< 1 Seenaa 8 >

1 Beniyaam ilma isaa hangafa Belaa, ilma isaa lammaffaa Ashbeel, ilma isaa sadaffaa Aharaa,
Benyamini akamzaa: Bela mzaliwa wake wa kwanza, Ashbeli mwanawe wa pili, Ahara mwanawe wa tatu,
2 ilma isaa afuraffaa Nohaa fi ilma isaa shanaffaa Raafaa dhalche.
Noha mwanawe wa nne na Rafa mwanawe wa tano.
3 Ilmaan Belaa: Adaar, Geeraa, Abiihuud,
Wana wa Bela walikuwa: Adari, Gera, Abihudi,
4 Abiishuuwaa, Naʼamaan, Ahooʼaa,
Abishua, Naamani, Ahoa,
5 Geeraa, Shefuufaanii fi Huuraam.
Gera, Shefufani na Huramu.
6 Isaan kun ilmaan Eehuudii kanneen hangafoota maatiiwwan warra Gebaa keessa jiraatanii boojuudhaan Maanahatitti geeffamaniiti:
Hawa ndio wazao wa Ehudi, waliokuwa viongozi wa jamaa za wale walioishi huko Geba na ambao walihamishiwa Manahathi:
7 Naʼamaan, Ahiiyaa fi Geeraa; Geeraan kun abbaa Uzaa fi Ahiihudii ti; namni boojuudhaan fuudhee isaan geesses isa ture.
Naamani, Ahiya na Gera. Gera alikuwa baba yao Uza na Ahihudi na ndiye aliwaongoza kwenda uhamishoni.
8 Shaharaayim erga niitota isaa Hushiimii fi Baʼaraa of jalaa ariʼee booddee Moʼaab keessatti ilmaan dhalche.
Shaharaimu aliwazaa wana katika nchi ya Moabu baada ya kuwapa talaka wake zake wawili yaani, Hushimu na Baara.
9 Niitii isaa Hoodesh irraa Yoobaab, Zibiyaa, Meeshaa, Maalkaam,
Kwa mkewe Hodeshi, akawazaa wana saba: Yobabu, Sibia, Mesha, Malkamu,
10 Yeʼuuxi, Saakiyaa fi Miirmaa dhalche; isaan kunneen ilmaan isaa warra hangafoota maatii turanii dha.
Yeuzi, Sakia na Mirma. Hawa ndio waliokuwa wanawe, viongozi wa jamaa zao.
11 Niitii isaa Hushiim irraa immoo Abiituubii fi Elphaʼal dhalche.
Hushimu alimzalia: Abitubu na Elpaali.
12 Ilmaan Elphaʼalii: Eeber, Mishaam, shemedi isa magaalaawwan Oonooniitii fi Lood gandoota naannoo ishee jiran wajjin ijaare;
Wana wa Elpaali walikuwa: Eberi, Mishamu, Shemedi (aliyeijenga miji ya Ono na Lodi, pamoja na vijiji vilivyoizunguka),
13 Beriiyaa fi Shemaa kanneen hangafoota maatiiwwan warra Ayaaloon keessa jiraatan sanaa taʼanii jiraattota Gaatii ariʼanii biyyaa baasanii dha.
na Beria na Shema, waliokuwa viongozi wa zile jamaa zilizokuwa zinaishi katika mji wa Aiyaloni, na ambao waliwafukuza wenyeji wa Gathi.
14 Ahiiyoon, Shaashaaq, Yereemooti,
Wana wa Beria walikuwa Ahio, Shashaki, Yeremothi,
15 Zebaadiyaan, Aaraad, Ederi,
Zebadia, Aradi, Ederi,
16 Miikaaʼel, Yishiphaa fi Yoohaan ilmaan Beriiyaa turan.
Mikaeli, Ishpa, na Yoha.
17 Zebaadiyaan, Meshulaam, Hizqii, Hebeer,
Zebadia, Meshulamu, Hizki, Heberi,
18 Yishimraay, Yizliyaa fi Yoobaab ilmaan Elphaʼalii turan.
Ishmerai, Izlia na Yobabu ndio waliokuwa wana wa Elpaali.
19 Yaaqiim, Zikriin, Zabdiin,
Yakimu, Zikri, Zabdi,
20 Eliiʼeenaayi, Ziletaayi, Eliiʼeel,
Elienai, Silethai, Elieli,
21 Adaayaa, Beraayaa fi Shiimraat ilmaan Shimeʼii turan.
Adaya, Beraya na Shimrathi walikuwa wana wa Shimei.
22 Yishiphaan, Eeber, Eliiʼeel,
Wana wa Shashaki walikuwa Ishpani, Eberi, Elieli,
23 Abdoon, Zikriin Haanaan,
Abdoni, Zikri, Hanani,
24 Hanaaniyaa, Eelaam, Antootiiyaa,
Hanania, Elamu, Anthothiya,
25 Yifdeyaa fi Phenuuʼeel ilmaan Shaashaaq turan.
Ifdeya na Penueli.
26 Shamisheraayi, Shehaariyaa, Ataaliyaa,
Shamsherai, Sheharia, Athalia,
27 Yaʼireshiyaa, Eeliyaasii fi Zikriin ilmaan Yiroohamii turan.
Yaareshia, Eliya na Zikri walikuwa wana wa Yerohamu.
28 Isaan kunneen hundi akkuma hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti abbootii maatiitii fi hangafoota turan; isaanis Yerusaalem keessa jiraatu ture.
Hawa wote walikuwa viongozi wa jamaa zao wakuu, kama ilivyoorodheshwa katika koo zao, nao waliishi Yerusalemu.
29 Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture; maqaan niitii isaa Maʼakaa dha.
Yeieli alikuwa baba yake Gibeoni naye aliishi huko Gibeoni. Mke wake aliitwa Maaka.
30 Ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab,
Mwanawe mzaliwa wa kwanza alikuwa Abdoni, akafuatiwa na Suri, Kishi, Baali, Neri, Nadabu,
31 Gedoor, Ahiiyoo, Zekeerii fi
Gedori, Ahio, Zekeri,
32 Miiqlooti abbaa Shimeʼaa turan; isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan.
na Miklothi ambaye alikuwa baba yake Shimea. Hawa pia waliishi karibu na jamaa zao huko Yerusalemu.
33 Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-Shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti.
Neri akamzaa Kishi, Kishi akamzaa Sauli, Sauli akamzaa Yonathani, Malki-Shua, Abinadabu na Esh-Baali.
34 Ilmi Yoonaataan: Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti.
Yonathani akamzaa: Merib-Baali, naye Merib-Baali akamzaa Mika.
35 Ilmaan Miikaa: Phiitoon, Meleek, Taareʼaa fi Aahaaz.
Wana wa Mika walikuwa: Pithoni, Meleki, Tarea na Ahazi.
36 Aahaaz abbaa Yihoʼaadaa ti; Yihooʼadaan abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti.
Ahazi akamzaa Yehoada. Naye Yehoada akawazaa Alemethi, Azmawethi na Zimri, naye Zimri akamzaa Mosa.
37 Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Raafaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti.
Mosa akamzaa Binea, Binea akamzaa Rafa, na mwanawe huyo ni Eleasa, na mwanawe huyo ni Aseli.
38 Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis: Azriiqaam, Bookeruu, Ishmaaʼeel, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen hundi ilmaan Aazeelii ti.
Aseli alikuwa na wana sita; haya ndiyo majina yao: Azrikamu, Bokeru, Ishmaeli, Shearia, Obadia na Hanani. Hawa wote ndio waliokuwa wana wa Aseli.
39 Ilmaan obboleessa isaa Eseeqii: Ilmi isaa hangafni Uulaam, ilmi isaa lammaffaan Yeʼuushi, ilmi isaa sadaffaan Eliiphelexi.
Wana wa Esheki, nduguye Aseli, walikuwa: Mzaliwa wake wa kwanza alikuwa Ulamu, wa pili Yeushi na wa tatu Elifeleti.
40 Ilmaan Uulaam loltoota jajjaboo xiyyaan loluu dandaʼan turan. Isaanis ilmaanii fi ilmaan ilmaanii hedduu walumatti nama 150 qabu turan. Isaan kunneen hundi ilmaan Beniyaam turan.
Wana wa Ulamu walikuwa mashujaa hodari walioweza kutumia upinde. Alikuwa na wana wengi na wajukuu, jumla yao 150. Hawa wote ndio walikuwa wazao wa Benyamini.

< 1 Seenaa 8 >