< Daniel 10 >

1 In the third year of Cyrus king of Persia, a message was revealed to Daniel, who was also called Belteshazzar. This message was true. It was about a great war. Daniel understood the message when he had insight from the vision.
Bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa sadaffaatti Daaniʼel isa Beelxishaazaar jedhame sanatti mulʼanni tokko mulʼate. Ergaan isaas dhugaa fi kan waaʼee waraanaa ibsu ture. Hubannaan ergaa sanaas mulʼataan isaaf kenname.
2 In those days I, Daniel, was in mourning for three weeks.
Yeroo sanatti ani Daaniʼel torban sadii nan booʼe.
3 I ate no delicacies, I ate no meat, I drank no wine, and I did not anoint myself with oil until the completion of three entire weeks.
Hamma torban sadan sun raawwatamanitti ani nyaata filatamaa tokko illee hin nyaanne; fooni yookaan daadhiin wayinii afaan koo hin seenne; dibata tokko illees hin dibanne.
4 On the twenty-fourth day of the first month, as I was beside the great river (that is, the Tigris),
Bultii digdamii afuraffaa jiʼa jalqabaatti ani utuun qarqara laga guddichaa Laga Xegroos irra dhaabadhee jiruu,
5 I looked up and saw a man dressed in linen, with a belt around his waist made of pure gold from Uphaz.
ol ilaalee namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatee sabbata warqee Uufaazii qulqulluu mudhii isaatti hidhate tokko fuula koo duratti arge.
6 His body was like topaz, and his face was like lightning. His eyes were like flaming torches, and his arms and his feet were like polished bronze. The sound of his words was like the sound of a great crowd.
Nafni isaa akka biiralee, fuulli isaa akka balaqqee, iji isaa akka guca bobaʼuu, irree fi miilli isaa akka naasii dibamee cululuqee, sagaleen isaa immoo akka sagalee namoota baayʼee ture.
7 I, Daniel, alone saw the vision, for the men who were with me did not see the vision. However, a great terror came on them, and they ran away to hide themselves.
Namni mulʼata sana arge anuma Daaniʼel qofa ture; namoonni na wajjin turan hin argine; garuu sodaan guddaan isaan qabatee baqatanii dhokatan.
8 So I was left alone and saw this great vision. No strength remained in me; my bright appearance was turned into a ruined look, and no strength remained in me.
Kanaafuu ani mulʼata guddaa kana ilaalaan kophaatti hafe; humna nan dhabe; fuulli koos ni geeddarame; nan laafes.
9 Then I heard his words—and as I heard them, I fell on my face in deep sleep with my face to the ground.
Kana irratti ani utuu inni dubbatuu nan dhagaʼe; ani akkuman isa dhagaʼeen adda kootiin lafatti gombifamee hirribni cimaan na qabe.
10 A hand touched me, and it made me tremble in my knees and the palms of my hands.
Ergasii garuu harki tokko na qabee utuu ani holladhuu harkaa fi jilba kootiin na dhaabe.
11 The angel said to me, “Daniel, man greatly treasured, understand the words that I am speaking to you. Stand upright, for I have been sent to you.” When he had spoken this message to me, I stood up trembling.
Innis, “Yaa Daaniʼel, ati kan akka malee jaallatamte dubbii ani sitti himuuf jiru sirriitti qabadhu; ani gara keetti ergameeraatii ol kaʼi” jedhe. Anis yommuu inni waan kana naan jedhetti hollachaan kaʼee dhaabadhe.
12 Then he said to me, “Do not be afraid, Daniel. Since the first day you set your mind to understand and to humble yourself before your God, your words were heard, and I have come because of your words.
Ammas akkana naan jedhe; “Yaa Daaniʼel hin sodaatin. Guyyaa tokkoffaa gaafa ati hubannaa argachuu fi fuula Waaqa keetii duratti of xinneessuuf murteessitee jalqabee dubbiin kee dhagaʼameera; anis deebii isaa fidee dhufeera.
13 The prince of the kingdom of Persia resisted me, and I was kept there with the kings of Persia for twenty-one days. But Michael, one of the chief princes, came to help me.
Ergamaan guddichi mootummaa Faares garuu bultii digdamii tokko naan morme. Sababii ani ilma mooticha mootummaa Faares wajjin achitti hafee tureef hangafoota ergamootaa keessaa Miikaaʼel na gargaaruuf dhufe.
14 Now I have come to help you understand what will happen to your people in the last days. For the vision is for days yet to come.”
Ani amma waan gara fuula duraatti saba kee irra gaʼuuf jiru sitti himuuf dhufeera; mulʼanni sun waan yeroon isaa amma illee hin gaʼin argisiisaatii.”
15 While he was speaking to me using these words, I turned my face toward the ground and was unable to speak.
Utuma inni waan kana natti dubbachaa jiruu ani mataa gad qabadhee waanan dubbadhus dhabe.
16 One who was like the sons of man touched my lips, and I opened my mouth and spoke to him who stood before me: “My master, I am in agony because of the vision; I have no strength left.
Ergasii inni nama fakkaatu tokko hidhii koo tuqe; anis afaan banadheen dubbachuu jalqabe. Isa fuula koo dura dhaabachaa ture sanaanis akkanan jedhe; “Yaa gooftaa ko, ani sababii mulʼata sanaatiif dhiphadheera; humnas dhabeera.
17 I am your servant. How can I talk with my master? For I now have no strength, and there is no breath left in me.”
Yaa gooftaa ko, ani garbichi kee akkamittan si wajjin haasaʼuu dandaʼa? Humni koo dhumeera; ani hafuura baafachuu illee dadhabeera.”
18 Again the one with an appearance of a man touched me and strengthened me.
Ammas inni nama fakkaatu sun na tuqee humna naa kenne.
19 He said, “Do not be afraid, man greatly treasured. May peace be to you! Be strong now, be strong!” While he was speaking to me, I was strengthened. I said, “Let my master speak, for you have strengthened me.”
Innis, “Yaa namicha akka malee jaallatamte, hin sodaatin; nagaan siif haa taʼu! Amma jabaadhu; jajjabaadhus” naan jedhe. Yeroo inni natti dubbatetti ani nan jajjabaadhee, “Yaa Gooftaa ko, ati waan na jajjabeessiteef dubbadhu” isaan jedhe.
20 He said, “Do you know why I have come to you? I will soon return to fight against the prince of Persia. When I go, the prince of Greece will come.
Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Ati waan ani gara kee dhufeef beektaa? Ani ergamaa guddicha mootummaa Faares loluuf nan deebiʼa; yeroo ani deemutti immoo ergamaan guddichi mootummaa Giriik ni dhufa;
21 But I will tell you what is written in the Book of Truth. There is no one who shows himself to be strong with me against them, except Michael your prince.”
garuu ani duraan dursee waan Kitaaba Dhugaa keessatti barreeffame sittin hima. Isaan loluufis Miikaaʼel hangafticha keessan malee kan na gargaaru kan biraa hin jiru.

< Daniel 10 >