< Exode 8 >
1 Yahweh dit à Moïse: « Va vers Pharaon, et tu lui diras: Ainsi dit Yahweh: Laisse aller mon peuple, afin qu’il me serve.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Faraʼoon bira dhaqii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Akka sabni koo na tajaajiluuf gad dhiisi.
2 Si tu refuses de le laisser aller, voici que je vais frapper du fléau des grenouilles toute l’étendue de ton pays.
Yoo ati gad isa dhiisuu didde immoo kunoo ani biyya kee guutuutti dhaʼicha fattee nan erga.
3 Le fleuve fourmillera de grenouilles; elles monteront et entreront dans ta maison, dans ta chambre à coucher et sur ton lit, dans la maison de tes serviteurs, et au milieu de ton peuple, dans tes fours et dans tes pétrins;
Lagni Abbayyaa fatteedhaan guutuma; isaanis ol baʼanii mana keetti, dinqa keetti, siree keetti, mana hojjettoota keetiitti, saba keetti, iddoo ibiddaa keetti, qodaa bukoo keetiittis namʼu.
4 sur toi, sur ton peuple et sur tous tes serviteurs les grenouilles monteront. »
Fatteewwan kunneen siʼii fi saba kee, qondaaltota kee hundas ni yaabbatu.’”
5 Yahweh dit à Moïse: « Dis à Aaron: étends ta main avec ton bâton sur les rivières, sur les canaux et sur les étangs, et fais monter les grenouilles sur le pays d’Égypte. »
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Arooniin akkana jedhi; ‘Ulee kee qabadhuutii harka kee burqaawwan irratti, lageenii fi kuusaa bishaanii irratti ol kaafadhuutii akka fatteewwan biyya Gibxitti dhufan godhi.’”
6 Aaron étendit sa main sur les eaux de l’Égypte, et les grenouilles montèrent et couvrirent le pays d’Égypte.
Aroon harka isaa bishaanota Gibxitti ol kaafate; fatteewwanis ol baʼanii biyya sana guutan.
7 Mais les magiciens firent la même chose par leurs enchantements; ils firent monter les grenouilles sur le pays d’Égypte.
Tolfattoonnis falfala isaaniitiin akkasuma godhan; biyya Gibxittis fatteewwan fidan.
8 Pharaon appela Moïse et Aaron, et leur dit: « Priez Yahweh afin qu’il éloigne les grenouilles de moi et de mon peuple, et je laisserai aller le peuple, pour qu’il offre des sacrifices à Yahweh. »
Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Akka inni anaa fi saba koo irraa fatteewwan fageessuuf Waaqayyo kadhadhaa; anis akka sabni keessan dhaqee Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf gadin dhiisa” jedhe.
9 Moïse dit à Pharaon: « Donne-moi tes ordres! Pour quand dois-je faire des prières en ta faveur, en faveur de tes serviteurs et de ton peuple, afin que Yahweh éloigne les grenouilles de toi et de tes maisons, de manière à ce qu’il n’en reste plus que dans le fleuve? »
Museenis Faraʼooniin, “Akka fatteewwan siʼii fi manneen kee irraa badanii laga Abbayyaa qofa keessatti hafaniif yeroo ani itti siif, qondaaltota keetii fi saba keetiif illee Waaqa kadhadhu ati na beeksisi” jedhe.
10 Il répondit: « Pour demain ». Et Moïse dit: « Il en sera ainsi, afin que tu saches que nul n’est pareil à Yahweh, notre Dieu.
Faraʼoon immoo, “Bor” jedheen. Museenis akkana jedhee deebise; “Waaqayyo Waaqa keenyaa fakkaatu kan tokko iyyuu akka hin jirre akka beektuuf akkuma ati jettu taʼa.
11 Les grenouilles se retireront de toi et de tes maisons, de tes serviteurs et de ton peuple; il n’en restera que dans le fleuve. »
Fatteewwan sun siʼii fi manneen kee irraa, qondaaltota keetii fi saba kee irraa ni badu; laga Abbayyaa qofa keessattis ni hafu.”
12 Moïse et Aaron sortirent de chez Pharaon, et Moïse cria vers Yahweh au sujet des grenouilles dont il avait affligé Pharaon.
Musee fi Aroon erga Faraʼoon biraa gad baʼanii booddee Museen waaʼee fatteewwan Waaqni Faraʼoonitti erge sanaa Waaqayyotti iyye.
13 Yahweh fit selon la parole de Moïse, et les grenouilles moururent dans les maisons, dans les cours et dans les champs.
Waaqayyos akkuma Museen kadhate godhe. Fatteewwan sunis mana keessatti, oobdii irratti, dirree irrattis dhuman.
14 On les entassa en monceaux, et le pays en fut infecté.
Fatteewwan sunis walitti qabamanii tuulaman; biyyattiinis ni ajoofte.
15 Mais Pharaon, voyant qu’on respirait, endurcit son cœur, et il n’écouta pas Moïse et Aaron, selon que Yahweh l’avait dit.
Faraʼoon garuu yommuu akka dhaʼichi sun qabbanaaʼe argetti akkuma Waaqayyo dubbatee ture sana mata jabeessa taʼee Musee fi Aroonin dhagaʼuu dide.
16 Yahweh dit à Moïse: « Dis à Aaron: Etends ton bâton et frappe la poussière de la terre, et elle se changera en moustiques dans tout le pays d’Égypte. »
Ergasiis Waaqayyo Museedhaan, “Arooniin, ‘Ulee kee ol kaasiitii awwaara lafaa dhaʼi’ jedhi; awwaarri sunis biyya Gibxi guutuu keessatti injiraan taʼa” jedhe.
17 Ils firent ainsi; Aaron étendit sa main avec son bâton et frappa la poussière de la terre, et les moustiques furent sur les hommes et sur les animaux. Toute la poussière de la terre fut changée en moustiques, dans tout le pays d’Égypte.
Isaanis akkasuma godhan. Yommuu Aroon harka isaa isa ulee qabate ol kaafatee awwaara lafaa dhaʼetti injiraan namaa fi horiitti duudde. Awwaarri guutuu biyya Gibxi keessa jiru hundi injiraan taʼe.
18 Les magiciens firent de même avec leurs enchantements, afin de produire des moustiques; mais ils ne le purent pas. Les moustiques étaient sur les hommes et sur les animaux.
Tolfattoonni garuu falfala isaaniitiin injiraan gad yaasuu yaalanii dadhaban. Injiraanis namaa fi horii irra ture.
19 Et les magiciens dirent à Pharaon: « C’est le doigt d’un dieu! » Et le cœur de Pharaon s’endurcit, et il ne les écouta pas, selon que Yahweh l’avait dit.
Tolfattoonnis Faraʼooniin, “Kun quba Waaqaa ti” jedhan. Faraʼoon garuu akkuma Waaqayyo dubbate sana mata jabeessa taʼee dhagaʼuu dide.
20 Yahweh dit à Moïse: « Lève-toi de bon matin et présente-toi devant Pharaon, au moment où il sort pour aller au bord de l’eau. Tu lui diras: Ainsi parle Yahweh: Laisse aller mon peuple afin qu’il me serve.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ganama barii kaʼiitii fuula Faraʼoon duratti dhiʼaadhu; kunoo inni gara bishaanitti gad baʼa; akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo akkana jedha: Akka inni na tajaajiluuf saba koo gad dhiisi.
21 Si tu ne laisses pas aller mon peuple, je vais envoyer des scarabées contre toi, contre tes serviteurs, contre ton peuple et contre tes maisons; les maisons des Égyptiens seront remplies de scarabées, ainsi que la terre qu’ils habitent.
Yoo ati saba koo gad dhiisuu didde immoo kunoo, ani tuuta tisiisaa sitti, qondaaltota keetti, saba keetti, manneen keetti nan erga. Manneen warra Gibxi, lafti isaan jiraatanis tisiisaan guutamu.
22 Mais je distinguerai, ce jour-là, le pays de Gessen, où mon peuple habite, et là il n’y aura pas de scarabées, afin que tu saches que moi, Yahweh, je suis au milieu de cette terre.
“‘Ani garuu guyyaa sana iddoo sabni koo jiraatu Gooshenin haala addaatiin nan ilaala; akka ati akka ani Waaqayyo biyya kana keessa jiru beektuuf tisiisni tokko iyyuu achi hin jiraatu.
23 J’établirai ainsi une différence entre mon peuple et ton peuple; c’est demain que ce signe aura lieu. »
Ani saba kootii fi saba kee gidduutti garaa garummaa nan uuma. Mallattoon kunis bori taʼa.’”
24 Yahweh fit ainsi; il vint une multitude de scarabées dans la maison de Pharaon et de ses serviteurs, et tout le pays d’Égypte fut ravagé par les scarabées.
Waaqayyos akkasuma godhe. Tisiisni baayʼeen mana Faraʼoonii fi manneen qondaaltota isaatti duude; biyyi Gibxi guutuunis tisiisaan balleeffame.
25 Pharaon appela Moïse et Aaron, et leur dit: « Allez, offrez des sacrifices à votre Dieu dans ce pays. »
Faraʼoonis Musee fi Aroonin ofitti waamee, “Dhaqaatii biyyuma kana keessatti Waaqa keessaniif aarsaa dhiʼeessaa” jedheen.
26 Moïse répondit: « Il ne convient pas de faire ainsi, car c’est une abomination pour les Égyptiens que les sacrifices que nous offrons à Yahweh, notre Dieu; et si nous offrons, sous les yeux des Égyptiens, des sacrifices qui sont pour eux des abominations, ne nous lapideront-ils pas?
Museen immoo deebisee akkana jedhe; “Akkas gochuun qajeelaa hin taʼu; aarsaan nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf dhiʼeessinu warra Gibxi biratti jibbamaa dha. Kunoo, yoo nu aarsaa fuula isaanii duratti jibbamu dhiʼeessine isaan dhagaadhaan nu hin tumanii ree?
27 Nous irons à trois journées de marche dans le désert pour offrir des sacrifices à Yahweh, notre Dieu, selon qu’il nous le dira. »
Akkuma inni nu ajajetti nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessuuf gara gammoojjii karaa guyyaa sadii deemuu qabna.”
28 Pharaon dit: « Pour moi, je vous laisserai aller, pour offrir des sacrifices à Yahweh, votre Dieu, dans le désert; seulement ne vous éloignez pas trop dans votre marche. Faites des prières pour moi. »
Faraʼoonis, “Ani akka isin gammoojjii keessatti Waaqayyo Waaqa keessaniif aarsaa dhiʼeessitaniif gadin isin dhiisa; garuu baayʼee fagaattani hin deeminaa. Isinis Waaqa naa kadhadhaa” jedhe.
29 Moïse répondit: Voici, je vais sortir de chez toi, et je prierai Yahweh, et demain les scarabées se retireront de Pharaon, de ses serviteurs et de son peuple. Mais que Pharaon ne trompe plus, en ne permettant pas au peuple d’aller offrir des sacrifices à Yahweh! »
Museenis akkana jedhee deebise; “Kunoo, ani akkuman si biraa deemeen akka bor tisiisni Faraʼoon irraa, qondaaltota isaatii fi saba isaa irraa kaʼu Waaqayyo nan kadhadha. Yaa Faraʼoon ati garuu, akka sabni kun Waaqayyoof aarsaa dhiʼeessuuf gad dhiisuu diddee ammas nu hin gowwoomsin.”
30 Moïse sortit de chez Pharaon et pria Yahweh.
Museenis ergasii Faraʼoon biraa baʼee Waaqayyo kadhate;
31 Et Yahweh fit selon la parole de Moïse, et les scarabées s’éloignèrent de Pharaon, de ses serviteurs et de son peuple; il n’en resta pas un seul.
Waaqayyos akkuma Museen isa kadhate sana godhe; tisiisni sunis Faraʼoonin, qondaaltota isaatii fi saba isaa gad dhiisee deeme; tisiisni tokko iyyuu hin hafne.
32 Mais Pharaon endurcit son cœur cette fois encore, et il ne laissa pas aller le peuple.
Faraʼoon garuu ammas mata jabeessa taʼe; saba sanas gad dhiisuu dide.