< Psaumes 129 >
1 Cantique graduel. Dès mon jeune âge ils m'ont beaucoup opprimé, (qu'ainsi parle Israël!)
Faarfannaa ol baʼuu. Israaʼel akkana haa jedhu; “Isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru;
2 dès mon jeune âge ils m'ont beaucoup opprimé, mais ils n'ont pu l'emporter sur moi.
isaan dargaggummaa kootii jalqabanii akka malee na cunqursaniiru; garuu na hin moʼanne.
3 Ils ont déchiré mon dos, comme ceux qui labourent, ils y ont tracé de longs sillons.
Warri qootiisa qotan dugda koo qotan; boʼoo isaaniis ni dheeressan.
4 L'Éternel est juste, Il a rompu les fers où me retenaient des impies.
Waaqayyo garuu qajeelaa dha; funyoo jalʼootaa gargar kukkuteera.”
5 Qu'ils soient confondus, et fassent retraite tous ceux qui haïssent Sion!
Warri Xiyoonin jibban hundinuu, qaaniidhaan duubatti haa deebiʼan.
6 Qu'ils soient comme l'herbe des toits, qui sèche, avant d'être arrachée,
Isaan akka marga bantii manaa irraa kan utuu hin guddatin goguu haa taʼan;
7 dont le moissonneur ne remplit point sa main, dont le lieur ne charge point son bras;
namichi haamu qabaa isaa guuttachuu, yookaan namichi walitti qabu bissii isaa guuttachuu hin dandaʼu.
8 et les passants ne disent pas: « Que l'Éternel vous bénisse! Nous vous bénissons au nom de l'Éternel! »
Warri achiin darban, “Eebbi Waaqayyoo isiniif haa taʼu; maqaa Waaqayyootiin isin eebbifna” isaaniin hin jedhin.