< Hojii 11 >

1 Ergamoonnii fi obboloonni Yihuudaa keessa jiran akka Namoonni Ormaas dubbii Waaqaa fudhatan dhagaʼan.
Now the apostles and brethren that were in Judea heard that the Gentiles also had received the word of God.
2 Kanaaf yommuu Phexros Yerusaalemitti ol baʼetti amantoonni dhagna qabatan isaan morman;
And when Peter was come up to Jerusalem, those that were of the circumcision contended with him, saying,
3 akkanas jedhan; “Ati maaliif mana namoota dhagna hin qabatinii dhaqxee isaan wajjin nyaatte?”
Thou wentest in to men uncircumcised and didst eat with them.
4 Phexrosis akkana jedhee waan taʼe sana tokko tokkoon isaanii ibsuu jalqabe.
But Peter began and laid the matter in order before them,
5 “Ani magaalaa Yoophee keessatti kadhannaa irran ture; akka waan yaadaan fudhatamuus taʼee waan akka wayyaa balʼaa tokko isaa roga isaa afraniin qabamee samii irraa gad buufamu mulʼataan arge. Innis iddoo ani turetti gad dhufe.
saying, I was praying in the city of Joppa; and in a trance I saw a vision, some thing like a large sheet descending from heaven, let down by the four corners; and it came close to me.
6 Anis xiyyeeffadhee ilaalee bineensota miilla afurii, bineensota bosonaa, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota samii nan arge.
And looking stedfastly upon it, I observed four-footed creatures and wild beasts, and reptiles, and fowls of the air.
7 Anis sagalee, ‘Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
And I heard a voice saying to me, Rise, Peter, kill and eat.
8 “Ani garuu deebisee, ‘Yaa Gooftaa, hin taʼu! Takkumaa wanni balfamaan yookaan wanni xuraaʼaan tokko iyyuu afaan koo hin seenne’ jedhe.
But I said, By no means, Lord: for nothing polluted or unclean hath ever entered into my mouth.
9 “Sagaleen sunis yeroo lammaffaa samii irraa, ‘Ati waan Waaqni qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin’ jedhe.
And the voice answered me a second time from heaven, What God hath cleansed do not thou call polluted.
10 Wanni kunis yeroo sadii taʼe; kana booddees hundumti isaa amma illee samiitti ol fudhatame.
And this was done thrice: and then they were all drawn up again to heaven.
11 “Yommusuma namoonni Qiisaariyaadhaa natti ergaman sadii mana ani jiraachaa ture sana dura dhaabatan.
And behold at that very time there came three men to the house where I was, sent from Cesarea to me.
12 Hafuurri Qulqulluunis akka ani shakkii tokko malee isaan wajjin deemu natti hime. Obboloonni kunneen jaʼaanis na wajjin deeman; nus mana namichaa ol seenne.
And the Spirit ordered me to go with them, doubting nothing. And these six brethren also came with me, and we entred into the man's house;
13 Innis akka ergamaa Waaqaa kan mana isaa keessatti itti mulʼate tokko arge nutti hime; ergamaan sunis akkana isaan jedhe; ‘Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi;
and he told us how he had seen an angel in his house, standing and saying to him, Send men to Joppa, and fetch hither Simon,
14 inni ergaa sii fi namoonni mana keetii hundinuu ittiin fayyitan sitti hima.’
whose sirname is Peter, who will tell thee things, by which thou shalt be saved and all thy family.
15 “Akkuma ani dubbachuu jalqabeen, Hafuurri Qulqulluun akkuma jalqabatti nurra buʼe sana isaan irras buʼe.
And when I began to speak, the holy Spirit fell on them, even as it did upon us at the beginning.
16 Anis waan Gooftaan, ‘Yohannis bishaaniin cuuphe; isin garuu Hafuura Qulqulluudhaan cuuphamtu’ jedhee ture sana nan yaadadhe.
Then I remembered the word of the Lord, how He said, John indeed baptized with water; but ye shall be baptized with the holy Spirit.
17 Kanaafuu erga Waaqni kennaadhuma yeroo nu gooftaa Yesuus Kiristoositti amanne nuu kenne sana isaaniifis kennee Waaqaan mormuuf ani eenyu?”
As therefore God gave to them the like gift that He did to us, upon our believing on the Lord Jesus Christ, who was I, that I should be able to withstand God?
18 Isaanis waan kana dhagaʼanii calʼisan; “Yoos Waaqni qalbii jijjiirratanii jiraachuu Namoota Ormaatiifis kenneera” jedhanii Waaqa galateeffatan.
And when they heard these things they acquiesced, and glorified God, saying, Then hath God given to the Gentiles also repentance unto life.
19 Warri sababii ariʼatama Isxifaanositti kaʼeetiin bittinnaaʼanii turan sun ergaa sana Yihuudoota qofatti himaa hamma Finiiqee, Qophiroosii fi Anxookiiyaatti deeman.
Now they that were dispersed by the trouble, which arose about Stephen, travelled as far as Phenicia, and Cyprus, and Antioch, preaching the word to none but the Jews only.
20 Isaan keessaa namoonni Qophiroosii fi Qareenaa irraa dhufan tokko tokko garuu Anxookiiyaa dhaqanii oduu gaarii waaʼee Gooftaa Yesuus Giriikotattis himuu jalqaban.
But some of them were Cyprians, and Cyrenians, who when they came to Antioch, discoursed with the Grecians also, preaching the Lord Jesus.
21 Harki Gooftaa isaan wajjin ture; namoonni hedduunis amananii Gooftaatti deebiʼan.
And the hand of the Lord was with them, and a great number believed, and turned unto the Lord.
22 Oduun kunis gurra waldaa kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtuu seene; isaanis Barnaabaasin Anxookiiyaatti ergan.
And the report of these things came to the ears of the church in Jerusalem; and they sent Barnabas to Antioch.
23 Innis yommuu achi gaʼee Ayyaana Waaqaa argetti ni gammade; akka isaan garaa tokkoon Gooftaaf amanamanii jiraataniifis isaan hunda jajjabeesse.
Who, when he was come, and saw the grace of God, rejoiced, and exhorted them all with steadiness of heart to adhere to the Lord.
24 Inni nama gaarii Hafuura Qulqulluu fi amantiidhaan guutame ture; namoonni baayʼeenis Gooftaatti dabalaman.
For he was a good man, and full of the holy Spirit, and of faith: and many were added unto the Lord.
25 Barnaabaasis Saaʼolin barbaaduuf jedhee Xarsees dhaqe;
Then Barnabas departed to Tarsus, to seek Saul: and when he found him, he brought him to Antioch.
26 Yommuu isa argettis Anxookiiyaatti isa geesse. Isaanis waggaa tokko guutuu waldaa sanaan wal gaʼanii namoota baayʼee barsiisan. Barattoonnis yeroo jalqabaatiif Anxookiiyaatti, “Kiristaana” jedhaman.
And they assembled in the church a whole year, and taught much people: and the disciples were first called Christians at Antioch.
27 Gidduudhuma sana raajonni tokko tokko Yerusaalemii kaʼanii Anxookiiyaatti gad buʼan.
And in these days came down prophets from Jerusalem to Antioch.
28 Isaan keessaas namichi Agaaboos jedhamu tokko kaʼee dhaabatee akka beelli guddaan isaa addunyaa hunda irratti buʼu Hafuuraan dubbate. Wanni kunis bara moʼumsa Qilaawudewoos Qeesaar keessa taʼe.
And one of them, named Agabus, stood up and signified by the Spirit, that there would be a great famine over all the earth: which accordingly came to pass in the reign of Claudius Cesar.
29 Barattoonnis tokkoon tokkoon isaanii akkuma dandeettii isaaniitti obboloota Yihuudaa keessa jiraatan gargaaruu murteessan.
And each of the disciples, according to his ability, determined to send relief to the brethren who dwelt in Judea.
30 Isaanis harka Barnaabaasii fi harka Saaʼolitti gargaarsa isaanii maanguddootaatti erguun gargaarsa kennan.
Which they also did, sending it to the elders by the hand of Barnabas and Saul.

< Hojii 11 >