< Qolosaayis 1 >

1 Phaawulos isa fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa,
Paŭlo, apostolo de Kristo Jesuo per la volo de Dio, kaj Timoteo, nia frato,
2 Gara qulqulloota, obboloota Kiristoosiin amanamoo taʼan kanneen Qolosaayis jiraataniitti: Abbaa keenya Waaqa biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
al la sanktuloj kaj fidelaj fratoj en Kristo, kiuj estas en Kolose: Graco al vi kaj paco estu de Dio, nia Patro.
3 Nu yommuu isiniif kadhannutti Waaqa, Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos yeroo hunda ni galateeffanna;
Ni dankas Dion, la Patron de nia Sinjoro Jesuo Kristo, ĉiam preĝante por vi,
4 amantii isin Kiristoos Yesuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdan sana dhageenyeerraatii;
aŭdinte pri via fido en Kristo Jesuo kaj pri via amo al ĉiuj sanktuloj,
5 kunis sababii abdii samii keessatti isinii kuufame sanaatiif; isin waaʼee abdii kanaa duraanuu dubbii dhugaa, wangeela keessatti dhageessaniirtu;
pro la espero konservita por vi en la ĉielo, pri kiu vi jam antaŭe aŭdis en la vorto de la vero de la evangelio,
6 wangeelli kunis isin bira gaʼeera. Wangeelli kunis gaafa isin isa dhageessanii dhugumaan ayyaana Waaqaa hubattanii jalqabee akkuma isin gidduutti hojjechaa ture sana addunyaa guutuu keessattis ija naqachaa fi guddachaa jira.
kiu venis ĝis vi, kiel ankaŭ en la tuta mondo ĝi estas fruktodona kaj kreskanta, kiel ankaŭ en vi de post tiu tago, en kiu vi aŭdis kaj eksciis la gracon de Dio laŭ la vero;
7 Kanas tajaajilaa jaallatamaa hidhata keenya taʼe Ephaafiraa irraa barattaniirtu; innis Kiristoosiif tajaajilaa amanamaa taʼee iddoo keenya kan buʼee dha;
kiel vi lernis de Epafras, nia amata kunservanto, kiu estas fidela diakono de Kristo pro ni,
8 inni waaʼee jaalala keessan kan Hafuurri isinii kenne sanaas nutti himeera.
kaj kiu ankaŭ sciigis nin pri via amo en la Spirito.
9 Sababii kanaaf nu gaafa waaʼee keessan dhageenyee jalqabnee isinii kadhachuu fi akka Waaqni karaa ogummaatii fi hubannaa hafuuraa hundaan beekumsa fedhii isaatiin isin guutu kadhachuu hin dhiifne.
Tial ni ankaŭ, de post la tago, en kiu ni tion aŭdis, ne ĉesas preĝi kaj peti por vi, ke vi pleniĝu per la scio de Lia volo en ĉia spirita saĝo kaj prudento,
10 Kunis akka isin hojii gaarii hundaan ija naqachaa, Waaqa beekuudhaanis guddachaa, jireenya Gooftaaf maluu fi kan karaa hundaan isa gammachiisu jiraattaniif;
por ke vi iradu inde je la Sinjoro, al ĉia plaĉado, en ĉia bona farado fruktodonaj kaj kreskantaj en la scio de Dio;
11 isinis jajjabinaa fi obsa guddaa akka qabaattaniif, akkuma aangoo isaa ulfina qabeessa sanaatti humna hundaan jabaachaa, gammadaas
fortigitaj per ĉia forto laŭ la potenco de Lia gloro, por ĉia pacienco kaj toleremeco kun ĝojo;
12 Waaqa Abbaa kan akka isin mootummaa ifaa keessatti qulqulloota wajjin dhaala keessatti hirmaattan isin dandeessise sana galateeffadhaa.
dankante la Patron, kiu taŭgigis nin por partopreno en la heredaĵo de la sanktuloj en lumo,
13 Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii;
kaj liberigis nin el la potenco de mallumo, kaj transportis nin en la regnon de la Filo de Sia amo;
14 nus isumaan furama, jechuunis dhiifama cubbuu arganneerra.
en kiu ni havas la elaĉeton, la pardonon de pekoj;
15 Inni fakkaattii Waaqa hin mulʼanne sanaa ti; uumama hundaafis hangafa.
li estas bildo de la nevidebla Dio, la unuenaskito inter la tuta kreitaro;
16 Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni samii keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman.
ĉar en li kreiĝis ĉio en la ĉielo kaj sur la tero, ĉio videbla kaj nevidebla, ĉu tronoj, ĉu regecoj, ĉu estrecoj, ĉu aŭtoritatoj; ĉio kreiĝis per li, kaj por li;
17 Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata.
kaj li estas antaŭ ĉio, kaj en li ĉio ekzistas.
18 Inni mataa dhagna isaa, mataa waldaa kiristaanaa ti; waan hunda irratti ol aantummaa akka qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; warra duʼan keessaa kaafamuudhaanis hangafa.
Kaj li estas la kapo de la korpo, la eklezio; kaj li estas la komenco, la unuenaskita el la mortintoj, por ke li fariĝu superulo en ĉio.
19 Waaqni guutummaan isaa hundi isa keessa jiraachuu isaatti gammadeeraatii;
Ĉar la Patro bonvolis, ke en li la tuta pleneco loĝu;
20 dhiiga isaa kan fannoo irratti dhangalaʼe sanaanis nagaa buusuudhaan waan lafa irra jiru yookaan waan samii keessa jiru hunda karaa isaatiin ofitti araarseeraatii.
kaj per li kunakordigi ĉion al Si mem, pacon farinte per la sango de lia kruco; per li ĉion, ĉu sur la tero, ĉu en la ĉielo.
21 Isinis dur amala keessan hamaa sanaan Waaqatti orma taatanii yaada keessaniinis diinota turtan.
Kaj vin, iam fremdigitajn, kaj mense malamikojn en malbonaj faroj, li tamen jam kunakordigis
22 Amma garuu qulqulloota mudaa hin qabnee fi warra hirʼina hin qabne godhee fuula isaa duratti isin dhiʼeessuuf dhagna foon Kiristoosiin, karaa duʼa isaatiin isin araarseera;
en la korpo de sia karno, per morto, por starigi vin sanktaj kaj senmakulaj kaj neriproĉeblaj antaŭ li;
23 kunis yoo isin amantii keessaniin itti fuftan, yoo jabaattanii dhaabattanii fi yoo isin abdii wangeelaa irraa hin sochoone taʼa. Wangeelli kunis isuma isin dhageessanii fi isuma samii gaditti uumama hundatti lallabamee dha; ani Phaawulosis wangeeluma kanaaf tajaajilaa taʼeera.
se efektive vi restas en la fido, fonditaj kaj fiksitaj kaj firmaj en la espero de la evangelio, kiun vi aŭdis, kiu estas predikita tra la tuta kreitaro sub la ĉielo, kaj kies diakono mi, Paŭlo, fariĝis.
24 Ani amma isiniif dhiphachuu kootti nan gammada; waan dhiphina Kiristoos dhagna isaatiif jechuunis waldaa kiristaanaatiif jedhee dhiphate sana keessaa hirʼates ani foon kootiin nan guuta.
Nun mi ĝojas pri miaj suferoj pro vi, kaj plenigas la mankon de la afliktoj de Kristo en mia karno pro lia korpo, kiu estas la eklezio;
25 Ergama Waaqni natti kenneen ani akka dubbii Waaqaa guutummaatti isinii dhiʼeessuuf tajaajilaa waldaa kiristaanaa taʼeera;
kies diakono mi fariĝis laŭ la aranĝo de Dio, donita al mi pro vi, por plenumi la vorton de Dio,
26 dubbiin kunis icciitii barootaa fi dhaloota jalaa dhokfamee turee dha; amma garuu qulqulloota isaatti mulʼifameera. (aiōn g165)
la misteron, kiu estas kaŝita for de la mondaĝoj kaj de la generacioj, sed nun klarigita al liaj sanktuloj, (aiōn g165)
27 Waaqni badhaadhummaan ulfina icciitii kanaa hammam guddaa akka taʼe Namoota Ormaa gidduutti qulqulloota isaatti beeksisuu filateera; icciitiin kunis Kiristoos, abdii ulfinaa isa isin keessa jiruu dha.
al kiuj Dio volis sciigi, kia estis la riĉeco de la gloro de ĉi tiu mistero inter la nacianoj; kiu estas Kristo en vi, la espero de gloro;
28 Nus isuma lallabna; nama hunda kan guutumaan guutuutti Kiristoositti bilchaataa taʼe akka dhiʼeessinuuf, tokkoo tokkoo namaa ogummaa hundaan gorsaa barsiisna.
kaj kiun ni anoncas, admonante ĉiun homon kaj instruante ĉiun homon en ĉia saĝo, por ke ni starigu ĉiun homon perfekta en Kristo Jesuo;
29 Kanaafuu ani akkuma hojii humna isaa kan ciminaan na keessatti hojjetu sanaatti carraaqaa nan dhimma.
por tiu celo mi ankaŭ laboras, klopodante laŭ lia energio, kiu energias en mi kun potenco.

< Qolosaayis 1 >