< Hojii 10 >
1 Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko Qiisaariyaa keessa ture; innis kutaa, “Humna waraana Iixaaliyaa” jedhamu keessatti ajajaa dhibbaa ture.
W Cezarei mieszkał niejaki Korneliusz, rzymski dowódca oddziału zwanego Italskim.
2 Qorneelewoosii fi maatiin isaa hundinuu warra Waaqaaf bulanii fi warra Waaqa sodaatan turan; innis warra rakkataniif arjummaadhaan kenna ture; yeroo hundas Waaqa kadhata ture.
Był to człowiek bardzo pobożny. Razem z całym swoim domem bardzo poważnie traktował Boga, nieustannie modlił się do Niego i hojne wspierał biednych.
3 Innis gaafa tokko ergamaa Waaqaa tokko isaa gara isaa dhufee, “Yaa Qorneelewoos!” jedhuun guyyaa keessaa gara saʼaatii sagaliitti ifaan ifatti mulʼataan arge.
Pewnego razu, około trzeciej po południu, miał widzenie: wyraźnie ujrzał anioła, który zbliżył się do niego i powiedział: —Korneliuszu!
4 Qorneelewoosis sodaan ija babaasee isa ilaalee, “Yaa Gooftaa, maal barbaadda?” jedhee gaafate. Ergamaan Waaqaa sun immoo akkana jedhee deebise; “Kadhannaa keetii fi kennaan ati hiyyeeyyiidhaaf kennitu aarsaa yaadachaa taʼee fuula Waaqaa duratti ol baʼeera.
—Słucham cię, panie!—odpowiedział przestraszony i wpatrzony w niego dowódca. —Twoje modlitwy i ofiarność zostały zauważone przez Boga—rzekł anioł.
5 Amma Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana as fichisiisi.
—Wyślij teraz do Jaffy swoich ludzi i zaproś do siebie Szymona Piotra,
6 Innis namicha gogaa duugu kan Simoon jedhamu kan manni isaa qarqara galaanaatti argamu tokko bira jira.”
który jest gościem innego Szymona, garbarza z Jaffy. Jego dom znajduje się nad brzegiem morza.
7 Qorneelewoosis yommuu ergamaan Waaqaa kan isatti dubbate sun deemetti tajaajiltoota isaa keessaa nama lama, warra isa eegan keessaa immoo loltuu Waaqaaf bulu tokko waamee,
Gdy tylko anioł odszedł, Korneliusz zawołał dwóch służących i pewnego pobożnego żołnierza ze swojej straży przybocznej.
8 waan kana hunda itti himee Yoopheetti isaan erge.
Opowiedział im o wszystkim i wysłał do Jaffy.
9 Guyyaa itti aanuttis utuu warri ergaman sun karaa jiranuu, yeroo isaan magaalaatti dhiʼaatanitti Phexros gara saʼaatii jaʼaatti kadhannaaf bantii manaatti ol baʼe.
Następnego dnia, gdy posłańcy byli jeszcze w drodze, ale zbliżali się już do miasta, Piotr wyszedł na taras domu, aby się modlić. Było to około dwunastej.
10 Innis beelaʼee waan nyaatu barbaade; utuu isaan qopheessaafii jiranuus akka waan yaadaan fudhatamee taʼe.
Poczuł wtedy głód i miał ochotę coś zjeść. A gdy przygotowywano posiłek, doznał widzenia.
11 Samii banamee fi waan akka wayyaa balʼaa tokkos isaa roga isaa afraniin qabamee lafatti gad buufamu arge.
Ujrzał otwarte niebo i jakby olbrzymią płachtę, opuszczaną za cztery rogi ku ziemi.
12 Wayyaan sunis bineensota miilla afurii, uumamawwan lafa irra looʼanii fi simbirroota samii kanneen gosa hundaa of keessaa qaba ture.
Były na niej wszelkiego rodzaju zwierzęta, płazy i ptaki.
13 Sagaleen tokkos, “Yaa Phexros, kaʼiitii qaladhuu nyaadhu” jedheen.
I usłyszał głos: —Rusz się, Piotrze. Zabij je i jedz.
14 Phexros garuu deebisee, “Yaa Gooftaa, hin taʼu! Ani takkumaa waan balfamaa yookaan waan xuraaʼaa hin nyaanne” jedhe.
—Nigdy w życiu, Panie! Nigdy nie jadłem żadnych nieczystych stworzeń, bo zabrania tego Prawo Mojżesza!
15 Sagaleen sunis yeroo lammaffaa, “Ati waan Waaqni qulqulleesseen xuraaʼaa hin jedhin” jedheen.
—Nie uważaj za nieczyste tego, co Bóg oczyścił—odpowiedział głos.
16 Wanni kunis yeroo sadii taʼe; wayyaan sunis yommusuma deebiʼee samiitti ol fudhatame.
To samo powtórzyło się trzykrotnie, po czym płachta została z powrotem wzięta do nieba.
17 Utuu Phexros waaʼee hiikkaa mulʼata sanaa dinqisiifachaa jiruus namoonni Qorneelewoos erge sun mana Simoon iyyaafachaa dhufanii karra dura dhaabatan.
Piotr z dużą niepewnością zastanawiał się nad znaczeniem tej wizji. Właśnie wtedy posłańcy Korneliusza stanęli przy bramie wejściowej. Zdążyli się już bowiem dowiedzieć, gdzie się znajduje dom Szymona, garbarza,
18 Isaanis lallabanii, “Simoon inni Phexros jedhamu tokko as jiraa?” jedhanii gaafatan.
i teraz pytali, czy zatrzymał się tu Szymon Piotr.
19 Ammas utuu Phexros waaʼee mulʼata sanaa yaadaa jiruu, Hafuurri Qulqulluun akkana isaan jedhe; “Yaa Simoon, kunoo namoonni sadii si barbaaduutti jiru.
A gdy on ciągle jeszcze zastanawiał się nad wizją, Duch Święty powiedział do niego: —Szuka cię trzech ludzi.
20 Kaʼiitii gad buʼi. Isaan wajjin deemuus hin shakkin; anatu isaan ergeetii.”
Zejdź na dół i idź z nimi bez wahania. To Ja ich posłałem.
21 Phexrosis gara namoota sanaatti gad buʼee, “Namni isin barbaadaa jirtan ana; maaliif dhuftani?” jedheen.
Piotr zszedł więc i zwrócił się do przybyłych: —To mnie szukacie. Co was sprowadza?
22 Jarri sunis akkana jedhanii deebisan; “Nu ajajaa dhibbaa kan Qorneelewoos jedhamu tokko biraa dhufne; inni nama qajeelaa fi nama Waaqa sodaatu kan Yihuudoota hunda birattis kabajamuu dha; ergamaan Waaqaa qulqulluun tokko akka inni mana isaatti si waamsisee waan ati jettu dhagaʼuuf isatti dubbate.”
—Wzywa cię Korneliusz—odpowiedzieli—rzymski dowódca, człowiek prawy i poważnie traktujący Boga, mający dobrą opinię wśród Żydów. Właśnie jemu anioł polecił wezwać cię do jego domu i posłuchać tego, co masz do powiedzenia.
23 Phexrosis namoota sana manatti ol galchee keessumsiise. Guyyaa itti aanutti Phexros kaʼee isaan wajjin deeme; obboloonni tokko tokkos Yoopheedhaa kaʼanii isa wajjin deeman.
Piotr zaprosił ich do środka i udzielił noclegu. Następnego zaś dnia, wraz z kilkoma wierzącymi z Jaffy, ruszyli w drogę.
24 Isaanis guyyaa itti aanu Qiisaariyaatti galan; Qorneelewoosis firoota isaatii fi michoota isaa warra isatti dhiʼaatan walitti waamee isaan eegaa ture.
Dzień później przybyli do Cezarei. Korneliusz czekał już na nich razem z zaproszonymi krewnymi i przyjaciółmi.
25 Akkuma Phexros mana seeneen Qorneelewoos isa simatee isaaf sagaduuf jedhee miilla isaa irratti kufe.
Gdy Piotr wchodził do jego domu, wyszedł mu na spotkanie i padł mu do nóg, oddając cześć.
26 Phexros garuu, “Kaʼi! Anis namumaatii” jedhee ol isa qabe.
Lecz Piotr rzekł: —Wstań! Ja też jestem tylko człowiekiem!
27 Phexrosis isa wajjin dudubbachaa mana seenee namoota walitti qabaman hedduu arge.
I rozmawiając z Korneliuszem, wszedł do środka, gdzie czekało już wiele osób.
28 Innis akkana isaaniin jedhe; “Akka Yihuudiin tokko nama ormaa wajjin tokkummaa qabaachuu fi itti dhiʼaachuun seera keenya hin taʼin isin mataan keessan iyyuu beektu; garuu Waaqni akka ani nama tokkoonuu jibbamaa yookaan xuraaʼaa hin jenne natti argisiiseera.
Wtedy przemówił do nich: —Dobrze wiecie, że nam, Żydom, nie wolno kontaktować się ani nawet zbliżać do pogan. Bóg jednak objawił mi, że nikogo nie należy uważać za nieczystego i gorszego.
29 Kanaaf yommuu isin nama natti ergitanitti ani mormii tokko malee dhufe; egaa waan isin na waamtaniif beekuu nan barbaada.”
Dlatego przyszedłem bez sprzeciwu. Powiedzcie więc, dlaczego mnie wezwaliście.
30 Qorneelewoosis akkana jedhee deebise: “Bultii afuriin dura, saʼaatiidhuma kanatti, ani saʼaatii sagalitti mana kootti kadhachaan ture. Akkuma tasaa namichi wayyaa adii qaanqee uffatu tokko na dura dhaabatee
—Cztery dni temu—odrzekł Korneliusz—modliłem się tu, w domu, około trzeciej po południu, gdy nagle stanął przede mną człowiek ubrany w lśniącą szatę
31 akkana jedhe; ‘Yaa Qorneelewoos, Waaqni kadhannaa kee dhagaʼeera; kennaa ati hiyyeeyyiif kennitus yaadateera.
i rzekł: „Korneliuszu, twoje modlitwy i ofiarność zostały zauważone przez Boga!
32 Yoopheetti nama ergiitii Simoon isa Phexros jedhamu sana waamsisi. Inni mana Simoon namicha gogaa duugu kan qarqara galaanaa jiraatu sanaa jira.’
Wyślij więc do Jaffy swoich ludzi i zaproś do siebie Szymona Piotra, który jest gościem innego Szymona, garbarza z Jaffy. Jego dom znajduje się nad brzegiem morza”.
33 Kanaaf ani yeruma sana nama ergeen si waamsise; atis baga dhufte. Egaa nu hundinuu waan akka ati nutti himtu Gooftaan si ajaje hunda dhagaʼuuf jennee as fuula Waaqaa dura jirra.”
Dlatego natychmiast po ciebie posłałem i dobrze zrobiłeś, że przybyłeś. Zebraliśmy się więc tu, w obecności Boga, aby wysłuchać wszystkiego, co Pan ci przekazał!
34 Phexrosis akkana jedhee dubbachuu jalqabe; “Ani amma akka Waaqni nama Wal hin caalchifne dhugumaan nan hubadha.
—Teraz naprawdę rozumiem—rzekł Piotr—że Bóg nie jest stronniczy,
35 Garuu saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi namni waan qajeelaa hojjetu kam iyyuu fuula isaa duratti fudhatamaa dha.
ale w każdym narodzie podoba Mu się ten, kto traktuje Go poważnie i jest prawy.
36 Isin ergaa Waaqni karaa Yesuus Kiristoosiin nagaa labsuudhaan saba Israaʼelitti erge sana beektu; Yesuus Kiristoos kun Gooftaa waan hundaa ti.
On to przekazał Izraelowi dobrą nowinę o pokoju darowanym przez Jezusa Chrystusa, Pana wszystkich ludzi.
37 Isin waan Cuuphaa Yohannis lallabee booddee Galiilaadhaa jalqabee Yihuudaa hunda keessatti taʼe sana ni beektu.
Od czasu, w którym Jan Chrzciciel wzywał ludzi do opamiętania, nowina o Jezusie rozeszła się po całej żydowskiej ziemi, począwszy od Galilei.
38 Kunis akka Waaqni Yesuus nama Naazreeti sana Hafuura Qulqulluu fi humnaan dibee fi akka Yesuus waan gaarii hojjechaa fi warra humna diiyaabiloos jala turan fayyisaa biyya hunda keessa nanaannaʼee dha; Waaqni isa wajjin tureetii.
Wiecie zapewne, że Bóg w szczególny sposób obdarzył Duchem Świętym i mocą Jezusa z Nazaretu. On, żyjąc na ziemi, czynił dobro i uzdrawiał wszystkich zniewolonych przez diabła, ponieważ wspierał Go Bóg.
39 “Nus waan inni biyya Yihuudootaatii fi Yerusaalem keessatti hojjete hundaaf dhuga baatota. Isaanis fannoo irratti fannisanii isa ajjeesan.
My, apostołowie, jesteśmy naocznymi świadkami tego wszystkiego, co uczynił w Judei i w Jerozolimie, gdzie Go zabito przez ukrzyżowanie.
40 Waaqni immoo guyyaa sadaffaatti warra duʼan keessaa isa kaase; akka inni namatti mulʼatus godhe.
Trzeciego dnia po śmierci, Bóg ożywił Go i pozwolił Mu się ukazać ludziom
41 Inni nama hundatti hin mulʼanne; garuu nu dhuga baatota Waaqni duraan dursee filatettii fi erga inni warra duʼan keessaa kaʼee booddee isa wajjin nyaannee dhugnetti mulʼate.
—nie wszystkim, ale tylko nam jako wcześniej wybranym świadkom. Po Jego zmartwychwstaniu jedliśmy i piliśmy razem z Nim.
42 Innis akka nu namootatti lallabnuu fi akka inni nama Waaqni warra jiranii fi warra duʼan irratti abbaa murtii godhee muude taʼe akka dhugaa baanuuf nu ajaje.
A On nakazał nam ogłosić i zaświadczyć Żydom, że Bóg ustanowił Go sędzią wszystkich ludzi, zarówno żywych, jak i umarłych.
43 Raajonni hundinuu akka namni isatti amanu hundi maqaa isaatiin dhiifama cubbuu argatu waaʼee isaa dhugaa baʼu.”
Również prorocy przepowiedzieli w Piśmie, że każdy, kto uwierzy w Jezusa, ze względu na Niego otrzyma przebaczenie grzechów.
44 Utuma Phexros amma illee waan kana dubbachaa jiruu, Hafuurri Qulqulluun warra dubbii sana dhagaʼaa turan hunda irra buʼe.
Piotr jeszcze mówił, gdy nagle na wszystkich słuchaczy zstąpił Duch Święty.
45 Amantoonni dhagna qabatan kanneen Phexros wajjin dhufan sun waan kennaan Hafuura Qulqulluu Namoota Ormaa irrati illee dhangalaʼeef ni dinqifatan;
Wierzący żydowskiego pochodzenia, którzy przybyli z Piotrem, bardzo się zdziwili, że także poganie otrzymali dar Ducha Świętego.
46 isaan jaraa afaan haaraa dubbatanii fi Waaqas jajatan dhagaʼaniiruutii. Phexrosis akkana jedhe;
Słyszeli bowiem, jak mówią obcymi językami i wielbią Boga.
47 “Akka namoonni akkuma keenya Hafuura Qulqulluu argatan kunneen hin cuuphamneef namni bishaan dhowwachuu dandaʼu eenyu?”
—Czy ktoś mógłby zabronić ochrzczenia tych, którzy otrzymali Ducha Świętego tak samo jak my, Żydzi?—zapytał Piotr.
48 Innis akka isaan maqaa Yesuus Kiristoositti cuuphaman ajaje; isaanis akka Phexros bultii xinnoo isaan bira turuuf isa kadhatan.
I polecił, aby zanurzono ich w wodzie w imię Jezusa Chrystusa. Po tym wszystkim poprosili Piotra, aby został z nimi jeszcze kilka dni.