< Amoos 6 >
1 Yaa warra yaaddoo malee Xiyoon keessa jiraattan, kanneen Tulluu Samaariyaa irra waan nagaadhaan jiraatan seetan, isaan namoota ulfaatoo saba durii, kanneen sabni Israaʼel gara isaanii dhufuuf wayyoo!
Ole wenu ninyi mnaostarehe na kuridhika katika Sayuni, na ninyi mnaojisikia salama juu ya Mlima Samaria, ninyi watu mashuhuri wa taifa lililoendelea kuliko mataifa mengine, ambao watu wa Israeli wanawategemea!
2 Gara Kaalneetti darbaatii ilaalaa; achii kaʼaatii gara Hamaati guddichaa dhaqaa; ergasii immoo Gaati Filisxeem keessaatti gad buʼaa. Isaan mootummoota keessan lamaan caaluu? Biyyi isaanii biyya keessan caalaa balʼataa?
Nendeni Kalne mkaone kutoka huko; mwende hadi Hamathi iliyo kuu, kisha mshuke hadi Gathi ya Wafilisti. Je, wao ni bora kuliko falme zenu mbili? Je, nchi yao ni kubwa kuliko yenu?
3 Isin guyyaa hamaa fageessitanii bulchiinsa jeequmsaa fiddu.
Mnaiweka mbali siku iliyo mbaya na kuleta karibu utawala wa kuogofya.
4 Isin siree ilka arbaatiin miidhagfame irra ciiftu; siree keessan dinkii irra boqottu. Isin xobbaallaa hoolaa filatamoo fi jabbii coccoomoo nyaattu.
Ninyi mnalala juu ya vitanda vilivyofunikwa kwa pembe za ndovu, na kujinyoosha juu ya viti vya fahari. Mnajilisha kwa wana-kondoo wazuri na ndama walionenepeshwa.
5 Isin sagalee baganaatiin weedduu faayidaa hin qabne weeddiftu; akkuma Daawitis meeshaa muuziiqaa qaqqajeelfattu.
Ninyi mnapiga vinubi kama Daudi, huku mkitunga nyimbo za vinanda mbalimbali.
6 Isin xoofoo keessaa daadhii wayinii dhugdu; dibata akka malee gaarii dibattu; garuu badiisa Yoosefiif hin gadditan.
Mnakunywa mvinyo kwa bakuli zilizojazwa, na mnajipaka mafuta mazuri, lakini hamhuzuniki kwa maangamizi ya Yosefu.
7 Kanaafuu isin warra jalqabatti boojiʼaman wajjin boojiʼamtanii fudhatamtu; burraaquu fi bashannanuun keessan ni hafa.
Kwa hiyo mtakuwa miongoni mwa watu wa kwanza kwenda uhamishoni; karamu zenu na kustarehe kutakoma.
8 Waaqayyo Gooftaan ofii isaatiin kakateera; Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani of tuulummaa Yaaqoob nan balfa; daʼannoo isaas nan jibba; ani magaalattii fi waan ishee keessa jiru hunda dabarsee nan kenna.”
Bwana Mwenyezi ameapa kwa nafsi yake mwenyewe: Bwana Mungu Mwenye Nguvu Zote asema: “Nachukia kiburi cha Yakobo, nachukia ngome zake; nitautoa mji wao na kila kitu kilichomo ndani mwake.”
9 Namoonni kudhan yoo mana tokko keessatti hafan isaanis ni dhumu.
Kama watu kumi watabaki katika nyumba moja, wao pia watakufa.
10 Yoo firri reeffa baasee gubu tokko mana sana keessaa baasuuf dhufee nama dhokatee achi jiru kamiin iyyuu, “Namni tokko iyyuu si wajjin jiraa?” jedhee gaafatee namichi sun, “Hin jiru” jedheen, inni “Calʼisi! Nu maqaa Waaqayyoo dhaʼuu hin qabnu” jedhaan.
Kama jamaa ambaye atachoma miili akija ili kuitoa nje ya nyumba, na kumuuliza yeyote ambaye bado anajificha humo, “Je, yuko mtu yeyote pamoja nawe?” Naye akisema, “Hapana,” ndipo atakaposema, “Nyamaza kimya! Haturuhusiwi kutaja jina la Bwana.”
11 Kunoo Waaqayyo ajaja kenneeraatii, manneen gurguddaan ni barbadaaʼu; manneen xixinnoonis ni caccabu.
Kwa kuwa Bwana ameamuru, naye atabomoa jumba kubwa vipande vipande na nyumba ndogo vipande vidogo vidogo.
12 Fardeen kattaawwan irra ni fiiguu? Namni tokko qotiyyoodhaan achi ni qotaa? Isin garuu murtii qajeelaa gara summiitti, ija qajeelummaas gara hadhaatti geeddartaniirtu;
Je, farasi waweza kukimbia kwenye miamba mikali? Je, aweza mtu kulima huko kwa maksai? Lakini mmegeuza haki kuwa sumu na matunda ya uadilifu kuwa uchungu:
13 isin warra Lodebaar moʼachuutti gammaddanii, “Nu humna keenyaan Qaarnaayim qabanne mitii?” jettanii dha.
ninyi mnaoshangilia kushindwa kwa Lo-Debari na kusema, “Je, hatukuteka Karnaimu kwa nguvu zetu wenyewe?”
14 Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii; “Yaa mana Israaʼel, ani saba Leeboo Hamaatii jalqabee hamma sulula Arabbaatti karaa keessan hunda irratti isin cunqursu tokko isinittin kaasa.”
Maana Bwana Mungu Mwenye Nguvu Zote asema, “Nitainua taifa dhidi yenu, ee nyumba ya Israeli, nalo litawatesa kuanzia Lebo-Hamathi hadi Bonde la Araba.”