< Daaniʼel 5 >
1 Beelshaazaar mootichi qondaaltota isaa kuma tokkoof dhangaa guddaa qopheessee fuula isaanii duratti daadhii wayinii dhuge.
King Belshazzar prepared a great feast for a thousand of his lords, and before these thousand did he drink wine.
2 Beelshaazaaris utuu daadhii wayinii dhugaa jiruu akka innii fi qondaaltonni isaa, niitonnii fi saajjatoowwan isaa ittiin dhuganiif akka isaan xoofoo warqeetii fi meetii kan abbaan isaa Nebukadnezar mana qulqullummaa Yerusaalemii fide sana fidan ajaje.
Belshazzar ordered, through the counsel of the wine, to bring in the golden and silver vessels which his father Nebuchadnezzar had taken away out of the temple which was in Jerusalem: that the king, and his lords, his wives, and his concubines, might drink therefrom.
3 Kanaafuu isaan xoofoo warqee kan mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalemii fudhataman sana fidan; mootichi, qondaaltonni, niitonnii fi saajjatoowwan isaa ittiin dhugan.
Then they brought in the golden vessels that were taken away out of the temple of the house of God which was at Jerusalem; and the king, and his lords, his wives, and his concubines, drank from them.
4 Isaan utuma daadhii wayinii sana dhugaa jiranuu, waaqota warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, kan mukaatii fi dhagaa galateeffatan.
They drank wine, and praised their gods of gold, and of silver, of copper, of iron, of wood, and of stone.
5 Akkuma tasaa qubni harka namaa mulʼatee keenyan manaa kan masaraa mootii keessa baattuu ibsaa bira jiru irratti barreesse. Mootichis harka sana utuu inni barreessuu arge.
At that same hour came forth fingers of a man's hand, and wrote opposite to the chandelier upon the plaster of the wall of the king's palace: and the king saw the part of the hand that wrote.
6 Fuulli mootichaa ni geeddaramee; innis sodaadhaan guutamee jilbii isaa hollatee waldhaʼe; miilli isaas ni laafe.
Then was the king's color changed, and his thoughts troubled him: so that the bands of his loins were loosed, and his knees knocked one against the other.
7 Mootichis sagalee isaa ol fuudhee akka mortoota, warra urjii ilaalanii fi ilaaltota ol isaaf galchan ajaje. Ogeeyyii Baabiloniinis akkana jedhe; “Nama katabbii kana dubbisee hiikkaa isaa natti himu kamitti iyyuu uffanni diimaan dhiilgeen uffifamee morma isaatti faayi warqee ni kaaʼamaaf; mootummaa koo keessattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taʼa.”
the king called with might to bring in the astrologers, the Chaldeans, and the soothsayers. The king commenced, and said to the wise men of Babylon, Whatsoever man will read this writing, and tell me its interpretation, shall be clothed with purple, and have a chain of gold about his neck, and shall rule as the third in the kingdom.
8 Ergasiis ogeeyyiin mootichaa hundi ol seenan; isaan keessaa garuu namni katabbii sana dubbisuu yookaan hiikkaa isaa mootichatti himuu dandaʼu tokko iyyuu hin argamne.
Then came in all the wise men of the king; but they were not able to read the writing, nor to make its interpretation known to the king.
9 Kana irratti Beelshaazaar mootichi kan duraa caalaa sodaatee fuulli isaa geeddarame; qondaaltonni isaas waan godhan wallaalan.
Then was king Belshazzar greatly terrified, and his color was changed on him, and his lords were confounded.
10 Mootittiinis waca mootichaatii fi qondaaltota isaa dhageessee galma cidha sanaa ol seente. Isheenis akkana jette; “Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Hin rifatin; fuulli kees hin geeddaramin!
[Now] the queen in consequence of the words of the king and of his lords came into the banquet-house; the queen commenced and said, O king, live for ever; let thy thoughts not trouble thee, nor let thy color be changed:
11 Mootummaa kee keessa namichi hafuurri waaqota qulqullootaa keessa jiru tokko jira. Namichi kun bara abbaa keetii keessa nama hubannaa, beekumsaa fi ogummaa akkuma waaqotaa qabu taʼee argame. Abbaan kee Nebukadnezar Mootichi, itti gaafatamaa tolchitootaa, mortootaa, kan warra urjii ilaalaniitii fi ilaaltotaa godhee isa muudee ture.
There is a man in thy kingdom in whom is the spirit of the holy gods; and in the days of thy father enlightenment and intelligence and wisdom, like the wisdom of the gods, were found in him: and king Nebuchadnezzar thy father appointed him chief of the magicians, astrologers, Chaldeans, and soothsayers: —yes, thy father, O king.—
12 Daaniʼel namichi mootichi Beelxishaazaari jedhee waamu kun nama hafuurri gaariin, beekumsii fi hubannaan keessa jiru taʼee argame; innis abjuu, hibboo fi rakkoo hiikuuf dandeettii addaa qaba ture. Daaniʼelin waami; innis hiikkaa katabbii kanaa sitti himaatii.”
Forasmuch as a superior spirit, and knowledge, and intelligence, interpreting of dreams, and solving of riddles, and of untying knotty [doubts], were found in him, in Daniel, to whom the king assigned the name of Belteshazzar: now let Daniel be called, and he will tell the interpretation.
13 Kanaafuu Daaniʼel fuula mootichaa duratti dhiʼeeffame; mootichis akkana jedheen; “Warra abbaan koo mootichi boojiʼee Yihuudaadhaa fide keessaa kan Daaniʼel jedhamu siʼii?
Then was Daniel brought in before the king: the king commenced and said unto Daniel, Art thou Daniel, who art of the children of the exiles of Judah, whom the king my father brought out of Judah?
14 Ani akka hafuurri waaqotaa si keessa jiruu fi akka ati hubannaa, beekumsaa fi ogummaa addaa qabdu dhagaʼeera.
And I have heard of thee, that the spirit of the gods is in thee, and that enlightenment and intelligence and superior wisdom are found in thee.
15 Ogeeyyiinii fi mortoonni akka katabbii kana dubbisanii hiikkaa isaa natti himaniif fuula koo duratti fidamanii turan; isaan garuu ibsuu hin dandeenye.
And now the wise men, the astrologers, had been brought before me, that they should read this writing, and make known unto me its interpretation; but they were not able to tell the interpretation of the matter.
16 Ani akka ati hiikkaa kennitee rakkoofis fala kennuu dandeessu dhagaʼeera. Yoo ati katabbii kana dubbiftee hiikkaa isaa natti himuu dandeesse, uffata diimaa dhiilgeetu sitti uffifama; faayi warqees morma keetti siif kaaʼama; mootummaa koo keessattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taata.”
But I have truly heard concerning thee, that thou art able to give interpretations, and untie knotty [doubts]: now if thou art able to read the writing, and make known to me its interpretation, thou shalt be clothed with purple, with a chain of gold about thy neck, and shalt rule as the third in the kingdom.
17 Kana irratti Daaniʼel deebisee mootichaan akkana jedhe; “Kennaan kee sumaaf haa hafu; badhaasni kee immoo nama biraatiif haa kennamu. Taʼu iyyuu ani katabbicha dubbisee hiikkaa isaa mootichatti nan hima.
Then answered Daniel and said before the king, Let thy gifts remain in thy possession, and bestow thy bounty on another: nevertheless will I read the writing unto the king, and make known to him the interpretation.
18 “Yaa mootii, Waaqni Waan Hundaa Olii abbaa kee Nebukadnezariif surraa fi guddina, ulfinaa fi kabaja kenne.
O thou king! the most high God gave kingdom, and greatness, and glory, and honor unto Nebuchadnezzar thy father;
19 Sababii ol aantummaa inni isaaf kenneef saboonnii fi mootummoonni hundi, namoonni afaan garaa garaa dubbatan ni hollataniif; isa sodaatanis. Mootichis warra ajjeesuu barbaade ni ajjeesa; warra oolchuu barbaade ni oolcha, kan muuduu barbaade ni muuda, kan salphisuu barbaades ni salphisa ture.
And because of the greatness that he had given unto him, all people, nations, and languages trembled and shook before him: whom he pleased he slew; and whom he pleased he kept alive; and whom he pleased he lifted up; and whom he pleased he brought low.
20 Gaafa garaan isaa of tuulee mataa jabaatetti garuu inni teessoo isaa irraa kaafamee ulfinni isaas isa irraa fudhatame.
But, when his heart was lifted up, and his spirit hardened to deal presumptuously, he was cast down from the throne of his kingdom, and his dignity did they take from him;
21 Inni uummata keessaa ariʼamee qalbiin horii kennameef; harroota diidaa wajjin jiraatee akka loonii marga nyaate; inni hamma akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni abbaa fedhe isaan irratti muudu beekutti dhagni isaa fixeensa samiitiin jiidhe.
And from the sons of men was he driven forth, and his heart became equal with [that of] the beasts, and with the wild asses was his dwelling; they suffered him to eat herbs like oxen, and with the dew of heaven was his body made wet: till he acknowledged that the most high God ruleth over the kingdom of men, and that he appointeth over it whomsoever he pleaseth.
22 “Yaa Beelshaazaar, ati ilmi isaa utuma waan kana hunda beektuu mataa kee gad hin qabanne.
And thou his son, O Belshazzar, hast not humbled thy heart, though thou knewest all this;
23 Qooda kanaa ati Gooftaa samii irratti mataa ol qabatte. Ati xoofoowwan mana qulqullummaa isaatii fichisiiftee atii fi qondaaltonni kee, niitonnii fi saajjatoowwan kee isaan keessaa dhugdan. Ati waaqota meetii, warqee, naasii, sibiilaa, mukaatii fi kan dhagaa kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan hubachuu hin dandeenye jajatte. Waaqa lubbuu keetii fi karaa kee hunda harka isaatti qabatee jiru garuu hin ulfeessine.
But against the Lord of heaven hast thou lifted thyself up; and the vessels of his house have they brought before thee, and thou, and thy lords, thy wives, and thy concubines, have drunk wine from them; and the gods of silver, and gold, of copper, iron, wood, and stone, which neither see, nor hear, nor know, hast thou praised; and the God in whose hand thy soul is, and whose are all thy ways, hast thou not glorified:
24 Kanaafuu inni harka katabbii sana barreesse erge.
Thereupon was sent from before him the part of the hand, and this writing was noted down.
25 “Katabbiin barreeffamee tures kana: Maanee, Maanee, Teeqeel, Faares.
And this is the writing that was noted down, M'ne, M'ne, T'kel, Upharsin.
26 “Hiikkaan isaas kana: “Maanee jechuun Waaqni bara kee murteessee gara dhumaatti fide jechuu dha.
This the interpretation of the matter: M'ne, God hath numbered thy kingdom, and made an end of it.
27 “Teeqeel jechuun ati madaalliidhaan madaalamtee salphattee argamte jechuu dha.
T'kel, Thou least been weighed in the balances, and been found wanting.
28 “Faares jechuun mootummaan kee qoodamee namoota Meedeetii fi Faaresiitiif kenname jechuu dha.”
P'ress; Thy kingdom hath been divided, and is given to the Medes and Persians.
29 Ergasii ajaja Beelshaazaariin Daaniʼelitti uffata diimaa dhiilgee uffisan; morma isaattis faaya warqee kaaʼaniif; mootummaa sana irrattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taʼee muudame.
Then gave Belshazzar the order, and they clothed Daniel with purple, with a chain of gold about his neck, and they made a proclamation concerning him, that he should rule as the third in the kingdom.
30 Halkanuma sana Beelshaazaar mootiin Baabilonotaa ajjeefame;
In that very night was Belshazzar the king of the Chaldeans slain.
31 Daariyoos namichi Meedee umurii isaa jaatamii lammaffaatti mootummaa sana fudhate.
And Darius the Median obtained the kingdom, when he was sixty and two years old.