< Amoos 9 >
1 Utuu Gooftaan iddoo aarsaa bira dhaabatuu nan arge; innis akkana jedhe: “Akka buusaawwan balbalaa raafamaniif fiixee utubaa dhaʼi. Mataa nama hundaa irratti gad isaan harcaasi; warra hafe immoo anatu goraadeedhaan fixa. Tokkoon isaanii iyyuu baqatanii hin baʼan; isaan keessaa namni tokko iyyuu hin miliqu.
Nilimwona Bwana amesimama karibu na madhabahu, na akasema, “Vipige vichwa vya nguzo ili kwamba misingi itikisike. Vivunje vipande vipande juu ya vichwa vyao vyote, nami nitamwua kwa upanga wa mwisho wao. Hakuna hata mmoja wao atakaye kimbia, hakuna hata mmoja wao atakayekimbia.
2 Yoo isaan boolla qilee qotatan iyyuu harki koo achii isaan fuudha. Yoo isaan samiitti ol baʼan iyyuu ani achii gad isaan nan buusa. (Sheol )
Hata kama watachimba kwenye Sheoli, kuna mkono wangu utawachukua. Hata kama watapanda juu kwenda mbingunu, huko nitawaleta chini. (Sheol )
3 Yoo isaan fiixee Qarmeloos irra dhokatan iyyuu, ani achii adamsee qabee gad isaan nan fida. Yoo isaan galaana jala na dhokatan iyyuu, ani akka inni achitti isaan idduuf bofa itti nan ajaja.
Hata kama watajificha juu ya Karmeli, nitawatafuta huko na kuwachukua. Hata kama watajificha kwenye vilindi vya bahari nisiwaone, nimwagiza joka, na atawang'ata.
4 Yoo diinonni isaanii boojiʼanii isaan fudhatan, achitti goraadee isaan fixxu itti nan ajaja. “Ani waan gaariidhaaf utuu hin taʼin waan hamaadhaaf ija koo isaan irra nan buusa.”
Hata kama wataenda kwenye utumwa, watabanwa na maadui zao mbele yao, nitauagiza upanga huko, na utawau. Nitaelekeza macho yangu juu yao kwa ubaya sio kwa uzuri.”
5 Gooftaan, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu lafa ni tuqa; isheenis ni baqxi; wanni ishee irra jiraatu hundinuu ni booʼa; biyyattiin guutuun akka laga Abbayyaa ol kaati; ergasiis akka laga Gibxi gad galti;
Bwana Mungu wa majeshi ndiye agusaye nchi na ikayeyuka; wote waishio humo wataomboleza; yote yatainuka kama Mto, na itadidimia tena kama mto wa Misri.
6 inni darbii isaa ol dheeraa samii irratti ijaarratee hundee isaa lafa irra dhaabbatu, inni bishaanota galaanaa waamee fuula lafaa irratti gad roobsu sun maqaan isaa Waaqayyo.
Ni yeye ndiye avijengaye vyumba vyake mbinguni, na kuanzisha kuba yake juu ya dunia. Yeye huita maji ya bahari, na kuyamwaga juu ya uso wa dunia, Yahwe ndiye jina lake.
7 “Isin Israaʼeloonni anaaf akkuma saba Itoophiyaa mitii?” jedha Waaqayyo. “Ani Israaʼeloota biyya Gibxiitii, Filisxeemota Kaftoorii, warra Sooriyaa immoo Qiirii baasee hin fidnee?
“Je ninyi sio kama watu wa Kushi kwangu, wana wa Israeli? -hivi ndivyo Yahwe asemavyo. Je sikuwapandisha Israeli kutoka nchi ya misri, Wafilisti kutoka Krete, na Washami kutoka Kiri?
8 “Dhugumaan iji Waaqayyo Gooftaa mootummaa cubbamaa irra jira. Ani fuula lafaa irraa isa nan balleessa; taʼus ani guutumaan guutuutti mana Yaaqoob hin balleessu” jedha Waaqayyo.
Tazama, macho ya Bwana Yahwe yako juu ya ufalme wenye dhambi, na nitauharibu kutoka kwenye uso wa dunia, isipokuwa kwamba sintoiharibu kabisa nyumba ya Yakobo -hivi ndivyo Yahwe asemavyo.
9 “Ani ajaja kennee akkuma midhaan gingilchaadhaan gingilfamee iji tokko iyyuu lafa hin buune sana saboota hunda gidduutti mana Israaʼel nan gingilcha.
Tazama, nitaamuru, na nitaipepeta nyumba ya Israeli miongoni mwa mataifa yote, kama mtu apepetaye ngano kwenye ungo, hivyo basi hakuna hata chembe ya jiwe itakayoanguka kwenye aridhi.
10 Cubbamoonni saba koo gidduu jiraatan hundi Warri, ‘Balaan nu hin argatu yookaan nutti hin dhufu’ jedhan hundi goraadeedhaan dhumu.
Watenda dhambi wote katika watu wangu watakufa kwa upanga, wale wasemao, 'Majanga hayatatupita au kukutana nasi.'
11 “Ani bara sana keessa dunkaana Daawit “Kan kufe sana deebisee nan dhaaba. Kan tarsaʼes walitti nan supha; diigamaa isaa iddootti deebisee akka duraatti nan ijaara;
Katika siku hiyo nitainua hema ya Daudi iliyokuwa imeanguka, na kuyafunga matawi yake. Nitayainua magofu yake, na kuijenga tena kama katika siku za zamani,
12 kunis akka isaan hambaa Edoomii fi saboota maqaa kootiin waamaman hunda dhaalaniif” jedha Waaqayyo, inni waan kana hojjetu.
Kwamba wamiliki mabaki ya Edomu, na mataifa yote ambayo yameitwa kwa jina langu -hivi ndivyo Yahwe asemavyo-afanyayo haya.
13 Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo, barri itti namni haamu tokko isa qotu qaqqabu, “namni wayinii dhaabu immoo isa cuunfu qaqqabu tokko ni dhufa; Daadhiin wayinii haaraan tulluuwwan irraa ni coccopha; gaarran hunda keessaas ni yaaʼa.
Tazama, siku zitakuja-hivi ndivyo Yahwe asemavyo-wakati mlimaji atampita mvunaji, na akanyagaye zabibu atampita yeye apandaye mbegu. Milima itadondosha divai tamu, na milima yote itabubujika kwa nayo.
14 Ani saba koo Israaʼelin boojuudhaa nan deebisa. “Isaanis magaalaawwan diigaman deebisanii ijaaranii keessa ni jiraatu. Isaan wayinii dhaabanii, daadhii wayinii isaanii ni dhugu; isaan biqiltuu dhaabbatanii ija isaa ni nyaatu.
Nitawarudisha kutoka utumwani watu wangu Israeli. Watajenga magofu ya miji na kuishi humo, watapanda bustani za mizabibu na kunywa divai, na watafanya bustani na kula matunda yao.
15 Ani Israaʼeloota biyya ofii isaanii keessa nan dhaaba; isaan biyya ani isaaniif kenne keessaa lammata hin buqqifaman,” jedha Waaqayyo Waaqni kee.
Nitaipanda hadi kwenye nchi yao, na hawataing'oa tena kutoka kwenye nchi ambayo niliyowapatia,” asema Yahwe Mungu wako.