” Kwa hiyo mfalme na Hamani walihudhuria karamu aliyoiandaa Esta.
6 Utuma daadhii wayinii dhuganuu mootichi amma illee akkana jedhee Asteerin gaafate; “Mee wanni ati kadhattu maal? Wanni sun siif kennama. Gaaffiin kee maali? Walakkaa mootummaa koo illee taanaan siif kennama.”
Walipokuwa wakinywa mvinyo mfalme akamuuliza Esta tena, “Sasa haja yako ni nini? Utapewa. Ombi lako ni nini? Hata nusu ya ufalme, utapewa.”
7 Asteeris akkana jettee deebifteef; “Wanni ani kadhadhuu fi gaaffiin koo kanaa dha:
Esta akajibu, “Haja yangu na ombi langu ni hili:
8 Yoo ani fuula mootichaa duratti surraa argadhee mootichis kadhannaa koo fudhatee waan ani isa gaafadhe naaf guutuun isa gammachiise, mootichii fi Haamaan cidha ani isaaniif qopheessu irratti bor haa argaman. Ani ergasii gaaffii mootichaa nan deebisa.”
Kama mfalme ameona vyema, nami nimepata kibali kwake na kama ikimpendeza mfalme kunipa ombi langu na kunitimizia haja yangu, mfalme na Hamani waje kwangu kesho katika karamu nitakayowaandalia. Kisha nitajibu swali la mfalme.”
9 Gaafas Haamaan gammadee itti tolee gad baʼe. Inni garuu karra mootichaa duratti Mordekaayiin argee yommuu akka inni isaaf hin kaʼin yookaan isa hin sodaatin hubatetti Mordekaayiitti akka malee aare.
Hamani alitoka siku hiyo kwa furaha na moyo mchangamfu. Lakini alipomwona Mordekai langoni mwa mfalme na kuona kwamba hakusimama wala hakuonyesha hofu mbele yake, alijawa na ghadhabu dhidi ya Mordekai.
10 Taʼu illee Haamaan of qabee mana isaatti gale. Ergasiis michoota isaatii fi niitii isaa Zeresh walitti qabe;
Hata hivyo, Hamani alijizuia akaenda zake nyumbani. Akawaita pamoja rafiki zake na Zereshi, mkewe.
11 Haamaanis qabeenya isaa guddaa sanaan, ilmaan isaa hedduu sanaan akkasumas ulfina mootichi isaaf kenne hundaa fi akkaataa itti mootichi qondaaltota isaatii fi tajaajiltoota isaa kaanii olitti isa guddiseen isaanitti of jaje.
Hamani akajisifia kwao juu ya utajiri wake mwingi, wanawe wengi na kwa njia zote ambazo mfalme amemheshimu kwazo na jinsi alivyomweka juu ya wakuu na maafisa wengine.
12 Haamaan itti fufee akkana jedhe; “Kana qofa miti; namni Asteer Mootittiin akka mooticha wajjin gara cidha qopheessite sanaa dhufu waamte anuma qofa. Boris akkasuma mooticha wajjin na affeerteerti.
Hamani akaongeza, “Si hayo tu. Mimi ndiye mtu pekee ambaye Malkia Esta amemwalika kumsindikiza mfalme kwenye karamu aliyomwandalia. Naye amenialika pamoja na mfalme kesho.
13 Taʼus wanni kun hundinuu utuu ani Mordekaayi Yihuudicha isaa karra mootichaa dura taaʼu arguu na hin gammachiisu.”
Lakini haya yote hayanipi kuridhika iwapo ninaendelea kumwona yule Myahudi Mordekai akiketi kwenye lango la mfalme.”
14 Niitiin isaa Zeresh fi michoonni isaa hundinuu, “Muka itti nama fannisan kan dhundhuma shantama ol dheeratu dhaabiitii akka Mordekaayi bor ganama irratti fannifamu mooticha gaafadhu. Ergasiis mooticha wajjin gara cidha sanaa dhaqii gammadi” jedhaniin. Yaadni kun Haamaanin gammachiise; innis muka sana dhaabe.
Zereshi mkewe na rafiki zake wote wakamwambia, “Tengeneza mahali pa kuangika watu kimo chake dhiraa hamsini, kisha kesho asubuhi mwombe mfalme Mordekai aangikwe juu yake. Ndipo uende na mfalme kwenye karamu kwa furaha.” Shauri hili lilimpendeza Hamani, naye akajenga mahali pa kuangika watu.