< Ishaya 48 >
1 “Ku kasa kunne ga wannan, ya gidan Yaƙub, waɗanda ake kira da sunan Isra’ila suka kuma fito daga zuriyar Yahuda, ku da kuke yin rantsuwa da sunan Ubangiji kuna kuma kira sunan Allah na Isra’ila, amma ba da gaskiya ko adalci ba,
“Yaa mana Yaaqoob, isin warri maqaa Israaʼeliin waamamtan, kanneen sanyii Yihuudaa irraa argamtan, isin warri maqaa Waaqayyootiin kakattanii garuu dhugaadhaan yookaan qajeelummaadhaan utuu hin taʼin maqaa Waaqa Israaʼel dhooftan waan kana dhaggeeffadhaa;
2 ku da kuke kiran kanku’yan ƙasar birni mai tsarki kuna kuma dogara ga Allah na Isra’ila, Ubangiji Maɗaukaki ne sunansa,
isin warri maqaa magaalaa qulqullittiitiin of waamtan, kanneen Waaqa Israaʼelitti irkattan, waan kana dhaggeeffadhaa; maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha:
3 na nanata abubuwan da suka riga suka faru tuntuni, bakina ya yi shelar su na kuma sanar da su; sai nan da nan na aikata, suka kuma faru.
Ani wantoota durii duraan dursee dubbadheera; isaan afaan kootii baʼan; 1 anis akka isaan beekaman nan godhe; anis akkuma tasaa hojjedhe; isaanis ni raawwataman.
4 Gama na san yadda kuke da taurinkai; jijiyoyin wuyanku ƙarafa ne, goshinku tagulla ne.
Ani akka ati mata jabeessa taate beekeen tureetii; ribuun morma keetii sibiila ture; addi kee naasii ture.
5 Saboda haka na faɗa waɗannan abubuwa tuntuni; kafin su faru na yi shelarsu gare ku saboda kada ku ce, ‘Gumakana ne suka yi su; siffar itacena da allahn zinariyana ne ya ƙaddara su.’
Kanaafuu ani wantoota kanneen bara dheeraan dura sitti himeera; ani akka ati, ‘waaqota koo tolfamootu isaan hojjete; fakkii koo kan muka irraa hojjetamee fi waaqa sibiila irraa hojjetametu murteesse’ jechuu hin dandeenyeef utuu isaan hin uumaminiin dura sitti himeera.
6 Kun riga kun ji waɗannan abubuwa; kuka gan su duka. Ba za ku yarda da su ba? “Daga yanzu zuwa gaba zan faɗa muku sababbin abubuwa, na ɓoyayyun abubuwan da ba ku sani ba.
Ati wantoota kanneen dhageesseerta; isaan hunda ilaali. Ati isaan amantee hin fudhattuu? “Ani ammaa jalqabee waan haaraa, waan dhokfamee jiru kan ati hin beekin sitti nan hima.
7 Yanzu an halicce su, ba da daɗewa ba; ba ku riga kun ji game da su kafin yau ba. Saboda haka ba za ku ce, ‘I, na san da su ba.’
Isaan amma uumaman malee bara dheeraan dura miti; ati harʼaan dura waaʼee isaanii hin dhageenye. Kanaafuu ati, ‘Kunoo ani waaʼee isaanii beekeen ture’ jechuu hin dandeessu.
8 Ba ku ji ko balle ku gane ba; tun da kunnenku bai buɗu ba. Tabbatacce na san yadda kun zama masu tayarwa; an kira ku’yan tawaye daga haihuwa.
Ati takkumaa dhageessee yookaan hubattee hin beektu; gurri kee durumaa jalqabee hin banamne. Ani akka ati micciiramaa taate beeka; ati dhaloota keetii jalqabdee fincilaa jedhamtee waamamte.
9 Saboda girman sunana na jinkirta fushina; saboda girman yabona na janye shi daga gare ku, don dai kada a yanke ku.
Ani maqaa kootiif jedhee dheekkamsa koo nan tursiisa; ani akka si hin balleessineef galata kootiif jedhee dheekkamsa koo duubatti harkisa.
10 Duba, na tace ku, ko da yake ba kamar azurfa ba; na gwada ku cikin wutar wahala.
Kunoo, ani yoo akka meetiitti taʼuu baate iyyuu si qulqulleesseera; ibidda dhiphinaa keessattis qoree si ilaaleera.
11 Saboda girmana, saboda girmana, na yi haka. Yaya zan ƙyale a ƙazantar da kaina? Ba zan raba ɗaukakata da wani ba.
Ani ofii kootiif jedhee, ofuma kootiif jedhee waan kana nan godha. Maqaan koo akkamitti baduu dandaʼa? Ani ulfina koo dabarsee kan biraatiif hin kennu.
12 “Ka kasa kunne gare ni, ya Yaƙub, Isra’ila, wanda na kira cewa, Ni ne shi; ni ne na farko ni ne kuma na ƙarshe.
“Yaa Yaaqoob, Yaa Israaʼel kan ani si waame, na dhaggeeffadhu: Ani isuma; ani kan jalqabaa ti; ani kan dhumaa ti.
13 Hannuna ne ya kafa harsashen duniya, hannuna na dama kuma ya shimfiɗa sammai; sa’ad da na kira su, duka suka miƙe tsaye gaba ɗaya.
Harki koo hundeewwan lafaa dhaabe; harki koo mirgaa immoo samiiwwan diriirse; yommuu ani isaan waamutti, hundi isaanii walii wajjin dhaabatu.
14 “Ku tattaru, dukanku ku kuma saurara, Wanne a cikin gumakan ya iya faɗa waɗannan abubuwa? Zaɓaɓɓen da Ubangiji yake ƙauna zai aikata nufinsa a kan Babilon; hannunsa zai yi gāba da Babiloniyawa.
“Hundi keessan walitti qabamaatii dhaggeeffadhaa; waaqota tolfamoo keessaa kamitu duraan dursee wantoota kanneen dubbate? Michuun Waaqayyoo filatamaan kaayyoo Waaqaa Baabilon irratti fiixaan baasa; irreen isaa Baabilonotatti kaʼa.
15 Ni kaina, na faɗa; I, na kira shi. Zan kawo shi, zai kuma yi nasara a cikin aikinsa.
Ani, ani mataan koo dubbadheera; dhugumaan ani isa waameera. Ani isa nan fida; innis karaa isaa irratti ni milkaaʼa.
16 “Ku zo kusa da ni ku kuma saurari wannan. “Daga farkon shela ban yi magana a ɓoye ba; a lokacin da ya faru, ina nan a wurin.” Yanzu kuwa Ubangiji Mai Iko Duka ya aiko ni, da Ruhunsa.
“Natti dhiʼaadhaatii waan kana dhagaʼaa: “Ani jalqabumaa kaasee dhoksaatti hin dubbanne; yeroo wanni sun taʼettis ani achuman ture.” Ammas Waaqayyo Gooftaanii fi Hafuurri isaa na erganiiru.
17 Ga abin da Ubangiji yana cewa, Mai Fansarku, Mai Tsarkin nan na Isra’ila ya ce, “Ni ne Ubangiji Allahnku, wanda ya koya muku abin da ya fi muku kyau, wanda ya muku hanyar da za ku bi.
Waaqayyo Furiin kee, Qulqullichi Israaʼel akkana jedha: “Ani Waaqayyo Waaqa kee, kan waan siif tolu si barsiisu, kan karaa ati deemuu qabdu irra si qajeelchuu dha.
18 Da a ce kawai za ku mai da hankali ga umarnaina, da salamarku ta zama kamar kogi, adalcinku kamar raƙuman teku.
Ati utuu ajaja koo qalbeeffattee jiraattee, nagaan kee akka lagaa, qajeelummaan kee immoo akka dhaʼaa galaanaa taʼa ture.
19 Da zuriyarku ta zama kamar yashi,’ya’yanku kamar tsabar hatsin da ba a iya ƙidayawa; da ba za a taɓa yanke sunansu balle a hallaka su daga gabana ba.”
Sanyiin kee akkuma cirrachaa, ijoolleen kee akkuma biyyoo lafaa baayʼatu ture; maqaan isaanii hin haqamu; isaanis fuula koo duraa hin dhabaman ture.”
20 Ku bar Babilon, ku gudu daga Babiloniyawa! Ku yi shelar wannan da sowa ta farin ciki ku kuma furta shi. Ku aika shi zuwa iyakokin duniya; ku ce, “Ubangiji ya fanshi bawansa Yaƙub.”
Baabilon keessaa baʼaa; Baabilonota duraa baqadhaa! Waan kana iyya gammachuutiin beeksisaa; labsaas. Hamma handaara lafaatti dabarsaa; “Waaqayyo garbicha isaa Yaaqoobin fureera” jedhaa.
21 Ba su ji ƙishi ba sa’ad da ya bishe su a cikin hamada; ya sa ruwa ya malalo dominsu daga dutse; ya tsage dutse ruwa kuwa ya kwararo.
Isaan yommuu inni lafa gammoojjii keessa isaan qajeelchetti hin dheebonne; inni kattaa keessaa bishaan burqisiiseef; inni kattaa dhoosee, bishaanis humnaan cabsee baʼe.
22 “Babu salama ga mugaye” in ji Ubangiji.
“Hamootaaf nagaan hin jiru” jedha Waaqayyo.