< Ishaya 26 >

1 A wannan rana za a rera wannan waƙa a ƙasar Yahuda. Muna da birni mai ƙarfi; Allah yake ceton katanga da kuma kagarunta.
Bara sana faarfannaan kun biyya Yihuudaa keessatti faarfatama: Nu magaalaa jabaa qabna; Waaqnis fayyina, dallaa eegumsa isheetii fi daʼannoo ishee taasisa.
2 A buɗe ƙofofi saboda al’umma mai adalci ta shiga, al’ummar da mai aminci.
Akka sabni qajeelaan, sabni amanamummaadhaan jiraatu ol seenuuf, karrawwan banaa.
3 Za ka kiyaye shi da cikakken salama shi wanda ya kafa zuciyarsa gare ka, domin ya dogara a gare ka.
Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.
4 Ku dogara ga Ubangiji, gama shi Ubangiji, ne madawwamin Dutse.
Sababii Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa, Kattaa bara baraa taʼeef, bara baraan Waaqayyoon amanadhaa.
5 Yakan ƙasƙantar da waɗanda suke zama a bisa ya kawar da birni mai alfarma ƙasa; ya rusa ta har ƙasa ya jefar da ita cikin ƙura.
Inni warra iddoo ol kaʼaa irra jiraatan gad qaba; magaalaa tabba irra jirtu gad buusa; lafatti gatees awwaaratti ishee maka.
6 Ƙafafu sukan tattake ta, ƙafafu waɗanda aka zalunta, wato, sawun matalauta.
Miilli, miilli warra hacuucamee, faanni hiyyeeyyii ishee dhidhiita.
7 Hanyar masu adalci sumul take; Ya Mai Aikata Gaskiya, ka sa hanyar masu adalci ta yi sumul.
Daandiin nama qajeelaa wal qixxaataa dha; yaa Isa Tolaa, ati qajeeltotaaf karaa baafta.
8 I, Ubangiji, cikin tafiya a hanyar dokokinka, muna sa zuciya gare ka; sunanka da tunani a kanka su ne marmarin zukatanmu.
Yaa Waaqayyo, nu karaa seera keetii irra deemaa si eegganna, maqaan keetii fi beekamuun kee hawwii garaa keenyaa ti.
9 Raina yana marmarinka da dare; da safe kuma raina yana son ganinka. Sa’ad da hukunce-hukuncenka suka sauko duniya, mutanen duniya kan koyi adalci.
Halkan lubbuun koo si yaaddi; ganamas hafuurri koo baayʼisee si barbaada. Yeroo murtiin kee gara lafaa dhufutti, uummanni addunyaa qajeelummaa barata.
10 Ko da yake akan nuna wa mugaye alheri, ba sa koyi adalci; har ma a ƙasar masu aikata gaskiya sukan ci gaba da aikata mugunta ba sa ganin girmar darajar Ubangiji.
Namni hamaan gara laafinni godhamuuf iyyuu, qajeelummaa hin baratu; biyya qajeelummaan jirutti iyyuu inni ittuma fufee jalʼina hojjeta; surraa Waaqayyoos hin hubatu.
11 Ya Ubangiji an ɗaga hannunka sama, amma ba sa ganinsa. Bari su ga himmarka don mutanenka su kuma sha kunya; bari wutar da aka ajiye don abokan gābanka ta cinye su.
Yaa Waaqayyo, harki kee ol kaafameera; isaan garuu isa hin argan. Isaan hinaaffaa ati saba keetiif qabdu arganii haa qaanaʼan; ibiddi diinota keetiif kuufame sun isaan haa balleessu.
12 Ubangiji ka kafa salama dominmu; duk abin da muka iya yi kai ne ka yi mana.
Yaa Waaqayyo, ati nagaa nuuf kenniteerta; ati hojii keenya hunda nuuf hojjetteertaatii.
13 Ya Ubangiji, Allahnmu, waɗansu iyayengiji ban da kai sun yi mulki a kanmu, amma sunanka kaɗai muka girmama.
Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, si malee gooftonni biraa nu bulchaniiru; nu garuu maqaa kee qofa ulfeessina.
14 Yanzu duk sun mutu, ba za su ƙara rayuwa ba; waɗannan ruhohin da suka rasu ba za su tashi ba. Ka hukunta su ka kuma kawo su ga hallaka; ka sa ba za a ƙara tunawa da su ba.
Isaan amma duʼaniiru; siʼachi hin jiraatan; isaan gaaddidduu dha; deebiʼaniis hin kaʼan. Ati isaan adabde; isaan balleessites; yaadannoo isaanii hundas ni barbadeessite.
15 Ka fadada al’umma, ya Ubangiji; ka fadada al’umma. Ka samo wa kanka ɗaukaka; ka fadada dukan iyakokin ƙasar.
Yaa Waaqayyo, ati saba baayʼisteerta; ati saba baayʼisteerta; ati ofii keetiif ulfina argatteerta; daarii biyyaa hunda balʼifteerta.
16 Ubangiji, sun zo gare ka a cikin damuwarsu; sa’ad da ka hore su, da ƙyar suna iya yin addu’a.
Yaa Waaqayyo, isaan yeroo dhiphinaatti si barbaaddatan; yeroo ati isaan adabdetti isaan kadhannaa gad roobsan.
17 Kamar mace mai ciki da take gab da haihuwa takan yi ta murɗawa tana kuka saboda zafi, haka muka kasance a gabanka, ya Ubangiji.
Akkuma dubartiin ulfaa yeroo daʼuu geessutti, ciniinsuudhaan wixxirfattee iyyitu sana, yaa Waaqayyo, nus fuula kee duratti akkasuma taaneerra.
18 Muna da ciki, mun yi ta murɗewa saboda zafi, amma mun haifi iska. Ba mu kawo ceto ga duniya ba; ba mu haifi mutanen duniya ba.
Nu ulfoofnee, ciniinsuudhaan wixxirfanne; nu garuu bubbee deenye. Nu lafaaf fayyina hin fidne; nu uummata addunyaa hin deenye.
19 Amma matattunka za su rayu; jikunansu za su tashi. Ku da kuke zama a ƙura, ku farka ku kuma yi sowa don farin ciki. Raɓarka kamar raɓar safiya ce; duniya za tă haifi matattunta.
Garuu namoonni kee kanneen duʼan ni jiraatu; dhagni isaaniis duʼaa ni kaʼa. Isin warri biyyoo keessa jiraattan, dammaqaatii gammachuudhaan ililchaa. Fixeensi kee akkuma fixeensa ganamaa ti; laftis warra duʼan of keessaa baafti.
20 Ku tafi, mutanena, ku shiga ɗakunanku ku kuma kulle ƙofofi; ku ɓoye kanku na ɗan lokaci sai ya huce fushinsa.
Yaa saba ko, kutaa mana keetti ol galiitii duubaan balbala ofitti cufi; hamma dheekkamsi isaa darbutti, yeroo muraasaaf of dhoksi.
21 Duba, Ubangiji yana fitowa daga mazauninsa don yă hukunta mutanen duniya saboda zunubansu. Duniya za tă bayyana zub da jinin da aka yi a kanta; ba za tă ƙara ɓoye waɗanda aka kashe a cikinta ba.
Kunoo, Waaqayyo sababii cubbuu isaaniitiif uummata lafa irraa adabuuf iddoo jireenya isaatii baʼee dhufaa jira. Lafti dhiiga ishee irratti dhangalaafame sana ifa baafti; siʼachi warra ishee irratti qalaman hin dhoksitu.

< Ishaya 26 >