< Esdras 4 >
1 Or les ennemis de Juda et de Benjamin apprirent que les enfants de la captivité bâtissaient un temple au Seigneur Dieu d’Israël:
Diinonni Yihuudaa fi Beniyaam yeroo akka warri boojuudhaa deebiʼan sun Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaaraa jiran dhagaʼanitti,
2 Et s’approchant de Zorobabel et des princes des pères, ils leur dirent: Nous bâtirons avec vous, parce que, comme vous, nous cherchons votre Dieu: voilà que nous, nous avons immolé des victimes depuis les jours d’Asor-Haddan, roi d’Assur, qui nous amena ici.
gara Zarubaabelii fi gara hangafoonni maatiiwwanii dhufanii akkana jedhaniin; “Sababii nus akkuma keessan Waaqa keessan barbaannee bara Eesarhadoon mooticha Asoor kan as nu fide sanaatii jalqabnee aarsaa dhiʼeessafii turreef nus isin wajjin haa ijaarru.”
3 Zorobabel leur répondit, ainsi que Josué et tous les autres princes des pères d’Israël: Ce n’est pas à vous et à nous de bâtir ensemble une maison à notre Dieu; mais nous seuls nous bâtirons au Seigneur notre Dieu, comme nous l’a ordonné Cyrus, roi des Perses.
Zarubaabel, Yeeshuuʼaa fi hangafoonni maatii Israaʼel kaan garuu, “Isin mana Waaqa keenyaa nu wajjin ijaaruuf qooda hin qabdan. Numa qofatu akkuma Qiiros Mootichi Faares nu ajaje sanatti Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana qulqullummaa ijaara” jedhanii deebisan.
4 Il arriva donc que le peuple du pays empêchait les mains du peuple de Juda, et le troublait pendant qu’il bâtissait.
Namoonni naannoo isaanii akka isaan itti fufanii ijaaruu sodaataniif namoota Yihuudaa abdii kutachiisuuf kaʼan.
5 Ensuite on gagna contre eux des conseillers, pour détruire leur dessein durant les jours de Cyrus, roi des Perses, et jusqu’au règne de Darius, roi des Perses.
Isaanis bara Qiiros mooticha Faaresiitii jalqabee hamma bara Daariyoos mooticha Faaresitti jiru hunda kaayyoo isaanii gufachiisuudhaaf qondaaltota isaaniin morman itti bitan.
6 Or, sous le règne d’Assuérus, et au commencement de son règne, ils écrivirent une accusation contre les habitants de Juda et de Jérusalem;
Isaanis jalqaba bara mootummaa Ahashweroositti saba Yihuudaa fi kan Yerusaalem himatan.
7 Et aux jours d’Artaxerxès, Bésélam-Mithridate et Thabéel et les autres qui étaient dans leur conseil, écrivirent à Artaxerxès, roi des Perses: or la lettre d’accusation était écrite en syriaque, et on la lisait en la langue de Syrie.
Bara Arxeksis mooticha Faares keessa Biishlaam, Mitredaat, Xaabiʼeelii fi michoota isaa biraa xalayaa tokko Arxeksisitti barreessan. Xalayaan sunis qubee Araamaayikii fi afaan Araamaayikiin barreeffame.
8 Réum-Béeltéem et Samsaï, le scribe, écrivirent une lettre de Jérusalem au roi Artaxerxès, en ces termes:
Rehuum ajajaan qondaaltichii fi Shiimshaayi barreessaan sun Yerusaalemiin mormuudhaan akkana jedhanii xalayaa tokko Arxeksis mootichatti barreessan:
9 Réum-Béeltéem et Samsaï, le scribe, et leurs autres conseillers, Dinéens, Apharsathachéens, Therphaléens, Apharséens, Erchuéens, Babyloniens, Susanéchéens, Diévéens, et Elamites,
Rehuum ajajaan qondaaltichi, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii kaan wajjin jechuunis abbootii murtii fi qondaaltota namoota Tiripooliis, Faaresi, Arkii fi Baabilon dhufan, akkasumas warra Elaamota Suusaa dhufan bulchanii fi
10 Et tous les autres des nations qu’a transportées Asénaphar, le grand et le glorieux, et qu’il a fait habiter en paix dans les villes de Samarie et dans les autres contrées au-delà du fleuve.
namoota Osnaapher guddichii fi kabajamaan sun biyyaa baasee magaalaa Samaariyaa keessaa fi Laga Efraaxiis gama qubachiise kaan wajjin barreessan.
11 (Voici la copie de la lettre qu’ils lui envoyèrent): À Artaxerxès roi, vos serviteurs, les hommes qui sont au-delà du fleuve, disent salut.
Kun garagalcha xalayaa jarri isaaf erganii ti. Gara Arxeksis Mootichaa, tajaajiltoota kee warra Laga Efraaxiisiin Gamaa irraa:
12 Qu’il soit connu du roi que les Juifs qui sont montés de chez vous vers nous, sont venus à Jérusalem, ville rebelle et très méchante, qu’ils bâtissent, construisant ses murs et rétablissant les maisons.
Mootichi akka Yihuudoonni si biraa gara keenya dhufan sun Yerusaalem dhaqanii magaalaa finciltuu fi hamtuu sana deebisanii ijaaraa jiran beekuu qaba. Isaan dallaa dhagaa deebisanii ijaaruudhaan hundeewwan ishee jajjabeessaa jiru.
13 Maintenant donc, qu’il soit connu du roi que si cette ville est bâtie et ses murs restaurés, ils ne payeront ni tribut, ni impôt, ni revenus annuels; et cette perte retombera jusque sur le roi.
Kana malee iyyuu mootichi akka yoo magaalaan kun ijaaramtee dallaan ishee jajjabeeffame akka siʼachi qaraxni, gibirri yookaan ashuuraan hin argamnee fi akka galiin mootummaas gad buʼu beekuu qaba.
14 Or, nous souvenant du sel que nous avons mangé dans le palais, et parce que nous regardons comme un crime les offenses faites au roi, c’est pourquoi nous avons envoyé, et nous avons averti le roi,
Nu amma waan itti gaafatamummaa masaraa mootummaa qabnuu fi waan akka mootichi ulfina dhabu arguu hin feeneef akka mootichi beekuuf jennee ergaa kana itti ergineerra;
15 Afin que vous regardiez dans les livres des histoires de vos pères; car vous trouverez écrit dans les annales, et vous apprendrez que cette ville est une ville rebelle et funeste aux rois et aux provinces, et que des guerres sont fomentées en elle depuis les jours anciens: c’est pourquoi la cité elle-même a été détruite.
kunis akka manneen galmee abbootii keetii sakattaʼamaniif. Atis galmeewwan kana keessatti akka magaalaan kun durumaa jalqabdee magaalaa finciltuu, kan moototaa fi kutaalee biyyaa rakkiftu, iddoo finciltuu taate ni argita. Wanni magaalaan kun barbadeeffamteefis kanuma.
16 Nous annonçons donc au roi que, si cette ville est rebâtie et ses murs restaurés, vous n’aurez pas de possession au-delà du fleuve.
Yaa mooticha, yoo magaalaan kun ijaaramee dallaan isaas jajjabeeffame, akka ati Laga Efraaxiis Gamaa waan tokko illee hin qabaanne nu sitti himna.
17 Le roi envoya une réponse à Réum-Béeltéem, et à Samsaï, le scribe, aux autres habitants de Samarie qui étaient dans leur conseil, et à tous ceux d’au-delà du fleuve, disant salut et paix.
Mootichis akkana jedhee deebii kana erge: Gara Rehuum ajajaa qondaaltichaa, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii kanneen Samaariyaa keessaa fi Efraaxiisiin gama jiraatan kaaniitti: Nagaan keenya isin haa gaʼu.
18 L’accusation que vous nous avez envoyée a été lue clairement devant moi,
Xalayaan isin nuuf ergitan sun dubbifamee fuuluma koo duratti hiikameera.
19 Et il a été ordonné par moi, et on a examiné, et on a trouvé que cette ville, depuis les jours anciens, se révolte contre les rois, et que les séditions et les guerres sont fomentées en elle;
Anis ajaja kennee galmeen qoratameera; magaalaan kunis akka durumaa jalqabee moototatti fincilaa turte, akka isheen holqa finciltootaa fi mormitootaa taates beekameera.
20 Car il y a eu aussi des rois très puissants à Jérusalem, qui ont même dominé sur toute la contrée qui est au-delà du fleuve; ils recevaient un tribut, un impôt et des revenus.
Yerusaalem mootota ciccimoo guutummaa Gama Laga Efraaxiis bulchan qabdi turte; qaraxni, gibirrii fi ashuuraan isaaniif kennama ture.
21 Maintenant donc, écoutez ma décision: Empêchez ces hommes, afin que cette ville ne soit pas bâtie, jusqu’à ce que cela ait été commandé par moi.
Akka magaalaan kun deebifamtee hin ijaaramne hamma ani labsii baasutti akka isaan hojii dhaabaniif isin amma namoota kanneenitti ajaja dabarsaa.
22 Prenez garde de remplir cet ordre avec négligence, et que peu à peu le mal ne s’accroisse contre les rois.
Akka waan kana hin tuffanneef of eeggadhaa. Maaliif hamma rakkoon kun guddatee fedhii mootummaatti gufuu taʼutti ittuma dhiiftuu?
23 C’est pourquoi la copie de l’édit du roi Artaxerxès fut lue devant Réum-Béeltéem et Samsaï, le scribe, et leurs conseillers; et ils allèrent en grande hâte à Jérusalem vers les Juifs, et les repoussèrent avec un bras fort.
Akkuma garagalchi xalayaa Arxeksis Mootichaa sun fuula Rehuum, Shiimshaayi barreessaa fi michoota isaanii duratti dubbifameen isaan yoosuma gara Yihuudoota Yerusaalem keessa jiraatanii dhaqanii humnaan hojii isaan dhaabsisan.
24 Alors fut interrompu l’ouvrage de la maison du Seigneur à Jérusalem, et l’on n’y travailla pas jusqu’à la seconde année du règne de Darius, roi des Perses.
Akkasiin hojiin mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sun hamma waggaa lammaffaa bara Daariyoos mooticha Faaresitti ni dhaabatte.